Ani Waa TORBA Jajeen TORBA taajjabe! ISINOO?

Gurrandhala 20, 2016 | Beekan Gulummaa Irraa
NAN JAJE!!
1. Qeerroofi qarree hidhannaa meeshaa ammayyaa malee wayyaanee bitaa                galche nan jaje,

2. Artistoota Oromoo kutannoodhaan sirna garbummaa balaaleffachuun sagalee     isaanii finiinsan nan jaje,

3. Miidiyaalee Oromoo keessaa warra nuffii malee sagalee sabaa jala bu’anii            addunyaaf qaqqabsiisan nan jaje,

4. Hayyoota Oromoo (Hunda miti) miidhaan sabaa itti dhagahamee hojii dippilomaasiifi diinaaf
     deebii kennuun xiinsammuu buruqsan nan jaje,

5. Warreen biyya keessaa waajjira diinaa keessa taa’anii odeeffannoo iccitaa baasuun shira diinaa
      saaxiluun mogolee mootmmaa garboomfataa jalaa fuudhaa jiran nan jaje,
6. Qotee bulaaa bobaa diinaa jala taa'ee gibira hinkaffalu jedhee eeboofi meeshaa lolaa manaa qabuun
     diinatti gadi ba'eefi poolisiifi milishaa harkaa qawweefi boombii booji'ee diinatti dacha'e nan jaje,
7. Diina walakkaa dhaabatanii warra suuraafi viidiyoo waraabanii miidiyaalee Oromoof ergan
      nan jaje….

NAN TAAJJABE!!
1. OPDO garaaf malee maqaaf hinbulle (yeroo Tigireen uummata isheen bulchaan jira jettu kana
        karaatti cabsituufi galaafattu teessee ilaaltu ) nan taajjabe,

2. Yeroo dargaggoonni FXG finniinsa jiran kanatti hojjetoota mootummaa warra ofiin jedhan,
      magaalalee Jimmaa dabalatee tokko tokko kan waan ta’aa jiru kun takkumaa galaafi hinjirre kana
      nan taajjabe,

3. Abbootii qabeenyaa Oromoo qeerroofi qarree harka qullaa fiigaa jirtu kana meeshaalee biytee hidhachiisee bobbaasuu dadhabeefi gibira mootummaa nama nyaatu kanaa kaffalu nan taajjabe,

4. Poolisii Oromiyaa dhiigaan dhuguma Oromoo ta’ee meeshaa waraanaa Wayyaanee baatee
     Oromiyaa keessaa obbolaasaa isa bilisoomsuuf qabsooftu doorsisu/tuu nan taajjabe,

5. Manneen barnootaa utuu obbolaan isaanii kaan hidhaatti kaan du’aan bilisummaa Oromoof jecha        dhabamuu ofiif taa’anii baratan nan taajjabe,

6. Qabsoon keenya kun kaayyoonsaa tokkoof tokko ta’ee utuu jiruu, obboloota lagaafi naannoon,
       taaayitaafi maqaa argachuuf, ana malee namni hinjiruufi oftuulummaadhaan of afuufaniifi
        waliisaanii jibban; jaarmiyaalee garaagaraattis walqoqqoodan tokko tokko nanjibbe.
7. Manneen amantaa Maqaa saba Oromootiin walitti qabamanii waldaa, bataskaana, maskiidaa fi kkf
       keessa taa'anii yeroo akkas Mootummaan garboomfataan kun dhaloota ijasaa duratti cabsu
       taa'anii ilaalan nan taajjabe.
Isinoo maal jajju maal taajjabdu!-
Beekan Gulummaa Irranaa ti.

1 comment:

  1. Gaafii Hayyoota oromoo hunndaaf
    1. Yeroo heerri mootummaa Itoophiyaa kan bara 1995nii tumamu, saboonni oromoo hin ta’in keeyyata 39ffaa(mirga ufiin uf bulchuu hamma fottoquutitti) jedhu irratti jechi “hamma fottoquutitti” jedhu kun biyyattiin(toophiyaan) akka addaan hihhiramtuuf karaa bana waan taheef jechi kun keeyyaticha keessaa bahuu qaba jechuun falmii guddaa gaggeessanii turan, garuu Mallas gara isaatiin akka jechi kun keessaa hin baaneef mormii guddaa gochuun akka mirkanaayu taasise;Mallas zeenaawii maaliif jechi kun akka keessaa hin bane barbaade ?

    ReplyDelete