Ummata Oromoof gara laafina kan hin qabne, faashistiin abbaa irree wayyaanee ajjechaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru jabeessee itti fufuudhaan guyyaa kaleessaa Mudde 03, 2015 sabboonaa qabsa’aa sabaa Dabalaa Xaafaa reebicha ulfaataa irraan gahuudhaan ajjeese.

Sabboonaa fi kabajamaan qabsa’aan sabaa Dabalaa Xaafaa hidhattoota diinaa humnoota federaalaan qabamee akka malee reebamee miidhamuu irraa waldhaansaaf gara Finfinnee hospitaala Xiqur-Ambassaatti geeffamus akka malee waan rukutameef irraa dandamachuu dadhabee hospitaaluma kanatti guyyaa kaleessaa ganama sa’aa 11:00 (11:00 AM) irratti wareegamee jira.
Akkuma sabboontota qabsaawota ilmaan Oromoo kaanii kabajamuu mirga ummata Oromoof karaa isaa danda’ameen falmaa kan ture Dabalaan, ejjennaan isaa kun diina innikaa saba Oromoo kan ta’e wayyaanee biratti yakkamaa isa taasisuun waggoota 10f hidhamee dararaa mana hidhaa irraa hafee waggaa darbe kan bahe ta’uunis barameera.
Qabsawaa sabboonaa Dabalaa Xaafaa dabalatee goototni sabboontotni barattootni Oromoo Dajanee Sarbeessaa, Guutuu Abarraa, Karrasaa Caalaa, Gazzahany Oliiqaa fi kanneen hafan biroon falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoof qabsoo yeroo ammaa Oromiyaa keessaa finiinaa jiru keessatti wareegamaniiru. Hedduun isaanii rasaasa diinaan qaamaa kan hir’atan oggaa ta’u, kumoota hedduun hidhaatti guuramaa jiran.
Dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa, lafeen caccabaa fi lubbuun bahaa jiru QBO finiinsee gumaan isaanii bilisummaan akka deebi’u shakkiin hin jiru. Tarkaanfiin diinummaa fi gochi faashistummaa mootummaa abbaa irree wayyaanees ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota/Qeerroo biyyaa falmaatti yo jabeesse malee duuba kan deebisu akka hin taane beekamuu feesisa.
No comments:
Post a Comment