LAFA OROMOO EENYUTU SAAME?

Amajjii 21, 2016 | Qaalluu Kuusatiin

Waggaa guutuu waanuma maastar pilaanii Finfinnee dubbii ijoo tahee falmaa safara hin qabne, lubbuu Oromootaa baayyee gaagga’ee, kaan qaamaa hirrisee, kaan mana hidhaatti akka tinfaman taasise. Garuu dubbiin “karoora misoomaa” maqaa “Mster plane” jechuun summii dammaan haguugame tahuu isaa ummanni keenyas firoonni fi saboonni ollaa Oromoo hubachuu qabu.
waan hunda dura gaaffiin fi deebiin dubbii “Shaggar/Finfinneen haa guddattuu?” kan jedhuuf namni hundi “eenyee haagguddattuu” kan jedhuuf fi akkasumas “Hangam guddatti?” kan jedhuuf TPLF deebii mataa isaa kenne.
Otoo kan yaada TPLF keessa hin seenin Finfinnee/Shaggar haaguddatuu fii hangam guddattii kan jedhuu yeroo ilaalu, bara Chaarteraa ABO/OLF fi TPLF/EPRDF ittii walii galan haa ilaallu.

Finfinneen haa guddattu irratti yoo walii galan, Akkamitti guddattii irratti falmaatu ture. ABO/OLF Finfinneen jalaa Olee haaguddattu yoo jedhu, TPLF lakkii dalga haa guuddattuudha. Dalga yoo guddattee ummata buqisaa kanaafuu dalga guddachuu hin qabduu irratti wal tahanii, fuulaa duratti seeraan kaayama jedhanii turan. Kanumaan wal qabsiisanii Finfinneen lafa Oromoo waan taateef, magaalaa guddittii Oromiyaati jedhanii walii galan, akkasumas teessuma mootummaa Federaalaa fii waajiroota biyyoota alaa garagaraa akka hammattu illee tuqame. Dabalataanis ” Finfinneen Oromiyaaf bu’aa addaa kenniti. Kunis gara fuula duraa seeraan murteeffama” kan jedhus itti dabalamee walii galame.
Dubbiin yeroo ammaa lafa saamichaa Itophiyaa keessaa bira dabree addunyaa wal falmisiisaa jiru kan uumame kana booda. Kunis TPLF maxxantoota isaa dabalatee, ABO/OLF Chaartara keessaa gaggeessee biyyattii karaa hunda eega dhuunfatee booda.
TPLF yeroo Chaartaraa fi sana booda, maqaa “privatization agency” jedhuun qabeenya mootummaa kan turee fi lafoota magaala Finfinnee keessaa babal’aa akka dirree kubbaa gandoota keessaa, moraalee waraanaa Finfinnee keessa bakka adda addaatti argamu, bakka bashannanaa gandootaa Finfinnee keessa jiranii, (kan akka Pikook park, Shaggar park, haamle 19 park) kan jedhamanii fi faabrikaa garagaraa, gara dhuunfatti jijjiruu maqaa jedhuun qabsaawota Tigraayitti (TPLF) gurguran. Isaan immoo maallqa waan hin qabneef, mana baankii itophiyaattii akka liqeeffatan hayyamameef. Maallaqan liqeeffamu immoo, kan baankii Addunyaa irraa liqiin Itoophiyaaf kennamee fi gargaarsa garagaraa mootummoota addanyaa irraa kennameen(Ameerikaa fi Ingilizii kkf) baankichaa keessati kuufame ture.
Asirratti sirriitti hubadhaa, laficha kan gurgurus TPLF, laficha kan bitus TPLF, baankin Liqeessuus TPLFn kan tohatamu, kan Liqeeffatus TPLF tahuu isaati.
Kun otoo kanaan deemaa jiruu yeroon Chaartaraa dhumee,”Filmata biyyoolessaa dura” Godhame. Filmaata kana boodaa TPLF karoora misoomaf qabu ummatatti dhiheesse.
TPLF karoora isaa “Karoora guddinaa 1ffaa kan waggaa shanii” kan jedhuu lafa kaayyate. Karoora kana keessaa inni tokko Finfinnee kan ilaallatu Ture. Karoorichii barruu bifti isaa magariisuu tahe, Afaan Amaaratiin maxxansiisuun bakka walgahuu ummataa hundaaf Finfinnee keessatti raabsame.
