Dhaamsa Arifachiisaa Barattoota Oromoo Qorumsa Naannoo fi Biyyoolessaa Bara 2016 Fudhachuuf Jiran Maraaf Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) irraa kenname!!

Caamsaa 24, 2016 | Qeerroo.org

Dhaamsa Arifachiisaa Barattoota Oromoo Qorumsa Naannoo fi Biyyoolessaa Bara 2016 Fudhachuuf Jiran Maraaf Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) irraa kenname!!
Akkuma beekkamu Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Sadaasa 12,2016 Godina Shawaa Lixaatti goototni barattootni keenyaa Qeerroon barattootni keenyaa Dandii Mana Barnootaa Aanaa Giincii Sad.2ffaatti eegale oolee osoo hin bulin akka ibidda saafaaatti laboobee goleewwan Oromiyaa mara walgahuudhaan mana tokkoon tokkoo ummata Oromoo seenuu dandaeera. Sochiin eegalame Oromoo idil addunyaa jiran mara dammaqsuudhaan sagaleen Oromoo addunyaatti akka dhagaamuu fi sochii sabaa himaalee addunyaa hawwate taee argameera. Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee mormii ummata Oromootti kan rifate ummata harka qullaa mirga isaaf falmatu shororkeessaadha jechuun ifaan ifatti waraana irratti labsee guyyaa adiidhaan dhiiga ummata keenyaa dhangalaasaa ture, ittumas jira. Yaa tau malee, ummatni Oromoo roorroo bara dheeraa waan jibbeef afaan qawwee fuuldura dhaabbachuudhaan FDG gaggeeffamaa ture jalqaba bara 2016 irratti gara FXGtti tarkaanfachisee jira. Mootummaan wayyaanees abdii kutachuudhaan waraana daangaa irraa qabu gara Oromiyaa deebisuun Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galcheera. Waraanni mootummaa wayyaanees ummata Oromoo ajjeesuu, madeessuu, hidhuu fi dararuu, dubartoota gudeeduu fi qabeenya ummataa saamuu irratti bobbaee argama. Bakkeewwan tajaajila ummataa hundi (manneen barnootaa, buufataaleen fayyaa, hospitaalotni, lafti gabaa, waajjiraaleenii fi kkf) bakka qubsuma waraanaa tauudhaan tajaajilaa jiru.

Egaa sochiin ummatni Oromoo gaggeessaa jiru baatiiwwan jaa lakkoofsisaa jira. Baatiwwan jaan kana keessatti barattootni fi barsiisotni Oromoo waraana agaaziitiin ajjeefamaa, madeeffamaa, hidhamaa, dararamaa fi baqachaa jiru. Iddoo taiiwwan akkana raawwatanii fi manneen barnootaa qubsuma waraana agaazii taanitti nagaan taaanii barachuun tasuma waan yaadamuu miti. Mee obbolaa keessan teessoo tokkorra waliin teessanii barachaa turtan of cinaatti ilaalaa! Kuun wareegamaniiru, kaan immoo hidhaatti dararamaa jiru, kanneen biroo qaama hiruu taanii manneen yaalaatti argamu. Warreen hafanimmoo lubbuu ofii oolfachuuf baqataniiru. Mee akkasuma barsiisaa keessanis of fuulduratti ilaalaa! Aarsaa walfakkaatu kanfalanii jiru. Kanfalaas jiru. Mootummaan wayyaanee rakkoowwan muudatan maraayyuu rakkoo bulchiinsa gaariiti, rakkoo keenya, gaaffiin ummataa sirriidha jedhee miidiyaa dharaa irraa osuma ololuu gochaawwan walfakkaataa ummata keenyarratti raawwachuu irraa tasumaa of hin qusanne. Waraanaan bulaa nagaan barachuun yaa hafuutii jiraachuunuu hin yaadamu. Kanaaf, mootummaan wayyaanee haala yeroo qorumsaa ilaalchisee yeroon akka dheeratu gaafatamus diddaa agarsiisuudhaan guyyaa qorumsi itti kennamu murteesseera. Haaluma kanaan;
  • Qormaatni kutaa 12ffaa Caamsaa 30, 2016 ( Caamsaa 22, 2008) fi
  • Qormaatni kutaa 10ffaa Waxabajjii 6, 2016 (Caamsaa 29, 2008) akka eegalu murteesseera.

