Uummata Oromoo Maraaf, waa’ee Dr. Mitikkuu Teessoo

Muddee 30, 2015 | Ayyaantuu News | Dhaamsa sabboonaa Oromoo Seenaa S. irraa

Gantuu fi galtuun Wayyaanee Mitikkuu Teessoo Pirezedaantii Yunivarsiitii Amboo bara darbe Dhaabaa Dabalee faana ta’uun uummata Amboo 87 ficcisiiuusaa hundi keenya ni beekna. Yakka uummata Oromoo irratti raawwatan caalatti mirkaneessuuf lamaan isaanii (Mitikkuu fi Dhaabaan) bara 2014 gara USA ergama Wayyaanee fudhatanii US State Departmentitti mormii guddaa Oromooti ala kanatti gochaa turan dura dhaabbachuuf gabaasa dhiyeessuuf dhufuun isaanii Ayyaantuu.net irratti saaxilaamuun isaa ni yaadatama. Bara kanammoo namoota 5 ajjeesisee gara namoota Kuma lama (2,000) ol ta’an Amboo fi naannooshee jiraatan mana hidhaatti guursiseera. 

Yeroo ammaa kana barmoonnis dhaabateee jira. Sareen Wayyaaneefi ergamtuun kun ammallee barattootatti dhaadataa jira. Tarkaanfii du’aa irratti aggaamame jalaa yeroo meeqa  miliqee jira.  Haadha warraasaa USA tti ergeereera. Haati warraasaa isheen abashaan suniifi ilmoonsaa yeroo ammaa kana Minesotaa, USA mana maallaqa doolaara hedduun bitame keessa jiraatu. Innis baduudhaaf qophiirra jira. 
Sakatta’a gidduu kana godhame keessatti manasaa bulaa akka hinjirree fi hoteela haadha qabeenyaa magaalichaa kan taate Abbabach Mataaferiyaa keessaa mana siree qabatee akka bulaa jiruufi yeroo tokko tokko ammoo manasaa kan Finfinneetti bitatee keessaafi naannoo goorgisii Semen Hotel keessa akka bule bira gahameera. Nama uummata sabboontota Amboorratti duguuggaa sanyii raawwate kanas bakka argametti tarkaanfii suukkaneessaa akka irratti fudhatamuuf qeerroon daran hojjetaa jira. Iddoonni ga’uufi deemaa jiru jala buunee siniin geenya. Mitikkuun baajeta ijaarsa manneen Yunivarsiitii Amboof mootummaan ramade keessaa miliyoona 20 ol akka miliqseefi namoota achi keessa taayitaarra jiran faana akka hirates bira gahameeera. Waadaa muudama haaraa Ambaasadarummaa mootummaa Waayyaanee biraa isaf galamerraan kan ka’es saba ficcisiisuutti jira.
Naannoo Finfinnee kan jirtaniif iddoo inni yeroo mara bulu siniif dhaamna, warreen Ambo jirruuf ammoo sirriitti waan hordofaa jirruuf sinitti himna.
Ni moona, shirriifi ergamtuun Tigiree marti ni salphatti!

No comments:

Post a Comment