Seensa isaa keessatti akkas Jedhe, “Finfinneen umama ishiin lafa Oromooti, handhuura Oromiyaa keessatti argamti, magaala gudditii bulchisa naannoo Oromiyaa, kan federaala fi waajiroota biyyoota addunyaa of keessaa qbdi. Baayyinni ummataa ammaf tilmaaman gara miliyoona Afurii (mil.4) taha” kan jedhu seenasa qaba. Itti fufuun “Finfinneen misoomoo fi guddachuu qabdii? Eeyyee guddachuu qabd. Hangam guddatti? Guddiina bara Haylasillaasee karoorfamee ol fi guddina bara dargii karoorfamee gadi” kan jedhu ture.
Hubadhaa ega. Walii galteen ABO/OLF fi TPLF/EPRDF irratti walii galame “Finfinneen jalaa olee guddachuu qabdi” jedhamu haqamee akka ishiin dalga dhifamtu karoorfame jechaadha.
Karoora TPLF keessatti ragaan guddaan hanga ammatti hin dubbatamne, jiruu fi qaanii tokko malee yeroo amma TPLF haalaa jiru, “lafa Oromoo TPLF hin saamne, qonnaan bulaan buqqa’e hin jiru” kan jedhan kana.
Barruu karoora TPLF “Karoora misoomaa duraa kan waggaa shanii” jedhu keessatti, Akkas jedha. “Misooma fi guddiin Finfinneetin walitti hidhamee gandi qonnaan bulaa 28 Finfinneetti dabalamanii waliin misoomu” jedha.
Akka ijaarsa qonnaan bulaa Itophiyaa bara Dargii lafa kaayamee ittiin ijaarames, gandi qonnaan bulaa tukkoo Wantaa/Gaashaa 20 (digda) yoo tahu, baayyinni ummataa abbaa warraa 300-600 taha jedhamee tilmaamama. Kanaaf gaashaa 20×28=560 Wantaa/Gaashaa taha. Egaa mee kun immoo heektera meeqa akka tahuu fii Abbaa warraa meeqa akka irra jiraachuu malu isinuu tilmaamaa??
Kanaaf karoora TPLF isa duraa fi waggaa shan keessattu qonnaan bulaan kun lafa isaa irraa buqa’ee lafti isaa investarootaf gurguruun kaan immoo qabsaawota TPLF kennuun Oromoo naannoo sana irraa qulqulleessaniiru. Fakkeenyaf Boolee bulbulaa, naannoo Garjii, karaa kotobee, karaa Aqaaqii hanga ganda xiqqaa Galaanitti,  Karaa goodaa Laaftoo Karaa Raphii (Kaarra qoree), Karaa goodaa gafarsaa (Taaxaq) walumaa gala Finfinneetti marsanii kan turan qonnaan bultonni “Karooraa isa duraa waggaa Shanii” warra balaan dhabumuu mudateedha.
Naannolee kanatti namoota dhuunfadhaan qonnaan bulaa irraa lafa bitatanii mana itti ijaaran hunda, maqaa “Yecaraqaa bet” jedhamuun Gireedarii, Doozarii fii taankii dhan itti duulun diganii, ummaticha goodatti facaasaniiru. Kanaaf ummanni buqqa’e bayyina qonnaan bultoota naannoo sana turanii waliin ilaalamuun barbaachisaadha.
Karoora TPLF wixinate keessaa isa “Finfinneen kan guddattu kan karoora Hayla sillaasee Ol kan Dargiitii gadi” jedhuu yoo ilaalle, bara HayilaSillaasee Konyaan Managasaa/Mannagashaa/ ykn (Mennaaggashaa Awuraajjaa) jedhu Finfinnee fi naannoo ishii hammata. Innis karaa dhihaa laga Hawasiin (Tafkii fi Tajii jiddu) marfamee karaa Haqaqii hanguma laga Haqaqii, karaa kaabaas hanga tulloo Hinxooxoo, karaa dhihaa hanag Holotaatti ture. Kan Dargii immoo kan karoorfame, hanga kiloo metra 125km kan jedhutu hodeeffamaa ture.
