Ajjeechaa fi Hidhaan Gara Jabinaa Mootummaa Wayyaanee Marraa kana Kufaatii Irraa hin Oolchu.

Guraandhala 22, 2016 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Mootummootni Itoophiyaa bulchaa turanii fi yeroo ammaa empaayera humnaan dhaale bitaa kan jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irra kan hammeessan tahuu irraa; 

Hundee rakkoo biyyattii keessatti ifatti mul’atuuf furmaata buqqaasaa argamsiisuu irra haguuguun rakkoon kan hin jirre fakkeessanii bira dabruu ykn jijjiirraa kabeebsaan furuu kan barbaadan tahuun amala waan taheef; 

Ummatoota humnaan bitaa jiran dhaggeeffatuu diduun yaadaa fi gaaffii kaasan yakkatti fudhatuun callisiisuu fi ukkaamsuu kan aadeffatan tahuu irraa; 

Akeekni bu’uraa mootummoota Itoophiyaa hanga ammaatti mul’atanii, garajabinaan hacuuccaa fi saamicha ija dunuunfataa tahuu irraa; 


Bittootni Itoophiyaa hundinuu hariiroo fi walitti dhufeenyi ummatoota gidduu kan mirga ummatootaa kabaju, mirga ilma namaaf kabajaa kennuu fi wal qixxummaa irratti hundaa’e akka hin taaneef, hariiroon ummatoota Itoophiyaa gidduu kan sodaa fi amantaa wal irratti dhabuu taasisuun addaan qoodanii bituu akka imaammataatti waan itti fayyadamaniif; 

Mootummootni Itoophiyaa martinuu ummatoota bulchina jedhan kan of jalatti ilaalan, tuffatanii fi kabajaa hin qabneef tahuu irraa mirga-dhablee taasisuun bittaa isaanii kan jireessan waan tahaniif; 

Biyya bulchaniif naatoo kan hin qabne, ofiif saamuu irra dabranii alagaan akka biyyattii qircatu taasisuun ummatoota hiyyummaa daangaa dabreef waan saaxilaniif, mormii ummatootaa irraa yeroon itti walaba tahanii nagaan jiraatan tasa hin turre.

Bittaan mootummaa Wayyaanee/TPLF ammoo mootummoota isa dura turan irra hammaataa fi kan eenyummaa ummatootaa irratti aggaammate waan taheef mormiin ummatootaa jabaan mootummaa kana mudataa har’a geenye. Addatti ammoo diinummaa mootummaan kun ummata Oromoo waliin jalqaba gaafa aangotti dhufe irraa seeneen hariiroon Oromoo fi mootummaa kana gidduu waggoota 25n dabran ture haalaan hadhaawaa akka tahe hundaaf ifaa dha. 

Maddi Fincila ummata Oromoo yeroo ammaas rakkoolee mootummaan Wayyaanee uumee hammeessaa deeme irraa tahuun haqa ifatti mul’atu dha. 

Ummatni Oromoo yeroo ammaa kana Oromiyaa guutuu keessatti kan mormii isaa dhageessisaa jiru, Mirga abbaa biyyummaa isaa mirkansuuf, qabeenyaa fi lubbuu isaa fi maatii isaa irratti ajajaa tahuu fi mirga uumaa fi dimokraasii dhugoomfatuuf akka tahe ifaa dha. Haa tahu malee har’as taanaan mootummaan Wayyaanee gaaffii ummata Oromoo kana “Rakkoo bulchiinsi gaariin dhabamuu irraa uumame dha” jechuun xiqqeessuun furmaata kabeebsaan furuudhaaf carraaqaa jira. 

Ummatni Oromoo garuu furmaata hundee kan barbaadu tahuu, sossoba mootummaa Wayyaanee lagatuun diddaa isaa bal’inaan itti fufee argama. 

