Gufuu qabsoo bilisummaa Oromootti baayyachaa jiruuf falli tokkichi, Oromoo fi Oromoon hojii manaa keenya sirnaan dalaguun, kan beellama itti qabannu miti. Keessumaa dhaabbileen siyaasaa:- [Kutaa 2ffaa]

Gurraandhala 18, 2015 | Camadaa Hundee* Irraa | Gadaa.com
Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
Barruu kutaa tokkoffaa keessatti Oromoon humna taanu malee, haqa keenya goonfachuu akka hin dandeenyee fi kana gochuuf ofirratti hirkannoo dhugaa huummachuu akka qabnu tuquu yaalee jira. Ofirratti hirkannoo keenya jabeessuuf hojii manaa keenya akka Oromootti adda baafnee raawwachuu akka qabnu tutuqeera.

Humna ta’anii jabaachuun kan dhufu, yoo ijaaramnii dha. Ijaarsi bakka hin jirretti humna ta’uun hin jiru. Humna ta’uu qabna yeroo jedhamu qawwee hidhachuu duwwaatti namootiin ilaalan ni jiru. Dhugaadha hidhachuun kan humna nama taasisan keessaa isa tokkoo dha. Garuu ummata ijaarametu hidhatee mirga isaaf falmata. Kan ijaarsa cimaa hin qabne qawwee amma fedhe itti tuulanis bu’a qabeessa hin ta’u. Kan darbe irraa barachuu kan nu barbaachisu keessaa dhimma isa ijoo dha. Qawween dhabamee otoo hin taane, ijaarsa qawwee hidhachuu danda’u uumuu dadhabuu keenyaa dha. Kanaaf humna kan nu taasisu inni guddaan ijaaramuu dha.
Asi irratti jala muramee ka’uu kan qabu ijaarsi hooggansa siyaasaa wajjin kan dhufuu dha. Dureen qabsoo sabaa, hooggansa haala guddina siyaasaa wajjin hin tarkaanfanne madda rakkoo ta’a. Hoogganni asirratti murteessaa ta’ee dhufa. Hoogganni waanta bakka qabatanii taa’niif ykn muudamaniif kan badhaafaman miti. Hoogganummaan turmaata qabsoo keessatti lakkawwachuun kan dhaalamu miti ykn kennaa gosaan, naannoon, wal beekumsaan itti argamu miti. Hoogganni gochaa dha. Hogganni guddina qabsoo gara fuunduraatti tarkaanfachiisuu dandahuu dha. Hoogganni murtee murteessuu dandahuu dha. Murtee murteesseef itti bahi isaa fafas ta’ee mishooma fiduuf, itti gaafatama fudhachuu dandahuu dha. Hoogganni waa murteessuu irra of qusatee yeroo haalli wahii jijjiramuu jennee turre jedhee kan namatti malaakamu miti. Haala uumee, haala hoogganuu dandahuutu hooggana jechisiisa. Hoogganni dhaloota angafa irraa gara dhaloota harawaatti yeroon dabarfamaa deemuu danda’uu fi dhalooti haarawaan deeggaraa otoo hin taane, hoogganaa qabsoo ta’ee akka gahee isaa taphatu mamii tokko malee hirmaachisuu dandahuu dha. Kanaaf ijaarsa bu’a qabeessaa fi Oromoo akka Oromootti humneessu argamsiisuuf hoogganni murteessaa dha. Hoogganni qabsoo siyaasa Oromoo tarsimoo fi toftaan qabsoo keenyaa maal ta’uu qaba jedhee isaaf kan malu ijaarsa bu’a qabeessa qabaachuu qaba. Kanaaf jecha hojiin manaa keenya inni guddaan isa kana kana gochuu danda’uu qabna. Gochuufis humnaa fi amilee itti qabna. Garuu murteeffachuun ammas nu harka jira. Kanaaf hanqinoota karaa kanaan jiran otoo irra hin dibiin hiikkachuun akka sabaatti humna nutaasisa. Alagaan kan nuti roorrisuuf ijaarsa jabaa hundeen jijjirama fiduu malu qabaachuu dhabuu keenya hubatee ti. Kanaaf hanqina qabnu hubannee fala bu’uraa barbaaduun murteessaa dha. Ijaarsa lafarratti muldhatu duwwaatu fala ta’a.
Gufuun qabsoo inni guddaan tokko ijaarsa humna nutaasisu dhabuu keenya irraa kan madde, ummata wayyaba , qabeenya wayyaba, lafa tarsiimoo taanee otoo jirruu nutti roorrifamaa jira. Angawaan TPLF ABBAAY TSAHAAYYEE kan inni akka sabaatti tuffii nuuf qabu qaanii tokko malee (“ልክ አስገባናቸዉ አሁንም ልክ እናስገባቸዋለን”) kan nuun jedheef ijaarsa jabaa qabaannee humna ta’uu dhabuu keenya sirriitti hubatee ti. Saba bicuu ta’anii ijaarsa jabaa qabaachuun isaanii ummata wayyaba garuu kan ijaarsa cimaa hin qabaanne yeroo argan, afaan nutti haqatan. Kanaaf duuti keenya, TPLF biratti du’a saree ti. Namni keenya ergamaaf malee mirga isaaf akka hin falmachuu hin dandeenye miirri TPLF itti himee jira. Sababni ABBAAY TSAHAAYYEE akkuma sirnoota isa dura turanii afaan nutti haqateef OPDO salphina uuffatee ummata guddaa salphisiisaa jirtu waanta of cinaatti argaa jiruuf. Amma namni sareef kabajaa kennuuf illee OPDOf kennuu didee waltajjii irratti salphise. Kun akka Namtichi TPLF yaadee dubbate kanatti kan mataa gadi nucabsu otoo hin taane, daran akka jabaannee qabsoo keenya gara humna ta’uutti jijjirru nu akeeka. Kanaaf hojii manaa keenya guddaa kana yeroon xumurachuu qabna. Hanqinoota qabnu otooo irra hin dibiin dirreetti baafnee furachuu qabna. Ijaarsa keenyaaf dhimmoota danqaa nutti ta’anii jiran ifatti dubbannee fala itti kennuu qabna.
Hojii manaa keenya isa sadaffaa barruu itti aanu keessatti dhiheessuuu yaala.
========================================================================
*Camadaa Hundee: camadaa@gmail.com

No comments:

Post a Comment