Godina baha wallaggaa magaala Naqamtee, Giddaa Ayyaanaa fi Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Waraqaan Qeerroo Warraaqsaa Bittimfamee Jira. Magaala Naqamteetti Uummata Oromoo Maraaf Waamichi Tahe.

Bitootessa 24, 2016 | Qeerroo.org
– Oromoon tokko kaaba fi kibaa fi bahaa fi lixaan ka’I wayyaaneebiyyaa baasi 
– Abbummaan oromoo oromiyaadhaan haa mirkanooftu 
– WBON duruma leenca bosonaati 
– Nuti wayyaane hin beeknu ABO malee 
– Tigreen saamtuu fi hattuudha 
– OPDOn uummata oromoo bakka hin buutu
Jedhu waraqaan balaliituun warraaqsaa bittimfamee kan turee fi aanaa Giddaa Ayyaanatti barataa du’e sirna awwaalcha isaan wal qabsiisuudhaan FXGs guyyaama kana eegale kan ture har’as FXG aanaa kana keessatti jabaate jedhu. Qonnaan bulaan aanaa Giddaa Ayyaanaa hedduun ukkaamfamee jira. barattootni har’a daandii cufaniiru. Agaaziin aanicha keessa olii fi gadi fiigaa jirti. Magaalli Naqamtees dirree qabsoo taateetti hamma ammaatti waraanni wayyaanee itti wal jijjiiruudhaan magaalicha keessa qubatee jira.

No comments:

Post a Comment