HUBACHIISA OROMIA MEDIA NETWORK IRRAA

Onkoloolessa 05, 2015

Muraan (clip) tokko kan gaafifi deebii OMN irratti dabree irraa muramee ummata Muslimaa dallansiise marsaaalee hawaasaa keessa faca'aa akka jiruarginee jirra.

Torban sadi dura OMN dhimma Irreechaa irratti gaafif deebii namoota sadihii kan sa'aa lamaa ol dheeratu kutaa lamatti qoodee guututti dabrse. Marii dheeraa san keessaa jechoonni muraasni amm falmisisaa (controversial) ta'an kun warra nuti hin beekneen muramee gara marsaalee hawaasaa faca'e. Jechoonnifi yaadni achirratti dabran sun ilaalchaafi akeeka OMN akka hin calaqqifne gad jabeessinee mirkaneessuu feena. Yaada achi keessatti dabreefi jechoota fayyadamaniif kan itti abboomu keessummama dubbatan san ta'us, gama OMN jechoonni ummata mufachiisan akka hin dabarreef gulaalliidhaan qabuu dhabuu keenyaaf dhiifama gaafanna.



OMN amantiilee cufa ija qixaatin laala. Humna qabuun hawaasa guutuuf tajaajila wal qixaa kennuuf tattaafataa jira. Hogganootaafi hordoftoota amantiilee hundaatuu yero yeroon affeeruun dhiimoota garagaraa irratti mari'achiisaa turun ni yaadatama. Yeroo akkas goonu hamma danda'ametti keessummoonni waan saba keenya jiddutti jaalalaafi tokkummaa jabeessan irratti akka fuulleefatan ni yaalla. Akka miidiyaa ummataan deeggaramee oofamutitti, gama tokkoon dantaa sabaa tiiksaa gara biraatin ammoo mirga namonni yaada isaanii walabaan ibsachuuf qaban madaalchisuuf hedduu carraaqna. Akkuma isinii beektan hawaasa akka Oromoo bal'aa kana keessatti, madaala akkasii yeroo mara mirikaneessuun waan laafaa miti. Carraaqqii kana gara fuulduraas itti fufna. Dogongora keenyarraa barachaa laafina keenya sirreeffachaa as geenye, gara fuulduraas ittuma fufna.
Ulfaadhaa
Oromia Media Network (OMN)

No comments:

Post a Comment