Ummatni Oromoo Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessa jiraatan Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin marii Fincila Xumura Gabrummaa caalatti finiinsu akeekkate geggeffatan

Bitootessa 22, 2016 | Qeerroo.org

qeerrooUmmatni Oromoo Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessa jiraatan Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin marii Fincila Xumura Gabrummaa caalatti finiinsu akeekkate geggeffatan. Fincilichi akka injifannoon xumuramuuf gahee isaanii gumaachuuf qophii ta’uu isaanii kan mirkaneessan jiraattonni magaalewaan kun ibsa ejjennoo Qabxii 7 of keessa qabu baafachuun marii isaanii milkiin gaariin xumurataniiru.

  1. Mootummaan garboonfataa TPLF shororkeessituu, farra dimookiraasii, farra nageenyaa fi farraa mirga namummaa ta’uu isaa yakka waraana Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruun addunyaaf saaxilameera. Saaxila kana dhokfachuuf malli inni qabu tokkittin Oromiyaa humna Waraanan ukkaamsee bulchuuf wixxifachuu waan ta’een yakka daangaa hinqabne raawwachaa jiraachuun isaa ifaadha.Gartuun mootummaa jedhee of waamaa jiru TPLF diina sabootaa fi Sab-lamootaa Cunqurfamoo biyyatti hundaa afaan qawweetiin bulchuuf carraaqaa jira. Gartuun kun Dimokraasii fi Olaantummaa Seraatti tasa waan hinamanneef sochii Warraaqsa FXG keenya yoomiyyuu caalaa jabeessuun waajiba ta’a. Ummatni Oromoo fi Ummatootni cunqurfamoon harka wal qabatanii gartuu kana aangoo irraa qaarisuuf yoom iyyuu caalaa yeroon amma barbaachisadha. Isa kana gochuuf nuti jiraattonni Magaalota Addaa Naannoo Finfinnee Qeerroo Bilisummaa irraa abdii guutuu waan qabnuuf, sochiin isaan FXG finiinsuuf godhaa jiran, akkasumas wareegamaa qaalii uummatni keenya godinaalee Oromiyaa Cufa keessatti kanfalaa jiru qoodachuuf qophii ta’uu keenya hubachiifna.
  1. Yakkoota suukanneessoo – ijoollee fi dubartoota jumulaan ajjeesuu, hidhuu, dirqisiisanii gudeeduu fi ilmaan Oromoo akka bineessatti adamsuu kan Waraanni wayyaanee Oromiyaa keessatti geggeessaa jirtuuf itti gaafatama kan fudhatu gartuu TPLF. Gartuu kana keessaa kannneen ajaja dabarsanii yakkoota kana raawachiisanii fi raawwatan hundi atattaman akka seeratti dhihaatanii dalagaa farra-namummaa geggeessaa jiran kaneeniif gaafatamumma akka fudhatan gaafanna.
  1. Tajaajila daldala midhaan Nyaataa, Zayitaa, loowwan gaafaa, Hoolaa, Re’ee, lukkuu fi Hanqaaquu, akkasumas bu’aawwaan jiruu fi jireenyaaf barbaachisaan Oromiyaa irraa Magaalaa Finfinnee akka hin seennee fi tajaajillii daldalaa fi gabaa lagachuu akka guutummaatti eegalamuuf murteeffannee jira. Daandiiwwaan konkolaataa kallattiiwwaan hundaan akka Finfinnee hin seennee fi Oromiyaatti gadi hin baanee itti fufinsaan cufuun tajaajila geejjiba waraana wayyaanee dhaabuuf karaa dandeenyu mara carraaquuf murteefanne.
  1. Kaffaltii gibraa fi buusiiwwaan galii mootummaa abbaa irree fi shororkeessa, kan lammii keenya fixaa jiruuf bakka kamitti iyyuu akka hin kanfalamnee murteeffanneerra.
  1. Xuriin Magaalaa Finfinnee keessa bahuu nageenya naannoo keenyaa guutummaatti summeessuun yeroo amma kanatti lubbuun ilmaan Oromoo fi jiraattootni naannawaa Finfinnee akka malee galaafatama jira. Nuti jiraattootni Magaaloota Akka Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Burraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Aqaaqii Qaallitti, Duukam, Galaan, Bishooftuu bakka Xuraawwaan itti gatamu taanee jirra, faalama (Summaa’uu) qilleensaa nurratti rawwatamaa jiruuf wareegama qaalii kanfaluun  tarkaanfii mataa keenyaa  fudhachuun of irraa ittisuuf qophii ta’uu keenya ni ibsina.
  1. Maqaa Ijaarsa Manneen Waliin jireenyaa – Kondomiiniyeemii, Investimentii, Liizii jedhuun qonnaan-bultoota  Oromoo irraa qabeenyi isaanii Lafti fudhatamee qotee bulaan Oromoo  qe’ee isaatti waardiyyaa ta’ee cabee jiraachuun haqa hin haalamnedha. Saamichaa lafa Oromoo dhaabsisuuf qonnaan bultootaa Oromoof Lafti isaanii atattamaan deebi’uu qaba, Manneen kondomiyeemii gadi gadhiifamuufii qabu. Abbummaa lafaa fi qe’ee uummataa keenyaaf mirkaneessuuf yeroon gamtaan falmannu amma ta’uu sagalee tokkoon waliif galleera.
  1. Rakkoo siyaasaa wal-xaxaa biyyattiin keessa seentee jirtuuf furmaatni bu’uuraa wayyaanee aangoo gadhiisuu qofa waan ta’eef gartuun TPLF biyyattiin laaqama kana caalu keessa osoo hinseenne atattamaan angoo akka gad-dhiisan gaafanna. Sirna siyaasaa ummata irraa fudhatama dhabe humna waraanaan tursuun gonkumaa waan hindanda’amneef osoo baddin kana caalu biyyattii hinmuudanne furmaata siyaasaa itti gochuun haalaan barbaachisaadha. Haala kana mijjessuuf mootummaan ce’umsaa daddaffiin akka hundeefamu fi hidhamtootni Oromoo hundi hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafanna. Kanuma waliin tumsi nuti FXG finiisuuf goonu hanga mirgiabbaa biyyummaa ummata keenya guutumaatti mirkaneefamuutti dachaa dachaan kan itti-fufu ta’uu isaa diinaafis firaafis ibsuu feena.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan gadaa Bilisummaati!
Bitootessa 21/2016

No comments:

Post a Comment