Ibsa Ejjennoo Haala Yeroo Irratti Paartiin Kongirensii Federaalawaa Oromoo(KFO) Baase!!

Gurraandhala 18, 2015 |

Ministeera dhimma Federaalaa keessatti Ministeera Olaanoo kan turanii fi yeroo ammaa kana Waajjira Muummicha Ministeeraa keessatti Gorsaa Olaanoo ta'uu dhaan kan tajaajilaa jiran,akkasumas Ministeera dhimma Magaalota biyyattii kan ta'an Obbo Abbaay Tsehayyee Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee Ilaalchisuu dhaan Haasawaa isaan taasisan tuqaalee armaan gadii irratti Olaantumaa Seeraa Kan Cabsee fi Kabaja uummata kan Mulqe waan ta'eef Cimsinee ni Mormina.


1ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbay Tsehayyee Dhaadatan Seera Fi Heera ittiin bulmaataa cabsuu dhaan Uummata Keenya irratti Lola kan labse waan ta'eef Cimsinee ni Mormina.
2ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbaay Tsehayyee dhaadatan Tuffii Motummaa Naannoo Oromiyaaf qaban qofa osoo hin taane Tuffii uummata Oromoof qaban kan agarsiisu waan ta'eef cimsinee ni Mormina.
3ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbaay Tsehayyee dhaadatan kun Seera ittiin bulmaata biyyattii keessaa Ofiin Of Bulchuu Mootummoota Naannoo Keewwata 50-52 irratti barreeffamee jiru kan Cabse waan ta'eef Cimsinee ni Mormina.
4ffaa:-dhaadannoon obbo Abbay Tsehayyee uummata Oromoo irratti dhaadatan seera ittiin bulmaata biyyattii Keewwata 42 Lakkoofsa 2 fi 4 irratti akkasumas Keewwata 89 lakkoofsa 6 irratti barreeffame Burkuteessuu dhaan Murtee uummata Hin hirmaachisne Murteessuuf waan dhaadataniif Dhaadannoo isaanii kana cimsinee ni Mormina.

Walumaa Galattii Obbo Abbaay Tsehayyee Gita Hogganummaa biyyattii isa olaanaa irra Osoo jiranii Seeraa fi Heera biyyattii Cabsuu dhaan dhaadannoo isaan Tuffii uummata Oromoof qaban Ittiin dhaadatan Paartiin keenya cimsee ni morma.Kanaafis Olaantummaan Seeraa biyyattii keessatti akka Kabajamuuf Mootummaan biyyattii Obbo Abbay Tsehayyee to'annoo Seeraa Jala oolchuu dhaan Tuffii uummata Oromoo irratti agarsiisaniif akka itti Gaafataman Cimsinee ni Gaafanna!!!

Kongirensii Federaalawaa Oromo(KFO)!!!

No comments:

Post a Comment