ABO: Karoora Master Plaanii Magaalaa Finfinnee Irratti

Onkoloolessa 05, 2015 | Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo
Mootummaan Wayyaanee Karoora Master Plaanii Magaalaa Finfinnee Humnaan Hojii Irra Oolchuuf Murteeffachuun Isaa Qabsoo Mirga Abbaa Biyyummaa Ummata Oromoo Of Booda Hin Deebisu.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee/EPRDF/TPLF diinummaa ummata Oromoof qabu hojiin mul’isuu kan eegale aangootti ol bahee osoo hin bubbulini. Saboota biyya sana keessatti argaman keessaa hunda caalaatti diina angafa godhatee kan irratti duulaa turee fi har’as irratti duulaa jiru ummata Oromoo ti.
Biyya Oromoo Oromiyaa humna afaan qawween qabatee bulchiinsa gabrummaa fi abbaa irrummaa ummata Oromoo irratti erga diriirsee waggoota 24n darban keessatti dinagdee fi qabeenya ummatichaa saamee lammiilee hiyyoomsuu fi deegsuun gamatti, ummaticha gaaffii mirga abbaa biyyummaa irraa deebisuuf, qabsoo isaa dadhabsiisuuf danda’amuuf ammoo bal’eessuuf hedduu ajjeesee, kumoota kudhanootaan ammoo hidhaatti guureera. Kumootni dhibbootni sirna cunqursaa fi saaminsaa kana jalaa baqatanii biyya ambaatti koolu galtummaaf dirqamaniiru.

