BREAKING NEWS:- Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏

Amajjii 25, 2015 | Gabaasa Qeerroo Finfinnee


Guyyaa har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa oolanii jiran. 

Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.

Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.

No comments:

Post a Comment