Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiquur Incinniitti fi Godina Wallaggaa Anaa Ebantuutti Barattootni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa FDG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 19, 2015 | Gabaasa Qeerroo

Godina Shaggar aanaa Xiiqur Incinniitti Bitootessaa 18,2015 Goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi Uummatni walitti dhufuun FDG haalaan qindaa’a ta’ee dhoosuun waraana wayyaanee waliin wal dura dhaabbatan. Mootummaan wayyaanee yeroo dhiyoo baatii tokko keessatti bosona Oromiyaa keessa jiruu fi warashaalee qabeenyaa guddaa qabatee jiruu ibiddaan barbadeessa kan jiru yoo ta’uu, Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiiquur Incinniitti kan argamuu bosonnii guddaan ‘’Bosona Roggee ‘’jedhamuun kan beekamuu aanaa Xiquur Incinnii keessatti kan argamuu harka mootummaa wayyaaneetiin ibiddii itti qabsiifamee barbada’aa jiraachuun walqabatee Qonaan bultootni fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi manneen barnootaa sarakaa 1ffaa walitti dhufuun hiriirrii mormii guddaan Aanaa Xuqur Incinnii keessatti gaggeeffame.

Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’iinaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa finiinsuun uummataa, hojjettoota, daldaltoota, qonnaan bultoota fi poolisootni Oromiyaa sabboonummaa qaban illee kan keessatti argaman FDG jabaan sagalee dhaadannoo guddaa dheekamsaan guutamee wayyaanee irratti dhageesifama ole. Gaaffii armaan gadii fi dhaadannoo Oromiyaa faarsuu fi qabasoo uummata Oromoo haala finiinsuu dhageesisuun Fincilli jabaan itti fufe .
  1. Gaaffiin goototni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Oromiyaa, Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Harammayyaa, Adaamaa, Madda walaabuu fi dhaabbilee barnoota olaanoo addaa addaa irraa gaafatamaa jiru gaaffi keenyaa deebii argachuu qaba.

  2. Deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii barattootni keenya gaafataniif Mootummaan TPLF/EPRDF/OPDO’ ajjeechaa, hidhaa, fi barnoota irraa arii’uu fudhachaa turee fi amma illee fudhachaa jiruuf Mootummaan itti gaafatamuu qaba.

  3. Maqaa Master Pilaaniin Finfinnee jedhuun karoorrii Oromiyaa diiguu xiqqeessuu fi Oromoo garboomsuuf gaggeeffamaa jiruu guutummaatti haqamuu qaba.

  4. Yeroo dhiyoo baatii tokkoo hin guutne keessatti qabeenyaan Oromiyaa bosonnii fi warshaaleen gurguddaa lafee dinagdee biyyatti ta’an harkaa mootummaa wayyaaneetiin gubamanii barbadeeffamaa jiru, kanaaf nuti Oromoon ibiddaa Oromiyaatti qabate dhaamsuuf yoom iyyuu rafnee hin bullu. Mootummaan Wayyaanee bosonaa Oromiyaa gubachaa jiruuf seeraa addunyaatti dhiyaatee itti gaafatamuu qaba.

  5. Bosonnii Roggee Aanaa keenyaa Xiquur Incinnii Ammayyaa fi Tokkee Kuttaayyee, fi Daannoo daangessuu ibiddaan gubatee barbadaa’aa jiruuf Mootummaan wayyaanee gaafatamuu qaba, Nuti Oromoon gamtaan kaanee ibiddaa harka diinaan bosona keenya barbadeessa jiru ni dhaamsina. Jechuun dhaadannoo garaagara keessattuu ABO’ gaacha keenya, ABO dimookiraasii dhugaaf qabasaa’a. ABO nu bulchuu qaba isin nu hin bulchitan jechuun sagalee guddaa  dhageesisuun guutummaa Aanaa Xiquur Incinnii raasaan, dargaggootni Oromoo kabinoota ergamtuu Wayyaanee OPDO, sochii dargaggootaa fi uummata dura dhaabbachuuf bobbaafaman dhagaan dura dhaabbachuun haleeluun of irraa deebisan, humna waraana wayyaanee FDG kana dhaamsuuf bobbofameen sabboontotni Oromoo hedduun humnaan qabamanii hidhatti darbamuun qonnaan bultoota dhiiga danfisee ijoolleen keenya hiikamuu qabu, isin hidhamuu qabduu warrii biyya gubaa jirtan jechuun dura dhaabbatan, warraaqsii kun ganama irraa eegaluun hanga galgalaatti kan itti fufe yoo ta’uu manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hangaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaatti jiran cufamaniiru. Waraabbii sagalee fi vedio akkasumas suuraa isin qaqqabsifna. Sochii Oromiyaa keessatti gaggeeffamuun walqabatee tajajila networkii fi interneetee ukkamsa jirti.

No comments:

Post a Comment