Hiraarrii fi cunqursaan saba Oromoo irra sirna abbaa irree wayyaaneen geessifamu har’allee babal’atee dameelee hedduu yaafatee gidiraa fi dhiphuu ummata Oromoo akkaan hammeessee jira. Hidhaan, ajjechaanii fi baqi akkuma jirutti ta’ee, maqaa guddina biyyaa, misoomaa fi investimentii jedhuun qonnaan bultootni Oromoo lafa isaanii irraa buqqaafamanii maatiin diigamaniiru. Duulli maqaa misooma biyyaa fi investimentiin geggeeffamaa jiru jireenya Oromoo hundee irraa kan qoree fi lafa akaakilee fi abaabilee irraa buqqisee ilmaan Oromoo hedduun kadhattuu fi harka ormaa ilaaltuu akka ta’an taasisuun dhugaa dirreetti mul’atuu dha.
Gartuun TPLF/EPRDF sirna cunqursaa fi saaminsaa itti fufsiisuuf Oromiyaa dhabamsiisee ummata Oromoo biyya dhablee taasisuuf karoora diinummaa bal’aa lafaa akka qabu dhokataa miti. Karoora isaa keessaa tokko kan ta’ee fi bara 2014 keessa hojii irra oolchuuf yaalee kan dura dhaabbannoon ummata Oromoo isa mudachuu irraa yeroofis ta’u jalaa gufatee ture Karoora Master Plaanii Magaalaa Finfinnee fi naannawa ishee ti.
Karoorri Master Pilaanii Magaalaa Finfinnee fi naannawa ishee jedhamu dhuguma akka sirnichi ololu Oromoo lafa isaa irraa kan hin dhiibnee fi hin buqqisne, jiruu fi jireenya isaa kan hin gaagaane, aadaa, seenaa fi afaan isaa irratti gaaddidduu kan hin buusne osoo hin taane, dhugaa qabatamaan lafa irraa mul’atu Oromoota Finfinnee fi naannawa sana marsanii jiran, kanarra iyyuu darbee haga fageenyaa irratti argaman kan buqqisuu fi diigu, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo kan dhabamsiisuu fi bulchiinsa alagaa kan warra gita bittootaa Oromoo irratti kan goobsu akka ta’e qabatamaan mul’ata. Alagaa investara taasisee Oromoo kumoota dhibbaan kan hiyyeessa gadadaawee fi kadhataa taasisuu dha.
Karoorri Master Pilaanii Magaalaa Finfinnee kun shiraan kan guutame, yakka ulfaataa ummata Oromoo irratti dalagamaa jiru ta’uu ammas ummatni Oromoo daqiiqaa tokkoof illee dagatuu hin qabu. Karoorichi imaammata mootummaan abbaa irree wayyaanee lafaa qabu Oromiyaa bakka xixiqqaatti murmuruu, yoo danda’ameef ammoo kaartaa irraa haquun Oromoo humna dhabsiisuu dha. Kanaanis qabsoo Oromoo dadhabsiisuu fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummatichaa walxaxaa gochuuf kan saganteeffamee dha.
Hawaasa addunyaa, dhaabbattoota garagaraa fi Investeroota biyyoota adda addaa Finfinnee dabalatee Oromiyaatti hawatuun gartuu TPLF/EPRDF guddina biyyaa dhuguma ummatni Oromoo irraa fayyadamu argamsiisuufiif osoo hin taane, akeeka dhokataa kan of keessaa qabu sochii Oromoo kan ittiin haguuganii fi gaaffii haqaa kan mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dura ittiin dhaabbachuuf akka meeshaatti kan itti fayyadamaa jiru ta’uunis ummata keenyaan, darbees hawaasa addunyaan hubatamuu qaba.
Karoorri Master Plaanii Magaalaa Finfinnee wayyaanee kun dhuguma akka Wayyaaneen haaluu osoo hin taane sochii babal’ifannoo lafaa kan of keessaa qabu akka tahe ragaa waliin kan jiruu dha. Kanaafis Finfinneen kan sq.km. 54,000 turte gara sq.km. miliyoona 1.2tti akka guddattuuf kaartaan baheefii ragaa qabatamaa waliin kan mul’atuu dha. Kanaaf karoora Master Plaanii Finfinnee kana ilaalchisee kan mootummichi jedhu dhugaa irraa kan fagaate mormii fi dura dhaabbannoo ummata Oromoo of irraa qabbaneessuun karoora dhabamsiisii kana hojii irra oolfachuuf kan afanfajjii uumuuf tattaafatuu dha.
Karoorri kun balaa ulfaataa kan ummata Oromootti fidu, Oromoo fi Oromiyaa bakkoota adda addaa 3 fi sanaa olittillee cicciru, qonnaan bultoota Oromoo Finfinnee fi naannawa sana jiran miliyoonotaan lafa irraa buqqisee kan dhabamsiisu, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo kan bal’eessuuf karoorfame ta’uu isaa hubachuuni bara 2014 yeroo labsiin kun bahu barattootni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa fi sabboontotni Oromoo kan dirreetti ba’anii FDGn dura dhaabbatanii morman. Dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii, wareega lubbuu ulfaataa kafaluun karoorri Oromoo fi Oromiyaa gaaga’uuf bahe kun hojii irra akka hin oolfamneef seenaa gootaa dalaganii darbaniiru. Yoo xiqqaate diddaa fi mormii Master Plaanii kanaaf barattootnii fi sabboontotni Oromoo 73 ol ta’an wareegamuun galmee gootota Oromoo keessatti galmaa’aniiru. Hedduun isaanii hidhamaniiru; gariin haga har’aatti murtii malee hidhaa keessatti gidirfamaa jiran.
Diina innikkaa ummata Oromoo kan ta’e gartuun wayyaanee/EPRDF sochii dabaan guutame kan darbe irraa osoo hin dhaabbatne, karoorri isaa kun ummata Oromoo biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu isaa ummata dirreetti bahee itti agarsiise tuffachuu fi maal fidduun, hidhattootaa fi qondaalota isaa kanneen dhiiga barattootaa fi sabboontota Oromoo dhangalaasan osoo seerattillee hin dhiheessin, ammas yeroo lammataaf Karoora Master Plaanii Magaalaa Finfinnee hojii irran oolcha jechuun murteeffatee bifa haaraan sochii eegalee jira. Ergamtooti isaa OPDOnis karoora kana hojii irra akka oolchaniif ajaja itti dabarsee jira. Adeemsi abbaa irrummaa mootummaa wayyaanee kun caalaatti ummata Oromoo dammaqsee, dhabama irraa akka of oolchuuf falmaa fi diddaa caaluuf yoo kakaase malee kan duuba deebisu akka hin taane diinnis firris hubachuu qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo har’as boris Finfinneen handhuuraa fi qaama Oromiyaa ta’uutti amana. Qabsoon Finfinnee weeraraa fi saamicha gartuu abbaa irree Wayyaanee irraa oolchuuf taasifamu qaama qabsoo Oromiyaa bilisoomsuuf godhamaa jiruu ti. Rakkoon Finfinnee guutuutti dhugoomuu bilisummaa Oromiyaa keessatti kan furamu ta’ullee, Oromoon badii irraa of oolchuuf, golee jiru cufa keessatti lafa isaa gubbaatti, qe’ee isaa irratti waan qabu qabatee tokkummaan dhaabbatee of ittisuu akka qabu ABOn ni hubachiisa.
Dargaggootnii fi barattootni Oromoo, hojjettootni, qonnaan bultootnii fi horsiisee bulaan Oromoo waliigalatti qaamotni hawaasa Oromoo marti harka walqabatuun duula mootummaa wayyaanee/ EPRDF Karoora Master Plaanii fi akkasumas ergamtoota isaa irroomsuuf, magaalota hedduu keessaa manneen diigee lafa ummata irraa saamee deggartootaa fi alagootaaf hiruuf sochii godhaa jiru hundi  kan ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf bifa haaraan geggeeffamaa jiru waan ta’eef, kana fashalsuu fi bilisummaa Oromiyaa dhugoomsuuf harka walqabatanii FDG finiinsuu akka qaban ABOn dhaamsa isaa haaromsa.
Injifatnoo Umamta Oromoof!

No comments:

Post a Comment