Waamicha Hiriiraa Mormii tokkuumma baratoota Oromoo (TBOJ) caayya ABO/OLF biyyaa Jarmanii, Frankfurt

Muddee 04, 2015
                     
Wal irratti hin dhifnuu haangaa bilisumman keenyaa dhugoomutti.
Kabajamoo fi jaallatamo Hawaasaa Oromoo biyyaa Jarmaani, Jiraatoota Oromoo biyyaa Jarmaani fi firoota Oromoo hundaaf, duran dursaa nagaan Oromumma bakka jirtaan hundatti isiin haa gahuu.

Itti ansuun tokkummaan baratoota Oromoo (TBOJ) caayya adda bilisumma oromoo (ABO) biyya Jarmaani  gaafaa guyyaa 10.12.2015 magaala Frankfurt, Jarmaan keessaati dhimma biyyaa keenyaa Oromiyyaa kessatti tahaa jiruu kan akka:
 Maqaa master pilaanin Uummaata Oromoo lafaa isaa irra buqisuu, Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu, Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran, Samichaa lafaa fi  toftaalee adda addaan qe´ee irraa buqiifaamaa jiraan, Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu, Egeeree Oromoo baleesuuf Baratootaa unveersiitiy irraa ariiyuufi ajesuu, Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa  otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kana mormii keenyaa dhagesiisuf karorfaamee jira.
Kanaafu guyyaa fi yeroo jedhametti Oromoon waal cinaa dhabachuudhaan mormii keenyaa dhageesisu fi rakkoole jiraan adunyaan akka hubbattuuf  gochaan motumaan yerro amma kanaati Sabaa Orommo fi Baratootaa irran gahaa jiruu akka dhabatuuf, shiraa Oromiyyaa kessatti dalagamaa jiruu akka dhabatuu sagaleen keenyaa hedduu barbachisaa dha. kanaafuu sagalee tokkon akka waal cinaa dhabbanee sagalee keenyaa gudifnee dhageesifnuu kabajaan isiin afferraa.
Email        tboj1973@gmail.com
Bakka ka’uumsaa  Frankfurt Haupt Bahnhof
Sa´aa 9.00 -15.00
QABSOON  ITTI  FUFAA BILISUUMMAN NI DHUFAA!!!!
KHG/TBOJ Caayya ABO.
fincila-diddaa-gabrummaa

No comments:

Post a Comment