DHAAMSA WALIIGALAA BARATTOOTA OROMOO KUTAA 8FFAA, 10FAA FI 12FFAA BARA 2016 QORMAATAA BIYYOOLESSAA FUDHACHUUF JIRAN HUNDAAF GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA KENNAME.

Caamsaa 16, 2016

Akkuma beekkamu sochiin warraaqsa biyyoolessaa Qeerroo dargaggootaa, barattoootaa fi guutummaa ummata Oromootiin eegalame baatiiwwan shan(5) xumuree baatii ja’affaa (6ffaa)n jalqabeera. Sochii gaggeeffamee ture kanarratti ga’een Qeerroo Barattoota Oromoo olaanaa ture.
 Sochii gaggeeffamaa turetti mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa seenuun ummata Oromoo harka qullaa biyya isaafalmatu guutummaatti shororkeessitoota jechuudhaan waraana ifaan ifatti nurratti labseera. Ji’oottan kana gidduuttis waraanni agaazii ilmaan Oromoo lakkoofsaan kuma tokkotti (1000) dhiyaatan rasaasaan guyyaa adii dhiiga dhangalaasee ajjeeseera.
  •  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman rasaasaan rukutamanii qaama hir’uu ta’aniiru.
  •  Kanneen kumaatamaan lakkaa’aman manneen hidhaa garaagaraatti guuramuun dararahamaa arga jiru.
  • Hedduunis lubbuu ofii oolchuuf baqatanii soora qurxummii galaanaa ta’aniiru,

Kanarrattimmoo ummatni keenya bara kana balaa uumamaa (hanqina roobaa) irraa dhufeen ummatni miiliyoonaan lakkaa’amu beelaaf saaxilamaniiru. Yaa ta’umalee, mootummaan wayyaanee gargaarsa argame ummata beela’eef osoo hin taane waraanaa gaaziitif oolchee ummata ittiin ficcisiisaa jiraachuun ifadha. Keessa ttuu, kan nama gaddisiisu ummatni keenya dhiibbaa siyaasaarraa kan ka’e biyya isaa irratti jireenya harkaa garaafaanii jiraachuun balaawwan muudatan jala akka hin hulluqne taasiseera. Miidhaa hanqina midhaan nyaataan ummata keenyarra qaqqabe hospitalotni giddugalaa fi baha Oromiyaa raga quubsaadha. Kanneen waan ittiin mana yaalaa deeman dhabanii mana ofiitti lubbuun isaanii beelaan dabarte manni haalakkaa’u. Ammallee balaan uumamaa ummata hangamii akka lubbuu dabarsaa, manarraa buqqisaa fi qabeenya balleessaa jiru hunda keenyaafuu ifadha. Yaata’umalee, mootummaan biyyan bulcha jedhee miidiyaa dharaa irraa gurra nu duuchu ummata keenya lubbuu baraaruuf carraaqqii godhe tokkollee hin qabu. Ittumaayyuu kanneen hafan fixuudhaaf halkanii fi guyyaa shira xaxaa jira. Fixaas jiru.
Egaakaa, barattootni Oromoos bara kana wareegamaa, madaa’aa, hidhamaa fi dararamaa as ga’uun ifadha. Miidhaan walfakkaatu barsiisota keenyarras qaqqabeera. Qaqqabaas jira. Manneen barnootaas qubsuma waraana agaazii ta’uudhaan tajaajilaa jiru. Haala akkanaa keessa taa’ee sammuun tasgaabbaa’ee barnoota hordofu gonkuma akka hin yaadamneedha. Kanaafuu, barattootni kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa baatiiwwan ja’a guutuu osoo hin baratin qorumsaaf dhiyaachuun miidhaawwan hedduu jireenya keessan irratti akka qabu ifumatti hubachuun barbaachisaadha. Kun immoo:
1.  Barattootni keenya sadarkaa irra jiranii gara itti aanutti tarkaanfachuu haalaan xiqqeessa.
2.  Barattoota qabxii gaarii fiduu malan haamilee cabsuu mala.
3.  Warreen kutaa 10ffaa qoramtan harca’iinsa barattoota keenyaa ifumatti mul’isuu danda’a.
4.  Kanneen kutaa 12ffaa qoramaniif baay’inni barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo galuu malanii haala jabduun ni xiqqaata, muummee barnootaa fi yuunibarsiitii barbaadan galuufillee gufuu guddaa ta’eetu mul’ata. Haalotni heeraman kunniin jireenya dhuunfaa fi ummata Oromoo irratti dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf haalaan xiinxaluun bayeessa. Dhiibbawwan kanneen keessummeessuurra, waggaa tokkittii kana sochii eegalame galmaan geenyee sammuu tasgabbaa’een barnootatti deebi’uun filmaatadha.
Mootummaan wayyaanee rakkoowwan muudataniif hanqina bulchiinsa gaariti, rakkoo keenya jechaa afaan ololaa ummata keenya waraanaan goolaa jiraachuu eenyumtuu ragaadha. Kuni tooftaa ittiin kanneen hafan dabareen adamsanii hidhuu, dararuu fi ajjeesuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Nageenyi karaa miidiyaa dharaatiin ololamus akka hin jirre beekkamaadha. Waraana jala taa’anii nageenya faarsuun halkan dukkanaan guyyaa adiidha jedhanii waamuun tokkuma.
Walumaagalatti dhaamsi nuti barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga dhaabbilee barnoota olaanoo jirtaniif FXG marsaa shanaffaa (5ffaa) irra qaqqabe kana osoo walirratti hin ilaalin akkuma gaafa duraa irree tokkoon diina hundeen buqqa’ee raafamaa jirutti xumura haagoonu!
Bara hunda ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, baqachaa jiraachuu irra bara kana falmannee haqa keenya argachuun dirqama.
Waraanni ummata keenya goolaa jiru mooraawwaan manneen barnootaa buufata  godhatee jiruu fi Oromiyaa dhuunfatee jiru gadhiisee bahuu qaba!!
Hidhamtoota obbolaa keenya dararamaa jiran hiikkachuu kan dandeenyu yoo falamanne qofaadha!!
Gaaffii abbaa biyyummaa keenyas gonfachuutu nurraa eegama.
         GADAAN GADAA BILISUMMAATI!
         INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF!
        GAMTAA BARATTOOTA OROMOO GBO (OSU) IRRAA!!

No comments:

Post a Comment