Ibsaa Nagawoo jiili Adda Dimokraatawaa Oromoo (ADO) Obbo Leencoo Lataatiin hoogganamu Finfinneetti deebi'uu ilaalchisee

Bitootessa 19, 2015 | Face Book Ibsaa Nagawoo Irraa

"Namootni yertuun abdii ilaalchaa kutatan harka kennatannii biyyatti galan " qabsoo ala irraa biyyatti galchina" jedhannii yammuu dubbatan qaana'u dhabu isaanniitu na raajeessa. Ummatni Oromoo kan biyya keessatti faashistoota waliin wal hudhee jiru maal godhaa jiraa? Qabsaawaa hin jiruu dhaa? Gootowwan Barattootnii fi qeerroon Oromoo qabsaawaa hin jiran jechuuf adeema moo, dhiigni Barattoota Oromoo kan Amboo, Baalee, Harargee, Jimmaa fi kkf keessatti dhangala'e qabsoo "biyya alaa turteef turree? Qabsaawootni Oromoo gara 80, 000 ol mana hidhaa kan jiran qabsoo biyya keessatti osoo gaggeesannu ta'uun hafee, akka ummatni biyya keessa jiruu fi ture qabsoo ala ta'ee qabsoonis warra qabsicha dadhabsiisee humna WBO faccaasee maati isaa fudhatee alatti gadii ori'ee waliin qabsoon baqatee, amma ammoo jarrumaan gaaga'ama uummata Oromoo irra gahee Kanaaf herreega siyaasaa fi waraanaa gara kufaatiin Oromoo gahee hojjatan kadhaan yeroo faashistoota TPLF ti galan qabsoo ala irraa biyyatti galchina jedhannii dubbachuun tufii barattootaa fi ummata Oromoo kan biyya keessatti qabsaawaa jiranniif qaban agarsiisuu bira darbe "qabsoo" jechuun nuhi yeroo nuutti ala baane qabsoon ala baati, yeroo nuuti akka ta'eetu " biyyatti gale qabsoonis nu waliin galti yaada jedhu tilmaamaa jiran kun siyaasaa torttoraa Yeroon isaa itti darbee fi dogoggora daangaa hin qabne jedheen amana.

Waan gakaniif isaanniitu beeka. Ani Abbaan fedhe gara fedheetti galuuf mirga dhuunfaa fi walooti qaba. Garee fedheehu haa ta'uu waan dhimma Oromoo yeroo nan hojjadha jedhee dubbatuu fi hojjatu dhimmichi anas waan na ilaaluufin hanga kana jedhe. Qabsoo ummatni Oromoo eega isaannii ABUT qubachiisannii biraa baqatanni booda ummatni Oromoo biyya keessa jiru hin qabsoofne qabsoon amma biyyatti galchina jechuun kun doggoora fafaawaadh.

Ani namoota bitaa fi mirga orri'an Kanaaf dhuunfaan kabajaan qabaafi. Yeroo dogoggora hojjatan garuu waliitti himuu danda'un badii irraa nama oolcha jedheen amana. Kan biroo waan irraa of qusachu qabanniitu jira Hardha tiksitoota impaayyeerichaa kadhatannii biyyatti galuun " gootummaa" akka ta'ee fi Oromoota ala jiran kanneen " alabaa baatannii hiriira bahan" akka lugnaa fi sodaattootaa dhiheesuuf olooluun dogoggora booda itti awaalamuuf jiraatan waan ta'eef irraa deebbi'u qabu. Sababa Oromoon biyya irraa hedduminaan itti baqachu danda'e dagachuu isaannii waan ka'uuf jiraatuufin akka gorsaatti kaasuu barbaade. Kanarraa kan hafe osoo waan ta'u hin beekne nama of hadheesuun gaarii miti. Boru alatti bahuunis ni mala. Waan bara charter TPLF qubachiisee isiin alatti gadii yaasees hin dagatinaa.

No comments:

Post a Comment