10363612 227946110750005 4465321962516974306 n
Oromoo tokko ajjeefame. AANAA MIDAA QANYIItti uummatni Filannoo fakkeesii fi gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannuu, korojoon wayyaanee dabballootaan itti guutamaa ture, filmaatichi akka walii galaatti umrii abbaa irree kan dheeressuu malee kan gabaabsuu mitii gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaaffachaa jiruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun Qeerroon goototni barattootni Oromoo Uummata waliin tauun karaa nagaa fi dimookiraasii utuu qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaatti hin buiin mirgii keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun sagalee mormii waan dhageessisan qofaaf waranni wayyaanee dhukaasa irratti banuun ilmaan Oromoo nagaa rasaasaan reebee ajjeese jira.

Kanneen rasaasaan reebaman keessa : . Obboo Giddiisaa Camadaa ganda Galaan Gumjee, kan ajjeefamee yoo tauu, qotee bulaan Oromoo mirga isaa kabachiifachuuf wareegama qaalii kanfalaa jira. mormiin uummataa haalaan jabaatee itti fufee jira.