Walabummaa Oromiyaaf, Referendumiin Bilisa Ta’e Har’a Geggeeffamuu Qaba. Qiyyaafatnoo ummata Oromoo kan kaleessaa fi kan har’a.

Bitootessa 24, 2016 | Leelloo Sabaa Irraa

Sirna gabrummaa Habashootaa jaarraa 14ffaa irraa eegalee irratti diriirfame, ummatni Oromoo jaarraa 16ffaa keessaa wareegama: lubbuu, qabeenyaa, hawaasummaa fi qaamaa hagana hin jedhamne irratti baasee Oromiyaa keessaa buqqisuun bilisummaa isaa deebifatee: nagaa, badhaadhina fi gammachuun waggoota dhibba sadiif (hanga dhuma jaarraa 19ffaatti) jiraatee ture.
Waggoota dhibba sadiif, bilisummaa isaa tikfatee osuma jiraatu, Oromiyaa deebisanii gabroomfatuuf hooggana Minilikiin weerara Habashooti Oromoo fi Oromiyaa irratti bananis ummatni Oromoo of irraa ittisuuf wareegama lubbuu miliyoona shanii, kan qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hedduu eerga baasee booda meeshaa lolaatiin caalamee haa injifatamu malee bilisummaa isaa deebifatuuf ummatni kun haga har’aatti, itti fufee falmaa hadhooytuu geggeessaa jira.

Fincilli Oromoo Daawwee, kan Raayyaa, walabummaan jiraachuuf Western Oromo confederation, Oromoon walakkeessa, fi Baha Oromiyaa iyyatnoo isaan mootummoota Awurooppaatti galfatan, Fincilli Baalee, ijaaramuun waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi ijaaramuun Adda Bilisummaa Oromoo, wareegama barbaachisu baasuun bilisummaa afaan qawweetiin habashootaan sarbame deebifachuuf : akeeka, fedhii, hawwii fi muratnoo ummatni Oromoo qabu itti fufee daranuu kan mirkaneesse ture. Dhaaba warraaqaa, qabsoo bilisummaa Oromiyaa kallachummaan hoogganu qabaachuun jala hiriiranii wareegama baasuun akeeka bilisummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf muratnoon ummatni Oromoo bara Dargii irraa eegalee agarsiise, bilisa ta’ee jiraachuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo qabu kan daranuu itti fufee dhugoomse ture. Dhaaba kana jala hiriiruudhaan wareegama qaqqaalii ummatni Oromoo haga har’aatti baasaa jiru, akeeki dhaaba kanaa, kan bilisummaa Oromiyaa, akeeka: haqaa fi dimookraatawaa,  fedhii fi hawwii ummatni Oromoo jaarraa hedduuf qabaachaa ture  guutu ta’uu shakkii tokko malee kan mirkaneessu dha.
Wareegama: lubbuu, qabeenyaa, qaamaa fi hawaasummaa hagana hin jedhamne baasuudhaan fincilli bilisummaa fi dimookraasii har’aan tana Oromiyaa guutuu keessatti qaama hawaasaa Oromiyaa guutuun deemsifamaa jirus itti fufee kan mirkaneessu, ummatni Oromoo bilisa ta’ee hiree isaa murteefachuun walaba ta’ee jiraachuuf dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee: fedhii, hawwii fi akeeka dhaabbataa hin sharafamne kan abbootii isaa irraa dhaale bakkaan gahachuu akak barbaadu shakkii tokko malee itti fufee kan dhugoomsuu dha.
Waan kana ta’eef, karaa nagaa hiree isaa murteeffatee mootummaa walaba ijaarratuuf fedhii fi hawwii ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif :walitti fufiinsaan, jabinaa fi cichoominaan wareegama hedduu irratti baasee ibsachaa jiru kana, biyyooti, mootoummooti, humnooti siyaasaa, jaarmooti addda addaa, nam-tokkeen adda addaa: seera uumaa, seera addunyaa, haqa, dimookraasii, mirga dhala namaa fi nagaatti amanan hundi deggeruudhaan, ummata Oromoof referandumiin akka hayyamamu dhiibbaa cimaa godhuu qaban. Ummatni Oromoos, akeeki isaa kan mirga hiree murteeffanaa referandamiin  bakkaan  akka gahatuuf, “Referandamiin Oromiyaaf Hara !, Kan kanaa gadii tasumaa hin barbaannu !” jechuun tokkummaa duraan argamee hin beekneen yeroo inni itti sagalee isaa dhageessisuu qabu hara’a.
Injifatnoon Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo waliin fuulduratti !

No comments:

Post a Comment