Atileetonni Oromoo kabajaa fi tumsa qabsoo Oromoof qaban agarisiisan.

Waxabajjii 23, 2016 | Oromia Media Network (OMN): Oduu Waxb. 22, 2016

Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti wal dorggommii olompikii geggeeffamaa jiru irratti dhalattoonni Oromoo alaabaa ABO qabachuun daawwattoota hunda qalbii hawatan.
Dhalatoonni Oromoo Afrikaa kibbaa magaalaa Darban keessa jiraatan alaabaa ABO qabachuun dirree wal dorggommii olompikii keessatti argamuun dhiichisaa oolan.

Dhalattonni Oromoo kun bakki isaan itti muldhatanii qalbii daawwattootaa itti hawatan kun bakka atileetonni Ityoophiyaa irraa dhufanii wal dorggommiif taa’anitti akka ta’e beekkamee jira.
Akkasumas alaabaa ABO qabachuun diddaa fi roorroo mootummaan Itiyoophiyaa ummata Oromoo irratti gegeessaa jirus morman.
Harka ol qabuun mallattoo diddaa isaanii agarsiisaa akka turantu himama.
Dhimma kana ilaalchisuun namoota Afrikaa kibbaa jiraatan keessa obbo Moosisaa Gaadisaa dubbifnee haala achitti raawwatame akkas jechuun nuuf himan.
Wal dorgommii geggeeffamaa jiru irratti alaabaa ABO maaliif qabattanii achitti argamtan gaaffii jedhuuf obbo Moosisaan yoo deebisan.
Wayta gara garaatti wal dorgommii ispoortii gosa hedduu Afrikaa kibbaa keessatti geggeeffamaa ture irratti, haala wal fakkaatuun dhalattoonni Oromoo mallattoo asxaa eenyummaa isaanii calaqqisan qabatanii argamuun kan yaadatamuudha.
Ammas dirree wal dorgommii olompikii magaalaa Darban keessatti geggeeffamaa jiru irratti ummanni Oromoo biyya isaa keessatti mootummaa Itiyoophiyaatiin ajjeefamuu hni qabu jechuun sagaleen adda addaa dhagayamaa ture.
Dhalattoonni Oromoo kun jibbiinsa mootummaa Itiyoophiyaa irraa qaban asxaa eenyummaa isaanii calaqqisan qabatanii argamuu qofa osoo hin taane jechaanis diddaa isaanii dhageesisanii jiru.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.






No comments:

Post a Comment