Wal ta'iinsaa fi Wal ganiinsa Torban tokko Keessatti

Fulbaana 14, 2015 VOA Afaan Oromoo

Oduu kanaaf ittiin ka’umsa kan ta’an obbo Mollaa Asgedom ibsa isaanii kan Ytube irraa argameen Mootummaa waliin hojjetaa turre jedhu.

Nuti jedhan obbo Mollaan qabsoo hidhannoo geggeessaa turre. Maqaa sochii keenya sochii dimokraasummaa uummata Tigraagyn ijaaramnee yeroo yerootti haalawwan jiran gamaaggamaa ennaa adeemnu, hiika kan hin qabaannee ta’uu isaaf haala mootummaa shabiyaas gad fageenyaan gamaaggamnee duraan qabsoo biyyaaf ta’a jedhu jalqabnee turre.  Adeemsa keessa garuu mootummaa waliin wal arguu dhaan marii bal’aa geggeessaa yeroo dheeraaf waliin hojjetaa turre. Loltuu shaabiyaa nu mudatu of duraa haxaa’aa akkuma argamu namoonni dadhabanii as ga’aniiru jedhan.


dura taa’ummaa Profesor Birhaanuu Neggaan sochiiwwan hidhannoo afur wal ta’uu dhaan qabsoo haara jalqabamuu isaa ibsamee guyyoota xiqqoo itti aanu tti -anaan isaanii obbo MOllaa Asgedom Ertraa gad dhiisanii Itiyoopiaa seenan.

Mudannoo lama ka torbanii ta’ee jira.

Waahilli keenya Solomon Kifle professor Birhaanuun jiranitti bilbilee ture. Dhimma Mollaa Asgedom ilaalchisee ibsa baasuuf qophaa’aa jiraachuu isaanii fi ibsa sana booda yoo inni dubbise filachuu isaanii ibsaniifii jiru.

Naannoo ka biroo bakka dura taa’aan sochii waliinii kan uummata Tigray jiran obbo Mekonnen Tesfaye jiranitti bilbiluu dhaan garuu ibsa kennaniifii jiru.

Hoogganaan keessan gara Itiyoopopyaatti deebi’uuf sababaan maali isa jedhuuf deebiin isaaii isaan jechuunis obbo Mollaa Asgedom fi namoonni xiqqoon isaan waliin deeman, fedha ofii isaanii guuttachuuf kanneen bulan malee sochii keenya sochii dimokraasummaa uummata Tigragy kan bakka bu’an miti jedhanii itti aansuu dhaan:
Obbo Mollaan dura taa’aa sochii keenya sochii dimokraasummaa uummata Tigraay ture. Dhaaba keenya gamaaggamni dadhabinni fi gaaffileen akkasumas jijjiiramni bulchiinsaa waan tureef aangoo irraa bu’uu isaa waan hubateef humnootii xiqqoo qabatee gara sudaanitti baqate jedhan.
 
Marsariitiin mootummaa Itiyoopiyaa deggeru kan Aiga Forum jedhu kaleessa kan ba’e ibsa gamtaa humnootii farra shororkaa  poolisii Federaalaa fi Tajaajila nageenyaa fi ragaa biyyoolessaa irratti obbo Mollaa Asgedom mootummaa Itiyoopiyaa waliin iciictii dhaan hojjetaa akka turee fi ergaa isaa raawwatee akka deebi’e ibsee jira.

Obbo Mollaan Ertraa keessa kanneen jiran mormitoota mootummaa Itiyoopiyaa basaasaa turan jechuu dhaa gaaffii jedhuuf obbo Mekonnen Tesfayee deebii kennaniin:
Kun nu gurguruuf waan inni godhe malee dhaabichi wal ta’iinsaan kan hojjetu gubbaa dhaa hamma gajjallaatti bulchiinsi jiru kan wal beeku fi fedhii qabsoo kan qabu dha.