TPLF kana hunda xiinxalee karoora itti aanuu “karoora lmmafaa kan waggaa shanii” lafa kaayyate. Karooraa kana irratti hundaayun Isa “Mannaggashaa Awuraajjaa” jedhu sana dhuunfachuun lafa akka garaa isaanii gurguruu fi hirachuun ko’oomataa turan. Kana keessa egaa karoorri “bulchinsa Zoonii addaa naannoo Finfinnee” jedhamee, gandoota  qonnaan bulaa duraan Liqimfaman bira taree, gara Onaa/ Waradaatti guddachuun Konyaa(Amuraajjaa) Managasaa/mannaaggashaa bira dabruun duraan Konyaa/Awuraajjaa Herarii fi Karrayyuu kan jedhu irraa Ona/waradaa Aqaaqii guutummaan dhuunfachuun Hanga Aanaa Duukam, Qarqara magaala Bishooftutti gutumaa guutun qonnaan bulaa irraa kaasuun ”Zoonii Industirii” jechuun Abbaa qabeenyotaa, TPLF dabalatee, Kan Chaayinaa, kan Turkii, kan Pakistaa, Kan Hindiif gurgurame. Gurgurtaan kun hundi maqaa”Mootummaa Federaalatii” TPLF galii taha.
Karaa Dhihaa daandii Jimmaa deemu irraan lafa babal’aa hanga Walisootti jiru bakka Abaabboo itti biqilchan warra biyya alaaf gurgurameera, qonnaan bulaan naannoo sana ture, lafa isaa dhabeera. Karaadhuma kana irraa Naannoo Magaalaa Tafkii, lafa qonnaan bulaa, qotiisa fi marga dheedichaaf oolu, Dirree Xiyyaaraa sadarkaa Addunyaa eeggateef jedhanii Irraa Buqqisaniiru.
Karaa dhihaa Daandii Ambo deemuu haaluma walfakkaatuun lafa abaabboo fii waan garagaraatiin warra sooreyyii biyya alaatti gurgurameera. Ummatichi lafa isaa dhabee irraa godaanera.
Karaa kaabaa Sulultaa fii naannoo ishii akkasuma “Industirii Zoon” jechuu fii waan garagaraatti abbaa qabeenyaa biyya alaatti gurguramee warshaa(fabrikaan) adda addaa irratti ijaarameera. Ummanni Oromoo naannoo sana irraa buqqa’eera.
Karaa karra Alloo, ykn karaa Wallo Deemuun Akkasuma lafti Oromoo irraa fudhatamee warra Abbaa qabeenyaa, baayyinaan TPLF fi deeggartoota isaatin fudhatamuun, manneen gararaa fi “Real state” jedhamuun qabamuun laft Oromoo saamameera. Karaa Caffee Doonsaa deemunis haala wal fakkaatuun Oromoo Irraa godaansisanii, Soreyyii biyya alaa fii biyya keessaa caalatti ammoo miseensota TPLF kennameeraa ykn gurgurameera.
Karoorri “master Plane” ammaa kun, kan baarbaachiseef, lafa duraan saamame, seera fi heeran abba tahuu isaanii mirkaneeffachuu, Lafa dabalataa qabachuu fi sadarkaa sadarkaan jiddu gala Oromiyaa isa duraan “Shawaa Kifila hagar” jedhamtu dhuunfachuu fi achi irratti of ittisuuf ture. Kun dhugaa karoora TPLF keessa jiruudha.
Karoora TPLF keessahuu Hawwiin/Abjuun Mallasaa kan ture, “Finfinnee maqalee 2ffaa taasifna” kan jedhuu ture. Karoorri kun ammas ittuma jira.
Sababni barbaachiseef, Yoo xiqqaatee, karoorawan duraa kanaan Lammii Tigree 150,000 Finfinnee keessa fi naannoo ishii qubachiisudha. Humni kun immoo kan dhufuu qabsaawota TPLF duri fii warra Tigroota diyaasporaa jedhaman biyya Alaa turaniif kan qophaayedha. Kana keessaa irra jireesse galeera jedhamee tilmaamama. Sababni Finfinnee barbaachiseef, “Maqalee fi Magaalota Tigraay Keessa hanqina Bishaanii waan jiruuf” kan jedhu akka ta’e keessa beektonni dubbatu.
Kana Ilaalchisee, mallasaan Yeroo tokko Tigraayi keessatti daraggootaf haasaa godheen. “Dogoggora Axee Yohaannis dogoggore, akka hin dabalamnee fi TPLF waan danda’e hakka isaaniif godheefuu gochaa jiru, isin immoo daandii kana irraa akka deemtan” jedheen jedhama.
