
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii uummataa kanatti weeraruun waraanaa fi poolsoota federaalaa uummatatti gadhiisuun Uummataa nagaan karaa nagaa fi dimookiraasii mirga isaaf falmachaa jiruu irratti dhukaasuun ilmaan Oromoo nagaa shan rasasaan madeessuun ibsame jira. ilmaan Oromoo badii tokko malee HAROO LIMMUU irraa madeeffaman kunis:
Oromummaa isaanii qofaan rasaasaan reebamanni madeeffamuun ibsame jira. Haaluma Walfakkatuun AANAA EEBANTUU tti sochiin Uummataa jabaatee itti fufuun namootni hedduun hidhamuu fi mootummaan wayyaanee humna waraanaa gara kanattis guuraa jiraachuu maddeen keenya Qeerroo bilisummaa Oromoo nuf ibsan.1. Dargaggoo Dhaabaa Yaadataa ganda qotee bulaa Gidda Guuddoo2. Obboo Dhufeeraa Qannoo ganda Sugee3. Daragaggoo Taarkuu Dhugumaa ganda Sagiiroo4. obboo Baqqalaa Tamasgeen ganda Qarsaa Boolloo kannee keessatti argamaan
Yeroo amma kanatti warraaqsii FDG Godina Lixaa Oromiyaa AANAA MIDAA QANYII fi AANAA HAROO LIMMUU
keessatti haalaan jabachuun kan itti fufee jiru yoo ta’uu, Aanaawwaan
Kanneen akka Calliyaa Geedoo, Baakkoo, Siree , akkasumaas Horroo guduruu
wallaggaa Jimmaa Gannatii Haratoo fi Jimmaa Raaree Wayyuu irra Humni
waraana Wayyaanee buufatee uummata dura dhaabbachaa jira. Gabaasni
sochii warraaqsaa FDG kun itti fufa… rakkoo network fi interneetaa
guddaan rakkachaa jirra.
No comments:
Post a Comment