OROMUMMAA dhugaa; [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa-ABO Irraa]

Bitootessa 14, 2015 | Abdii Baalee Oromiyaa-ABO Irraa

Akkam nagaa jirtuu, yaa ilmaan Oromiyaa,
Yaa qomoo Oromoo, obboleewwan kiyyaa,
Baga har'a geettan, hundi keessan fayyaa,
Yaadni koo isin biraa, yoo jiraadhes bayyaa,
Galata Rabbii guddaa, anilleen nagayaa!!!!!!!!!

Dhiifama naaf godhaa, xinnoo waa haasayaa, 
Qalbiin adda baasaa, gurraan na dhagayaa, 
Waa'ee Oromootaa fi waa'ee harmee biyyaa, 
Kan hedduu na dhibe, waa'ee lammii kiyyaa, 
Irratti mari'adhaa, furmaata naan gayaa!!!!!!!
Galata Rabbii guddaa, qaamaan numa jirraa,
Akka qorsoo bishaanii, fagaannus walirraa,
Bakkuma jirtanittii barbaadaa wal baraa,
Oromummaa dhugaatiin Rakkina walii furaa,
Hanguma qabdanii fi yaadaan wal gargaaraa,
Walirraa hin dheessinaa, jabaadhaa hadaraa!!!!!
Waa'ee baqattummaa, yeroo wal gaafannuu,  
Waan heddutu jira, wanti nuti yaadannuu,  
Abdii sabaa fi biyyaati,gaafa karaa yaanu,  
Dureeyyii akkat mitii, wanti nu dhaadannu,  
Wallee, hin beekne silaa, akka abiddatti gamnu,  
Osoo beekna tahee, silaa manaa hin baanuu,  
Waa madaala hin qabu, rakkoon nuti baannuu,  
Nyaatuu fi dhuguudhaan jijjiiramuu hin taanuu,  
Ka'aa bakka jirruu, dhugaaf haa falmannuu,  
Duuti dhiiraa takkaa, si'a lama hin duunuu, 
Lukkeelee Wayyaanee, karaa haa hobbaafnuu, 
Gabroomsaa dullacha ofirraa haa kaafnuu, 
Hinjireewwan Kaabaa, Finfinnee haa yaafnuu!!!!!!!!
Rakkinaa fi bal'inaan miira waliif obsuu,
Bakkuma jiranitti, yaadaan wal jabeessuu,
Tokkummaa uumanii, aadaa ofii guddisuu,
Walitti dhihaatanii, seenaa wal barsiisuu,
Ilaalcha gargariin, wal qoqqooddaa dhiisuu,
Oromummaa dhugaa, qabsoon mirkaneessuu,
Rabbummaan tokkochi mee nu haa badhaasuu!!!!
Akkam nagaa bultee, jennee wal gaafannaa, 
Ofii biyyuma keenyatti alagaan dhiitamnaa, 
Mirgaa keenya dhabnee, biyyaa ari'amnaa, 
Akka Kuruphee mukaa, silaa adamfamnaa, 
Halkanii fi guyyaa, waraanaan eeggamnaa, 
OROMUMMAA qofaaf hidhatti darbamnaa, 
Inni kuun hidhama, kuuwwan mana rafnaa, 
Kuuwwan ajjeeffama, kuun biyyaa baqannaa, 
Biyyarraa baqachuu, waan gurguddoo seena, 
Kana rakkoo tahee, gamtokkoon madoofnaa, 
Kan du'e awwaalannee, deebineetiin rafnaa, 
Silaa,gariin namaa, diinaaf harka dhoofnaa, 
Silaa,abbaan garaa, dabarsee nu kennaa, 
Bakkayyuu adamsaa, warreen akka sanaa, 
Gaafas Bilisummaa kallattiin argannaa!!!!!!!!
Mee wal haa gaafannuu, nuti eessa jirraa,
OROMOOn gamtokkoo, maaliif rafa nurraa,
Dhiiroo Arsii fi Baalee maali oduun harraa,
Moo Bilisummaa dhuunfaa, argatani carraa,
Moo silaa Arsii fi Baalee gootatu dhumeeraa,
Silaa Bosona nurraa guban Cilaaloo gubbarraa,
Gaalamaan gubachuu, ani dadhabee garaa,
Osoo kana arginuu maal eegna diinarraa,
Warri itti dhihoo jirtan sosochoosaa maraa!!!
Qomoo Sikkoo Mandoo, ilmaan Arsii fi Baalee, 
Osoo lubbuun jirru, diinni maaf nu dhaalee, 
Warraaqsatti ka'aa, diinaan mormaa malee, 
Kan bosona gubaaruu, faallaan nutti galee, 
Warra nu gurguraa jiru, hattuun walii galee, 
Of keessaa haa baafnu, jaratu nu sakaalee!!!!
Gootowwan qabsoodhaa, goottan akka kalee,
Barataa fi barsiisaan keenya waliif galee,
Ummatnis ol ka'ee, goottan moggaa galee,
Wayyaanee fonqolchuuf, kunootii fincilee,
Dhaabni diinaa cabee, bututee akka malee,
Mataa qofaan hafe, caccabsan mogolee,
Sirni gabroomfataas, dhama'e akka malee,
Saba walitti buusaara, waan ta'u wallaalee,
Itti haa fuftu qabsoon, jabaadhaa ammallee,
Bilisummaa arguun, wanta nurraa hin oollee!!!!!
Oromummaa tanaaf, biyyarraa, darbamnee, 
Maatii keenya dhiifnee, biyyarraa baqannee, 
Mirgaa fi biyya gannee, godaantota taanee, 
Jalaa dheessuun maalii, biyyaa teenna gatnee, 
Namatu nu gabroomse, bilisaan dhalannee, 
Kaanee,haa falmannu, nama tokko taanee, 
Ofirraa haa kaafnu, hinjirree Wayyaanee!!!!!
Namuu fayyaa hin qabu, keessaan dhukkubsataa,
Yaada fi hawwii qabu, wal dhoksaa jiraataa,
Dhugaa haa dubbannuu, san waaqni jaalataa,
Sirritt wal haa taanuu, diinni nu sodaataa,
Karaarraa haa kaafnuu, gufuu nama nyaataa,
Deebii gaafii kootii, tokkummaan furmaataa,
Oromummaan dhugaa, yoo san nuuf mul'taa!!!
Dhaamsa koo dabarsaa, Oromoota maraa, 
Abdii Baalee Oromiyaa, asuma Afrikaa irraa, 
Walitti birmadhaa, sabni wal gargaaraa, 
Mataa diinaa dhahaa, gadhee morma muraa, 
Gabroomsaa kuffisuuf, wal wajjiin hiriiraa, 
Hanga yeroo biraatti nagaan naaf turaa!!!!      
Gadaan Oromootaa, Gadaa BILISUMMAA,
Akkanatti hin hafnu, galmi WALABUMMAA,
Itti fufti qabsoon, hanga BIRMADUMMAA,
Inuma arganna, mirga abbaa Biyyummaa,
Hundaa bira gahuuf,furmaanni TOKKUMMAA,
Walitti birmadhaa, gabroomfataa falmaa!!!!!!!!!
               
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO 
Bitootessa,12, 2015

No comments:

Post a Comment