Walumaagala dubbicha amma hoo’aa jiru kan jalqabamee waggaa 25 dura yootahu. Kana fiixaa baasuf, OPDO warra ofumaa tolfataniin “Finfinnee keessaa badaa, Adaamatti galaa” yeroo jedhaniin sanaa TPLF hojii manaa isaanii hojjachaa turan. Warri dhama’oon OPDO ofiin jedhan, dhama’anii ummata Oromoo dhamaasaa, gadadoo fi dhibee garagaraattiin akka dhumu gochuu bira taranii lafa isaa irraa buqqisanii diina waliin gurgurachaa turan. Mirga Ofiituu tiksuu kan hin dandeenye, kan ummata Oromoo kabachiifne jedhanii waggaa 25 guutuu lallabaa turan. Guruu Ummanni TPLF jedhamuu miila fi harakka duwwaa dhufanii ennaa itti badhaadhanii waan tahan dhaban, oromoon Abbaa biyyaa ture itti hongaayee, waan nyaatee bulu dhabee yeroo goonga’aa jiruttu, mirgaa isaa gaafateef deebiin rasaasa tahe.
Mee waan tokko haayadannu. TPLF Filmaata 2005 irratti Mo’atamnaan, warra ifatee gara Adaamatti hariyee ture, Finfinneeti deebi’aa jedheen.
Finfinnee keessa duraanuu biyya isaanii keessatti manneen kiraa keessa jiraachaa turan. Waajiroonni isaanii hundi kan kireeffataman turan. Fakkeenyaf, wajirri bulchinsa naannoo Oromiyaa, “caffee Oromiyaa” jedhamee kan beekamu, mana bara Dargii waajira ministera qonnaatin ijaarame yoo tahu, kiraayii isaa miliyoona OPDOn TPLFf kaffalu. Waajirri bulchinsaa fi misooma magaalaa Oromiyaa kan jedhamu, wajira  waldaa  qonnaan bultootaa itophiyaa, kan Obboo Abdallaa Soonneessaa kan ture, kiraayidhaan keessa jiraachaa turan. TPLF garuu biyya abbaa qabdu irratti abbaa tahanii, kiraa malee jiraatuu, warra abbaa biyyaa irraayyuu kiraa manaa ittii nyaatu.
Kan qofa mitii, filmaata 2005 booda OPDOn eega Finfinneetti deebi’anii booda, “Oromoon Aaddaa isaa fii Afaan Isaa Finfinnee keessatti guddifachuu qaba” jedhanii, bakka 10 (kudhan) Onoota Finfinnee keessaa kennameef” jedhamee lallabame, sirbamee. “Nutti kennaa” jedhanii yeroo Bulchinsa magaalaa Finfinnee bira deeman warri OPDO. Yeroo kana egaa OPDOtti falli kan koqe. Karaa bakka buutota TPLF “Indaraasee” tin kan itti himamee, “qoosaa akkasii dhiisaa akkuma namoota biraa Liizii keessa seentanii laficha bitattu malee tolli hin jiru” jedhaniin. Kunis Icciitii ukkamamee dhofkamee tureedha. Dubbii kan Aadaa fi Turizimii Oromiyaatu harkaa qaba, Aadaa fi Turizimii Oromiyaa kan kaffalu kaffalee, kan dhabu dhabee dhofkatee taa’ee jira.
Xumura dubbii
  • Gaffiin ummata Oromoo “Master Plane”f farra tahuu otoo hin taanee, ummanni keenya Finffinnee fi naannoo ishiitii kumootan buqqa’an eessa gahanii ?

  • warri lubbuun jiran qehee isaanitti deebi’anii matta’aan gahaan kennemeefii haa qubsiifaman.

  • Maqaa “master Plan” tiin uummanni Oromoo dabalataan qeyee handhuurri isaa itti awwaaleme irraa hin buqqa’in!

  • Gaaffiin karaa nagaa gaafannee, nagaadhan malee rasaasan nuuf deebi’uu hin qabu!

  •  Keessumaatuu nama irraa deema malee, abbaan mana isaa dhiisee irraa hin godaanu! Kan jedhuu fi kan kana fakkaataniidha.

No comments:

Post a Comment