Fimaata Fakkeessaa Wayyaaneen Gaggeessaa Jirtu Ilaalchisee Diddaan Uummanni Oromoo Taasisaa Jiru Abdachiisaa Dha. Ibsa Qeerroo, Amajjii 24, 2015

Amajjii 25, 2015 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa
Ummanni Oromoo baroota 23 darban dararaa fi cunqursaan sirna bittaa mootummaa Wayyaanee jalatti irra gahe seenaa jireenya isaa keessatti takkaa argee kan hin beekne, hidhaa, ajjeechaa, arihamuu, biyyaa fi qabeenya saamamuu irra darbee qaamaa qalbiin manca’ee jira.

Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee filmaata Caamsaa 2015 keessa gaggeessuuf jecha uumatni Oromoo dirqiin akka isa filuu fi kaardii filatnnoo humnaan raabsuu eegalee jira. Ta’us cunqursaan baroota darbanii laalaan isaa hammaataa waan ta’eef ammos hacuucaa fakkaatu baadhachuu irra diddaa gabrummaa jabeessuun bilisa of baasuuf murteeffatee jira. Haala kanaan mootummaa cunqursaa filuu diduu fi kaardi har’aa fudhachuu diduu irratti hamma ammaa diddaa uumanni Oromoo muldhise jabaadha. 

Akka Qormaata maadheelee Qeerroo mootummaa keessaa argametti uumanni Oromoo dhibbentaadhaan yoo ilaalle Oromiyaa keessatti filannoof kaardii kan fudhate 5.6% kan hin caalleedha. Kun heddummina uumata Oromoo filuuf ulaagaa guutu waliin yeroo ilaalamu haalaan gadi bu’aa waan ta’eef diddaan uumati Oromoo taasisaa jiru jaran akka jabaatuu fi galmi isaa biyya ofii dhuunfachuun sirnaa fi mootummaa bilisa ta’e ijaarrachuu irratti akka dhaabbatu Qeerroon waamicha dabarsa.

Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.
Ibsa Guutuu Duubisuuf Addana Tuqaa  

No comments:

Post a Comment