GUMAA DHIIGAA

Gurraandhala 22, 2016 | Beekan Gulummaa irraa
Haqani haqaaqamee jallinnis dagaagee
Sobni iddoo qabatee laffarras bargaagee

Xobbeen ol adeemaan yoo citus garmalee
Duutis du’arratti daranuu dabalee

Gochi warra Naazii warra faashistootaa
Quuftis gara dhabee kan gita bittootaa

Gaaffii mirgaaf ka’e faallaan deebisanii
Guddaaf xiqqaa keenyas karaatti hambisanii

Dhiignis dhangala’ee gubee garaa namaa
Reeffis bakkeetti hafee bineensaan nyaatamaa


Beekaafi wallaalaan salphatee karaatti
Lafa akaakileesaafi biyya abbaasaarratti

Deessuun haati gootaa  gantuudhaan nyaatamtee
Salphinatti laattee warreen bayyaannattee

Qotee bulaan keenya kabajaa dhorkamee
Qe’eedhumasaatti rasaasaan waadamee

Qarreen  gaa’eelarratti duudhaan kaadhimamtee
Qeerroo jaallattuu bira ga’uu kan hankaaktee

Daa’imni bitaaf mirga ilaaluu hinbeeknellee
Kan akka garaasheetti taphattee hinquufnellee

Ajjeefamtee duutee haadhaaf abbaa jalaa
Manni gaddaan guutee qe’een waliigalaa

Saba ukkaamfamuun bara lakkofsise
Hidhamuuf ajjeechaan isa jibbisiise

Obsa daangaa dhabee utuu beekuu dhiisaa
Wanta baachuu hinmalles ciniinnatee dhiisaa

Saba garraamummaan jireenyasaa miidhe
Utuu hundaa qabuu haalli hundi isa hidhe

Saba jabaaf guddaa kaaniifuu irraa hafuu
Yeroo akkasittiin badduun isa balfuu

Saba duudhaa qabu gootummaan beekame
Balleessuu utuu beekuu dhiisuuf kan dirqame

Saba nagaa qabu hundumaaf kan kennu
Maaddii isarraa hafus kan nyaatan saroonnuu

Caccabsuu utuu beekuu gafarsa harka hidhee
Gaarii inni hojjetutu jallinaan deebi’ee

Utuma beekanii huubaa wajjiin nyaachuu
Akka saree jaraa nama jala kaachuu

Kan hinbeekne qabna goota xiiqiin kaase
Imaanaan goototaa kan garaasaa raase

Goota qawwee malee diina naasifatee
Alaabaa ofii qabu samiin qixxeeffatee

Guggubee mancaasee siidaa gooftoliishee
Injifannoon kan galu shaggooyyees dhiichisee

Kuma baay’ee qabna; qabna goota danuu
Abadan kana booda diinniyyuu nun dhaanuu

Namni gama jiruun hundumaan bobba’ee
Gumasaa baafachuuf hundaan gadi ba’ee

Teessoo mana mootiis gootni galee diigaa
Qeerroon nideeffata lolee gumaa Dhigaa
= = = = = = ///= = = = =  == // == = = =


Beekan Gulummaa Irranaa-2016

No comments:

Post a Comment