Barruun Qeerroo Oromiyaa Bakka Gara Garaatti Tamsa’uu Itti fufee, Wallagga Magaalaa Mandii Keessatti Ammoo Diddaan Gabrummaa Jabaatee Itti Fufuun Manneen Daldhalaa fi Waajiraaleen Mootummaa Cufaman. Namoonni Sadiis Maddawuun Lama Ammoo Loltootaa Wayyaaneen Ukkamfaman.

Sadasaa 26, 2015 | Gabaasa Qeerroo Sadaasa 26, 2015 Mandii

FDG Oromiyaa keesatti yeroo ammaa kana mormii MP wal qabatee ka’ee jiruun Wayyaanee daran sodaachisee jira. Kaleessa lixa Wallaggaa Mandiitti diddaan ka’e Wayyaanen uummata naga irratt dhukaasa bante namoota 3  madoo goote 2 kan biro ammo ukkaamsuun bakka bu’an hin beekamu. Haala Kanaan diddaan kan itti caalu malee kan laaffate miti.Kanumatti fufuudhaan halkan edaa ergamtoota wayyaanee magaala Gimbii keessaa adamsanii Oromiyaa hin gurgurtan jechuun gootonni Oromoo tamsaasaa jiru.
Kana malees magaalaa Mandii,Najjoo fi Qilxuu Kaaraa jedhamu keessatti barruun warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhu heddumminaan faca’uu fi buufata fayyaa fi manneen barnootaa akkasumas waajjiraalee Mootummaa biratti faca’ee kaan maxxanfamaa ooluun loltootaa fi kaabinoota Wayyaanee guddoo kan rifachiise ta’uu Qeerroon gabaasa.

Magaala Mandiitti diddaa ka’een wal qabatee har’a suuqiwwan, waajjiraaleen, daandiin ummanni irra deemuu fi konkolaataa waanni hundumtuu cufaa akka tahe Qeeyroon gabaasaa jira. Magaala Mandii keessi dirree waraanaa taatee jirti yeroo kana. Namni dhimma isaa daandii irra deemus qabamuun qoratama waajjira poolisiitti. FDG ammallee kan boodatti jedheen osoo hin taane jabaatee itti fufeera Wallagga keessatti Gimbii, Dambi Doollo, Najjoo, Manasibuu fi Naannoo Gullisootti akka babalachaa jira.

No comments:

Post a Comment