Tikaa fi Poolisa Yuuniversitii Wallaggaa Kan Ta’e Rabbirraa Assaffaa Kelkay Namni Jedhamu Uummata Midhaa Hamaa Barattoota Irraan Gahaa Jiraachuu Beekame.

Bitootessa 22, 2016 | Qeerroo.org

FB_IMG_1458595853715Namni  kun Maqaan isaa Rabbirraa Assaffaa Kelkay jedhama.(sabaan immoo Tigireedha) .
Yuunversiitiin Wallaggaa Yeroo hundeeffamerraa kaasee ajajaa poolisoota Yuunibarsiitii Wallaggaati. Rabbirraan Yuunibarsiitii kana keessatti nama mootummaa kana wajjin waliigaluun dur irraa kaasee hanga ammaatti deeninattii (tika) kaampasii kana galchuun dhiiga baratoota Oromoo dhangalaasisuu, hiisisuufi ajjeesisaa nama  jiruudha. Akkasumas jalqaba irraa ka'uun nama Yuuniversiitii kana keessatti uummata Oromoo qomoo qomoodhaan qoqooduun wallitti buusaa tureedha.FB_IMG_1458595847692
Yuunversiitii Wallaggaa keessattis nama biyya biyyaan qooduun gita hojii irrattis nama ramadaa kan jiruudha. Nami kun yeroo ammaa haalaan barattoota Oromoo fi uummata Oromoo rakkisaa waan jiruuf uummanni magaalichaa haalaan hadheefatee waan jibbeef innii fi fakkaattonni isaa daran Oromoo rakkisuu filmaata godhatanii jiru.

No comments:

Post a Comment