DHAAMSA OROMUMMAA GABAABDUU ONNEE KIYYA IRRAA TAATE, DARGAGGOO OROMOOF BIYYA OROMIYAA GUDDITTI KEESSA JIRTAN HUNDAAF

Waxabajjii 23, 2016 | Milkeessaa Haayiluu Irraa

Akkuma baayyeen keessan hubattan yeroon fi barri amma keessa jirru kun haala heddu walxaxaa, qaxxaamuraa fi jijjiiramaa keessa jiraachuun keenyi hunda keenyaaf ifa galaa natti fakkaata. Haala ulfaataa fi jijjiiramaa ta'e kana immoo gara ofii keenya feenutti jijjiiruuf gara bilisummaa keenyaatti geessuuf kan beekumsa, dandeettii, humnaa fi hiree seenaa kan itti qabu isin dargaggoo oromoo (Qeerroo oromoo) Oromiyaa keessa jirtanii ti. Seenaan qabsoo ummata oromoo bara dheeraa suuta adeemee deemee dhufee harra irra gahee hiree ummata bal,aa oromoo harka keessan galchee akka jiru waan hubattanii dursitani beektanii dirqama seenaan isinitti keenne kana bakkaan galiidhaan gahuuf qabsoo hadhooftuu harka qullaa keessan morma diina jalatti diina waliin kookkee walqabaa akka jirtan diinnis firris ni beeka. Haata,uutii jireenyi gabrummaa, ummata bilisummaa hin qabnee bifa kamiinuu taanaan ulfaataa fi gadadoo akka ta'e ifaadhaa 


Mootummaan garboomfattuus ummata hiyyoomsitee dinagdeetiin gadachitee ofii gaditti qabdee gara barbaaddetti micciirtee bulchuuf imaammata ishee isa tookooffaa akka ta'e beekamaa dha. Haala bifa kanaan yeroo ammaa kanatti Wayaaneen Dargaggoo Oromoo akka waliigalaatti hojii dhabdee fi hiyoomaa deegaa gootee raawwatteen booda amma kunoo hojiin isiniif arge koottaa Loltuu naaf ta'aatii Qoraan ta,aatii naaf gubadhaa. Nuti ilmaan Tigree moo isin duuba dhaabbannee isin ajajaa abiddatti isin oofna jechaan jiru. 

Yaa ilmaan qeerroo Oromoo, hammam illee jireenyi isinitti hammaattee jireenya gadadoo keessa jiraattan illee duula fi waaraana isin hin ilaallanne keessa seentanii Loltuu diina keessanii kan Wayaanee taatanii cunqursaa fi bittaa Wayaanee of irra tursuuf abidda waraanaa wayaaneen qopheessitee itti isin afeeraa jirtu kana keessatti tasa gonkumaa akka hin hirmaanne dhaamsa lammuummaa fi oromummaa ti. Ammaan booda bara dhaaloota qube kana keessatti lammiin Oromoo Dargaggoon Oromoo tokko Wayaaneef loltuu ta'ee qawwee baatee diina isaaf ittisa waraanaa ta,uun qaanii fi salphina qofa utuu hin taane kan seenaan illee bor dhiifama isaaf hin goone ta'u isaa hubatamuu qaba. Qeerroon Oromoo carraa qaawwa mijataa qabsoo bilisummaa isaaf tolu hundaa itti dhimma bahuudhaan qabsoo finiinsee yeroon inni diina isaa wayaanee of irraa buqqisee furmaata waaraa tokko akka isaaf tolutti fi gara isaaf tolutti fiduun yeroon isaa barri isaa amma male, barri itti Dargaggoon Oromoo habashootaaf loltuu ta,ee maqaa Itoophummaatiin qawwee baatee habashootaaf lolu barri isaa darbeera, tooftaan kun amma dargaggoo Oromoo qaroo birattii waan fudhatama qabu miti.Warri tari jireenyi isinitti hammaattee Loltuu Wayaaneef ta,uu kan of yaaddan yoo jiraattaniif seenaa isa fagoo dhiisaatii isuma as dhihoo hogganoota OPDO warra turanii fi jireenya ilmaan oromoo warra amma waraana wayaane keessa jiranii ilaaluun qofa barmoota guddaa fi hubannaa gahaa tokko isiniif kenna jedheetan amana.

Kanaaf yaa Dargaggoo Oromoo murannoodhaan tokkummaadhaan bilisummaa keessanii fi birmadummaa Oromiyaaf qabsaawaa male Wayaaneef Loltuu taatanii obboleessa keessanitti qawwee akka hin dhokasne. Loltummaa bakka isiniin hin ilaallanne keessatti loltuu diinaa hin ta,iinaan dhaamsa koo isa maayiti. Qeerroon Oromoo harka walqabatee tokkummaadhaan Wayaanee yoo lole Oromiyaan ni bilisoomti, Hiyyummaa, hojii dhabdummaan fi gadadummaan ilmaan Oromoo irraa ni dhabama.

Tokkummaatiin Harka Walqabannee Oromiyaa Keenya Haa Bilisoomsannu! 

Itoophummaaf Loltuu Ta'uun Garbummaa ofitti fe'uudha.

No comments:

Post a Comment