Sababa kanaan mootummaan wayyaanee mormii cimaatu kauu dandaa jechuudhaan waraana qabu dabalataan gara Oromiyaatti feaa jira. Qorumsi kan kennamu humna waraanaan eeggamanii akka taus tilmaamuun nama hin dhibu.
Kanaafuu, barattootni Oromoo lafa jirtanii quba walqabaachuudhaan tokkummaan kaatanii diddaa agarsiisuun dirqama taa. Mootummaan wayyaanees barataan Oromoo sadarkaa itti aanutti akka hin tarkaanfanne godhuuf tattaafachaa kan jiru tahuu ifumatti hubannee irree tokkoon diina fuuldura dhaabbannee diddaa keenya mulisuu qabna.
Gamanumaan dhaamsi ummata Oromoof qabnu yeroo mootummaan wayyaanee Caamsaa 20 ALH guyyaa injifannoo jechuudhaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa lafa dhiitaa jirutti bara bara kufaatii mootummichaa taasisuuf harka walqabannee kauun dirqama taati. Kanaafuu, Oromoon kamuu Caamsaa 20 ALHtti sochii FXG marsaa 5ffaa haalaan finiinee jiru kana daran jabeessuudhaan guyyaa kufaatii mootummaa wayyaanee akka taasifnu dhaamsa isiniif dabarsina.
Kanneen, ummata Oromoo irraa dhalattanii diina tumsudhaan ummata keenya gidirsaa jirtaniif immoo akeekkachiisa dhumaa isiniif dhaamna. Diinni boru ni gala. Isintu ummata kana waliin hafa. Kanaafuu, uumata keessaa dhalattan cinaa dhaabbachuu yoo dadhabdan gochaawwan badii ummataa fi barattoota keenyarratti raawwattan irraa of qusadhaa! Mootummaa hundeen buqqaee kufuuf raafamaa jiru gonkuma kufaatii irraa oolchuu hin dandeessan. Mootummaa waa maraan kufe deebisanii kaasuun, nama duee awwaallame kaasanii lubbuu itti horuu waliin wal fakkaata. Kana hin taane taanaan garuu, tarkaanfii qabeenyaa fi maatii keessan irratti fudhatamu maraaf itti gaafatamummaan kan keessani.
-Oromoon bara hunda ajjeefamuu, hidhamuu fi baqachuu hin qabu! 
-Oromoon qabeenya saamamuu fi lafa isaarraa buqqauu hin qabu! 
-Harmeen Oromoo bara hunda boossee imimmaan facaastee, harka balistee reeffa ijoollee ishee fudhachuun dhaabbachuu qaba! 
-Gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo deebiuu qaba! 
-Oromiyaan bulchiinsa alagaa fi waraanaa jalaa bahuu qabdi! 
-Gumaan wareegamtoota keenyaa bahuu qaba! 
-Hidhamtootni keenya hiikamuu qabu! 
-Mootummaan ceumsaa hundeeffamuu qaba! 
-Kanneen Ummata Orommoorratti waraana labsanii fi fakkaattotni isaanii seeratti dhiyaachuu qabu!
KANAAFUU, DHAAMSA KANA QALBEEFFACHUUDHAAN SOCHII FXG MARSAA 5FFAA KANA DARAN JABEESSUUN MOOTUMMAA WAYYAANEETTI DHUMA HAA GOONUN WAAMICHA KEENYA!
GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA!!

No comments:

Post a Comment