Warraaqsa Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Engineering Waggaa 3ffaa Kan Baratu Gammachuu Mangistuu Fi Baratooti Hedduuminaan Poolisoota Wayyaaneen Reebamuun Midhaman.

Caamsaa 15, 2015 | Qeerroo Naqamte

11262363_10202878830052159_8220994329729989471_nBarattootni muummee Afaan Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa baratan Jira barumsa dhaabuudhaan kaleessa Caamsaa 14/2015 fincila kaasuu Qeerroon gabaase.
Yeroo ammaa barattootni Yuuniversitiilee keessa jiran barumsa dhaabuudhaan mootummaa wayyaanee filannoof of qopheessaa hala mijeeffataa jiru dura dhaabbatuun FDG finiinsuu eegalan, barumsi sirnaan kan kennamaa hin jirre Yuuniversitiilee Adaamaa,Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa, Finfinee, Haromayyaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa keessatti barataan yeroo itti bilisumma faarsaa jiru, barumsa dhaabee mooraa keessa dhaadannowwan garagaraa maxxansaa, sagalee dhaadannoo sagalee sirboota qabsoo dhageessisaa jiruudha. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Wallagga irraa nu qaqqabe addeessuun kaleessa galgala irraa kaasanii mooraa keessatti:


  • Nuti bilisumma barbaanna,
  • Dirree qabsoo dheebonne, WBO WBO nu qaqqabi,
  • Siifan lola yaa oromoo narra hin gortuu kan jedhus sirboota qabsoo dabalataan,
  • Bilisummaan oromiyaa geesseetti,
  • Yoomiyyuu wayyaaneef jilbeenfannee hin beeknu, wayyaaneen diina keenya
    ofirratti hin fillu,
  • Oromiyaan ni bilisoomti….
Jechuudhaan sagalee dhaadannoo dhageessisaa, sirboota qabsoo fi waraqaa balaliituus darbachuun barattoota guutuu mooraa Yuuniversitii Wallaggaa kaasuun hanga dargaggoota magaalaa kaasutti fincila kaasuu sabboontota Oromoo muummee afaan Oromoo baratan irraa ka’e barattoota hunda hirmaachisuu Qeerroon gabaasee jira. Humni waraana Wayyaanes ganama har’aa naannicha buufatuu gabaasni nu gahe ibsa. Yuuniversitii Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti barattootni halkan edaa waraqoota maxxansan barumsa hin barannu, bilisummaadhaaf qabsoofna, yaa barattoota Oromoo FDGn ammaa kaasee itti fufuu qaba ka’aa hin kaanaa diina biyyaa baasna jedhuun mooraa keessa bittimsanii turan kanaanis hidhatotni fi humni waraanaa naannicha buufatuu gabaasni
Haala kana keessatti loltooti Wayyaanee barattoota hedduu reebichaan miidhuu fi kanneen kaan qaamaan caccabsanii akka jiran qeerroon gabaasa,barataa  reebichaan miidhaman keessaa engineering Waggaa sadaffaa kan baratu barataa Gammachuu Mangistuu isaan keessaa haalaan miidhamee jira.

No comments:

Post a Comment