"Walii Haa Birmatnu” - Waamicha Jaarmiyaa Qeeerroo Amboo Irraa

Onkoloolessa 04, 2015 | Oromia Press

Qeerroon Oromoo fi Uummatni Oromoo magaalaa Amboo mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo mana jireenyaa irratti diigaa, ajjeesaa balaa beelaaf saaxilaa jiru irratti gaaffii mirgaa kaasuuf jecha barruu warraqsaa ‘’Waliif Haa Birmmannu’’ jedhu bittinnessuun Uummata Oromoo hundaaf waamicha dabarsee jira.

Waliif Haa Birmannu!!
• "Biyya mootummaan hin jirre heerrii fi nageenyi hin jiru’’
• Oromoon ijaaruu malee diiguu hin beeku!!
• Har’a hoo??
• Hamma Yoomitti diinni Oromoo qe’eetti ajjeesaa, mana galmaa isaa irratti diiguun, biyyaa arii’achaa, qe’eefi qabeenya isaa irraa buqqisaa, balaa beelaaf saaxilaa jiraataa ??
• Kunoo Akkuma godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ta’aa jiru tibbana immoo Magaalaa Ambootti tilmaamaan gara mana 10,000 fi isaa ol kan ta’ee diiguuf diinni qophii xummuree waan jiruuf salphina guddoo kana hambisuuf haa kaanu!!
• Akkuma beekamu mootummaan abbaa irree cunqursaa fi gidiraa baroota dheeraaf ilmaan Oromoo irraan ga’aa ture har’as ittuma fufuun jibbinsaa fi tuffii uummata keenyaaf qabu ifatti muldhisuuf itti fufinsaan uummatan nagaa dhukaasee ajjeesuu, hidhuun gidirsuu,mirga namoommaa fi dimookiraasii guutummaatti uummata keenyaa irra kaasuun uummatni keenya to’annaa human waraanaa jala galfamee jira. Oromiyaan keenyaas Waraanaan eegamaa jirti. Yeroo amma kanas Oromiyaa godinaalee cufaafi magaalotaa nannaawaa finfinneetti argaman keessa manneen galmaa ilmaan Oromoo qofa irratti qiyyaafachuun humnaan itti ba’ee diiguun Oromoo dahoo illee dhorkatee rakkoo ulfaataa keessatti uummaticha kuffisuun jibbinsa,tuffii fi abbaa irrummaa isaa maa isaa ifatti uummata keenya irratti muldhisaa jiraachuun uummata Oromoo daran dheekkamsiisaa waan jiruuf gamtaan kaanee rorroo diinaa of irraa kaasuuf furmaatni jiru FDG kaachiisuun mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbannuu murtii irra geenyee waan jirruuf uummatni keenya waliif dirmachuun bakka hundatti wayyaanee dura ni dhaabbanna!!
Mootuummaan Wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru cinatti manneen jireenyaa magaaloota Oromiyaa fi nannoo Finfinneetti argamaan keessaa mana galmaa ilmaan Oromoo diiguun Oromoon barabaraan rakkoo keessa akka jiraatuuf karoora akka baafate ifatti dhagaa’ame jira. Gidduu kana immoo akkuma olitti ibsine magaalaa Amboo keessa mana jiraattoota 10,000 olitti lakka’aman diiguuf karoorfatee jiraachuun dhagaa’ame jira. Wanti ta’aa jiruu kunis kallatti harka lfa jalaan uummata Oromoo qe’ee isaa irraa kaasuun dhimma master plaanii Finfinnee ittin Oromoo buqqisuuf qopheeffate galmaan ga’uuf akka ta’e ifa ta’ee jira. Laftis kan Oromoo, kan diigamuus kan Oromoo, kan ajjeefamuu fi hidhamuus Oromoo dha. Egaa Uummanni kun eessa dhaqaa? Kun salphina!!
Kanaafuu, lammiin Oromoo qabeenyaa isaa irraa buqqa’ee bakka dhaqu waan hin qabneef aarsaa fi jaartii, barataa fi barrsiisaa, hojjetaa fi daldala, dafqaan bulaa fi qotee bulaa osoo hin jenne waliin taanee waan qabnuu hundaan mirga uummata keenyaa abachiisuuf gamtaan kaanee haa falmannu!!
Gidiraan, Cunqursaan, ajjeechaa, hidhaa, Saamichifi Tuffiin uummata Oromoo irraa haa dhaabbatu!!
Hubachiisa; Barruu warraaqsaa kana:
Bakka dhageenyetti fi akka dhageenyetti waliif haa dabarsinu!!
Iyyinee Iyya haa dabarsinu!!
Doorsisa diinaatiin mirga keenyaa fi haqa keenyaaf falmachuu irraa hin dhaabbannu!!
Dhimma kana irratti ilman Oromoo hundi dirqama lammummaa qabachuu ni hubachiifna!!
Qeerroon yoom iyyuu mirga uummata Oromoo kabachiisuu fi bilisummaa uummata isaaf itti fufinsaan qabsoo gaggeessa!!
Injifannoon uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment