Labsa Tokkoomuu ABO fi KY - ABO

Amajjii 10, 2015 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Yeroo ammaa haalli hamaan ummanni keenya biyya isaa Oromiyaa keessatti mudachaa jiru himamee kan hin dhumne tahuus haala sukaneessa akka tahe beekamaa dha. Ummanni Oromoo biyya isaa keessatti mirga abbaa biyyummaa dhaabee, lafaa fi qabeenyi isaa akka malee saamamee, badii takkan maletti hidhamaa fi ajjeefamaa jira. Ajjeechaan jumulaa ummata Oromoo irratti mootummaa TPLF (EPDRF)n tooftaa dhoksaan raawatamaa jira. Barattoonni Oromoo waan gaaffii mirgaa gaafataniif, mana barnoota sadarkaa adda addaatti fi universitooata keeysatti rasaasan ajeefamaa fi hidhamanii gochaan garajabinaa ilma namaarratti hin raawwatamne irratti hojjatamaa jira.

 
Kanneen hidhaa diinaa jalaa miliqan barnootarraa arihamuu fi biyyoota ollaa keessatti alloolamuurraa bilisa tahuu hin dendeenye. Miidhaa fi darara ar’aan tana ummata keenya akka ummataatti irratti raawwachaa jiraniin alatti Oromiyaa qircachuu/ciranii hiratuudhaan balleessuuf saganteefatani jiru. Kana malees, Oromummaa sammuu Oromoo keessaa haquudhaaf tattaaffii godhamaa jirtu ofirraa faccisuudhaa fi mirgaa fi eenyummaa Oromoof caalaatti wabii tahuudhaaf maloottan jiran keessaa malli inni tokko Oromoon akka sabaatti; jaarmoonni siyaasaa Oromoo fi Oromummaa akka dhaabaa fi gurmuutti wal tahuudhaan diina innikkaa dura dhaabbatuun tarkaanfii murteessaa fudhachuun barbaachisaa dha.



Waan taheef, marii Araaraa fi Tokkummaa ABO fi Koree Yeroo ABO (KY-ABO) gidduutti waggaa lamaa oliif deemaa turte xumura itti godhuun tokkummaadhaan akka dhaaba tokkootti sochoo’uf murtii irra geenyee jirra. Dhaaba keenya ABO jalatti miseensota, hoogganoota, fi qabeenya keenya akkasuma beekkomsaa fi dandeettii teenya walitti dabaluudhaan caasaa tokkicha jalatti Qabsoo Bilisummaa Oromoo tan ABOn gegeeffamtu akka qaama tokkootti finiinusuuf tokkoomne jirra. Jaarmayootiin tokkooman kun sagantaa, heeraa fi seera ABOtti buluu fi hujiirra oolchuuf akka jabeenyaan hojatan mirkaneessanii jiru. Mariin tokkoomuuf godhamaa ture kun yeroo hamma tokko fixullee ABO fi KY – ABO bara haaraya Amajjii 1, 2015, waliigaltee jaarmayoota kanaa haala abdii fi hamilee qabuun mallatteessudhan xumuramuu isaa miseensota, deeggartootaa fi ummata Oromoo yeroo beeksisan gammachuu guddaadhani.

Mormii fi waldhabbii yaadaa nu jidutti dhalatteen adda bahuun keenya ummata Oromoo fi firoottan isaa yeroo gadisiisu, diinotii fi farreen QBO warra tahan akka itti gammadan tasiseeti ture. Arra ammoo walii galtee fi tokkoomuun jaarmayoota keenyaa ummata Oromoo kan gamchiisu yoo tahu, diinottii fi warreen farra QBO tahan akka gaddisiisu beekamaadha. Rakkina QBO mudate irra aanuuf jaarmayoota fi gurmuu qabsaawotaa kanneen kaayoo Bilisummaa Ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyatti amanan walitti deebi’uun mooraan QBO jabeessuun barbaachisaa waan taheef, waliigalteen kun moraa qabsoo itichuuf tattaaffii godhamaa jiru keessaa qooda guddaa qaba janna. Ummatni Oromoo fi deggertoonni QBOtis fiixa bahiinsa walii galtee araaramuu fi tokkomuu ABO kana karaa hundaan akka cinaa dhaabbatan waamicha keenya dabarsina.

Haaluma kanaan, moraa QBO caalaatti itichuuf mariin dhaabootaa fi murnoota waliin deemaa jiru itti fufiinsaan akka xumura argatu gama keenyaan waan nurraa barbaachisu gochuuf waada keenya irra deebinee haaroomsina. Jaarmayoonni moraa Qabsoo Bilisummaa itichuuf fedhii fi hawwii qaban martuu gama isaaniitiinis akka waan barbaachisuu hunda godhani yaada eebifamaa kana milkeessuuf hojjattan waamicha goona.

Miseensoota, deegartoota fi ummanni keenya hundi moraa QBO itichuun akeeka ABO tahuu fi mareen kun barbaachisaa akka tahe hubachuun, akeeka kana dhugoomsuu irratti waan barbaachisu hunda akka gootan waamicha keenya isiniif dabarsina. Akkasuma walii galtee ammaa kanas mikeessuu fi hojiitti hiikuuf obsaan, garaa-bal’ina fi gamnummaan akka sochootan yaadachiifna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
KY – ABO

No comments:

Post a Comment