Dhaabi keenya fuula duratti tarkaanfachuu fedha. Kanaaf jijjiiama bulchiinsatu barbaachisa waan jedhameef deeme. Amma garuu mootummaa Woyane waliin taanee hojjetaa turre kan jedhu kijibaa fi dadhabina isaa dhoksuuf kan dubbatame ta’uu mirkaneessuun fedha. Namoonni inni fudhatee adeemes akka hafarfamaa utuu hin taane hedduu xiqqoo dha jedhan. 

Sochiin keenya sochii dimokraasummaa uummata Tigraagy ibsa baaseen immoo dhaabi keenya namoonni akkasii qabsoo keessaa gananii ba’uun nu jabeessa, rakkoo keessa jiru qulqulleessa malee nu hin gufachiisu jedhan.

Qabsoon keenya sirna farra uummataa dhabamsiisee bilisummaa dhaan ga’uu dha jedhaniiru. Tajaajila nageenyaa fi ragaa biyyoolessaa fi gamtaa farra shororkaa kan poolisii federaalaa biraa ibsi ba’e jedhamu kun waa’ee obbo Mollaa Asgedoomi fi ergama isaanii Ertraa bal’inaan ibsee jira. Akkas jedha.

Waggoota dheeraa dhaaf gargaarsa mootummaa Ertraatiin ijaarmaa kan ture humnootiin badhii dhaqqabsiisn tajaajilli nageenyaaf ragaa humnootii kana keessa kanneen turan lammiiwwan biyya ofii jaal’atan waliin hariiroo dhoksaa uummachuu dhaan hojii qindoominaan hojjetameen humnoonni waraanaa hidhannoo guutuu waliin Fulbaana 1 bara 2008 gara biyya ofiitti deebi’uu isaa gamtaan farra shorokaa Itiyoopiyaa beeksiseera jedha.

Humnootii badii mootummaan Ertraa ijare keessa kanneen turan lammiiwwan itiyoopiyaa biyya ofii jal’atan waliin hariiroon eegale waggaa tokkoo ol ennaa ta’u gara tokkoon misooma saffisaa biyyattiin keenya irra jirtu dhiibbaa inni irra kaa’e, gama biraan immoo ajendaa mootummaan Ertraa misooma biyya keenyaa gufachiisuuf qabu waan hubataniif karaa kamiinuu meeshaa ergaa badiisaa kanaa hin taanu amantii jedhu kan qaban hoogganooti garee Sanaa tajaajila nageenyaa fi ragaa biyyoolessaa waliin hariiroo dhoksaa uummachuu dhaan gama adda addaan ergama badiisaa kan mootummaa ergraa fi humnootii shorokessota ka biroo fahsaleessuuf hojjetaa turan jedha ibsi kun.

Akkuma kanaan yeroo dhiyoo mootummaan Ertraa fi dhaabi shororkeessaa farra Itiyoopiyaa Ginbot 7 jedhamu walii galtee qopheeffatan irratti dura taa’aa sochii keenya sochii dimokraasummaa uummata Tigragy fi itti aanaa dura taa’aa Ginbot 7 kan ture Mollaa Asgedom ergaa mootummaa biyaa kennameefiin michoota isaa biyya jaal’atan kanneen biroo amansiisee ijaaruu dhaan ergaa badiisa Shaabiyaa fashaleessaa adeemsa jiru mara akka mootummaan barbaadutti geggeessaa erga turanii booda dirqama isaanii haala boonsaa ta’een xumurani hidhannoon isaanii akkuma jirutti gara biyya isaaniitti deebi’aniiru jedha ibsi ba’e kun.  Guyyaa borii immoo ibsa sochii baraarsa biyyaa kan professor Birhaanuu Neggaan hoogganamu kennu hordofuu yaaalla jechuu dhaan Solomoon Kifle gabaaseera.

No comments:

Post a Comment