Shiftaa Natti Moggaaftee…? Walaloo Usmaan Baayyuu Irraa

Gurraandhala 04, 2015 | Usmaan Baayyuu Irraa


Salaale biyya gootaa
Biyya Taaddasaa Birruu
Leenca diinaa hin sarminee
Kan akka Agarii Tulluu

Goota hedduu biqilchitee
Kanaan beekkamti duruu
Shiftaa jettee fannistus
Nu si sodaataa hin jirruu!
Lakki du’a hin sodannu
Gaafa dhalannee duunee
Seenaa hojjannee tarraa
Dhiiga keenyaan katabnee !
Mirga kotiif falmannaan
Shiftaa natti moggaaftee
Lubbuun koo na hobbaanaan
Reeffa koo yoo fanniftees
Anarraa homaa hin fuutuu
Ofii keef of salphiftee,
Atumti shifta ta’uu
Ofitti rageessite !
Gara-jabummaan kankee
Of-duuba nu hin deebisuu
Daraanu nu kakaasaa
Qabsoorraa nu hin daangeessuu !!!
*********************************
Waloon: Usmaan Baayyuu

No comments:

Post a Comment