Rakkoon ummata Oromoo bulchiinsa jijjiiruun osoo hin taane, sirna bittaa alagaa waggaa dhibbaa fi shantamaa irratti jaare, cunqursaa hadhaawaa fi saamicha ija dunuunfataa waggootii dheeraa kana keessatti dabarse kana hundeedhaan jijjiiruu waan taheef, qabsoo isaan jijjiirama buqqaasaa argamsiisuuf diddaa hin bitamuu itti fufee jira. Furmaatni jirus harqoota gabrummaa xumuraaf of irraa darbatuuf hireen isaa harka isaa kan jiru tahuu irraa Fincila Xumura Gabrummaa gaggeessuu qofa tahe. Kabajaa ofitti horee hiree biyya isaa fi saba isaa harka isaa galfatuu fi kan akeekkate bakkaan gahuuf wareegamni baafamus kan isa gaabbisiisuu hin tahu.

Mootummaan Wayyaanee sochii ummatootaan muddamee jiru golgaa bulchiinsa gaariin furmaata kan argamsiisu fakkaatee dhihaatullee, addatti ammoo gaaffiin ummata Oromoo gaaffii haqaa ti jedhee lallabuudhaan ummata qabbaneessuuf tattaafatus, yeroo bitannaaf tooftaaf kan dhihaate tahuu ummata Oromoo jalaa dhokataa hin taane. Dhibamuu bulchiinsa gaariif sababni, sirna Wayyaaneen gadi dhaabe dha. 

Waan taheef sababa bulchiinsa gaariin Oromoo wal afaan dhaabuu fi ofiif qulqulluu tahanii mul’atuuf sababa dhiheeffame dha. Gaaffiin ummata Oromoo gaaffii haqaa ti jechaa lammiilee Oromoo xiqqaa hanga guddaatti reebanii salphisuu fi ajjeesuu hin dhaabne. Mana hidhaatti guuruunis hin dhaabbanne.

Guutummaa Oromiyaa bulchiinsa waraanaa fi tikaa jala galchuun humnaan bittaa sirna cunqursaa itti fufsiisuuf yaaluun akka itti fufetti jira. 

Kanaaf ABOn har’as rakkoo ummata Oromoo kan furu qabsoo isaatiin ummata Oromoo qofa malee mootummaa kana akka hin taaane hubachiisa. Ummata Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa fi kabajaa ilma namummaa isaa dhugoomfatuuf murannoo fi gootummaan ka’es boodatti kan deebisu hin jiraatu. 

Waan taheef ummatni Oromoo akeekni ka’eef galii isaa akka dhaqqabuuf kanneen irratti of muuduun hacuuccaa fi saaminsa jalatti isa ittisaa jiran of irraa kaasuuf qabsoo xumura gabrummaa itti jiru caalaatti finiinsuun akka itti fufu; 

Kanneen mooraa diinaa keessatti hiriiruun qabsoo kana dhaamsuuf abjootaa jiranis mootummaa bor dabruuf jecha ummata isaanii hin dabarre dhiigsuu fi madeessuu irraa akka dhaabbatan;

Ummatootnii fi humnootiin siyaasaa biyyatti guutummaa keessa jiran sochii ummata Oromoo deggaruun kan itti ulfaatu yoo tahe, waliin jireenya fuula duraa herreguun haalli ummata Oromoo caalaatti hammeessu akka hin dhalatneef Fincila kanatti gufuu tahuu irraa akka of qusatan; 

Fincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru ummata Oromoo hunda walabummaa gonfachiisuu kan akeekkate waan taheef lammiin Oromoo hundi keessatti hirmaatuun dirqama lammummaa tahuu hubatuudhaan hirmaannaa isaa akka guddisu; 

Lammiileen Oromoo qawwee diinni hidhachiiseen lammii isaanii ajjeesaa fi doorsisaa jiran, dogoggora seenaa keessatti gaafachiisu raawwataa akka jiran hubatuun dirqama diinni itti kenne diduun ummata isaanii cinaa hiriiruu akka itti fufan ABO gadi jabeessee hubachiisa. 

Dhuma irratti ABOn jabinaa fi murannoo ummatni keenya mirga isaa harka isaa galfatuuf itti jiru dinqisiifataa, gama isaatiin tarkaanfiilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu bal’inaan kan itti fufu tahuu mirkaneessa. Qabsaawotni ABO Oromiyaa guutuu keessa jiranis wareegama kana adda durummaan kennaa dirqama isaanii bahachuu akka itti fufani fi itti jiran mirkaneessa. 

Injifannoo Ummata Oromoof! 
Adda Bilisummaa Oromoo 
Guraandhala 22, 2016

No comments:

Post a Comment