Haala FXG Guraandhala 20/2016 Oolmaa‏

Guraandhala 21, 2016 | Gabaasa Qeerroo

FXG Guraandhala 20/2016
  1. Godina Baaleetti-Aanaa Gasaraa, aanaa Ginniir (gandoota Doodoo, Odaa roobaa, Hariiroo, Dooyyoo, Hara, Eel-tokkee fi Duksii) guyyaa kana gara galgalaatti daandiiwwan keessoo deemsisan uummataan cufamanii dhaadannoo fi alaabaa ABO manneen barnootaatti fannifamee jira. Godina Baaleetti FXG hanga baadiyaatti kan itti fufaa jiruudha.Garuu meeshan amma uummata Oromo irratti dhukaasuuf konkolataadhaan fe’amee uummata keessa galaa jiru baayee guddadha.

  2. Godina Gujiitti-Lafti kanaan dura abbaa qabeenya wayyaanee kan tahe Allaamuddiiniin saamame uumatni deeffatee hirmaataa jira. Deemsi fi murannoon kun torbee kana keessa shaggar kaabaa Sululaatti eegale. Qabeenyaan oromoo fi lafti oromoo saamame yoomiyyuu uummata Oromoof ni deebi’a jaallatani osoo hin taanee diddaa uumataatin. FXG har’a Gujiitti eegaleen lafti saamame uummanni gamtaan deffareera. Qabeenyaa socho’aa diinaa fi ergamaa diinaa irratti tarkaanfiin achumatti fudhatamaa jira.

  3. Godina lixa wallaggaa fi wallagga bahaa daangaa godinoota lamaanii kanatti WBOn seene kan jedhamuun wayyaaneen raafama guddaa fi jabaa keessa seentee jirti. Daandiin guddaan magaala Gimbii irraa gara Naqamtee geessu cufamee humni diinaa karaa itti darbu dhabee ofirra deebi’eera. Humni WBO dhufee uummata keessa walakkeessa Gimbii fi Naqamteetti argame jechuunis waraanni shawaa lixa irra jiru gara sanatti guuramaa jira.

  4. Harargee Bahaa –Baaddannoon toohannoo uummataa fi Qeerroo jala jirti. OPDO fi kaabinoonni aanaa Baddanno keessa godaanani humna wayyaanee waammataa jiru. Booranaa fi Arsiin akkuma jirutti alaabaa isaa bakka hedduutti fannifatee bulchiinsa Wayyaanees diigee ofiin of bulchuu irratti argama.konkolaataan waraana fe’atee gara Arsii lixaatti duulaa jiru guyyaadhaa guyyaatti lakkoofsaan dabalaa dhufeera.

  5. Godina shawaa lixaatti akkuma beekamu injifannoo gurguddaan argamanillee miidhaan uummata irra gahaa jiru daran jabaataadha. Uummanni oromoo ammallee hin baane wal kukkutee bahaa jira. Humni uummataa kaan daandi cufuu kaan tarkaanfii qabeenyaa diinaa irratti fudhatuu fi kaan ammoo FXGtti hirmaataa jira. Dhukaasni ummata irratti dhuka’uun FXG kana hin dhaabne jabeessaa jira.

  6. Qellem wallaggaa aanaalee garagaraa kaleessas kan xuqne FXG baadiyaa keessatti adeemsifamaa jira. Kaleessa magaala Naqamtee irratti poolisoota oromiyaa fi waraana agaazii gidduutti dhukaasni tureera poolisiin oromiyaa gara uummataa dhaabbatee ture. Bifuma kanaan har’a Qellem Gaa’oo Qeebbee fi Gabaa Arbii bakka jedhamutti wal irratti dhukaasuu isaanii Qeerroon kan gabaaseedha. Gara poolisii Oromiyaa keessa namootni sadii tahan kan mada’aan yoo tahu miidhaan jabaan kan hin qaqqabne Qeerroon gabaase.

No comments:

Post a Comment