WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2016 KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE – FRANKFURT AM MAIN, GERMANY (GUYYA GAAFA FULBAANA (SEPTEMBER) 17, 2016)

 Waxabajjii 28, 2016 | Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa fi Bashannanaa (KQAIB) bara 2016

Jaallatammoo fi kabajammo Ilmaan Oromoo ardii Awuroopaa keessa Jirtaattan hundaaf/maraaf! 
Hunda duraan dursee Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE) e.V (Inc.) nagaan Waaqaa/Rabbi isin haagahu jedha. Ashamaa ilmaan Oromoo kann ardii Awuroopaa keessa jiraattan, obboleewwan keenya dhiira fi dubartiin, baga ayyaana Irreechaa bara 2016 walumaan jala geenye. Ayaanni irreechaa jila (festival) waga/bara haaraatti cee‘uumsaatti. WHOA/OCAE e.V. (Inc.) baga nagaan booqa (ifa) birraatiin isin gahe jechudaan hawwii gaarii ummata Oromoof qabu mirkaneesa.   


WHOA/OCAE e.V. (Inc.) hawaasota Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaramanii jiran hundaaf akka qophii ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti qooda fudhatan ulfinaan waamicha godhaaf. Qophii ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti qooda fudhachuuf amanteen gargar nun baasuu. Hawaason Oromoo Biyya Jarmanii keessatti ijaramanii jiran yoo qophii ayyaana Irreechaa bara 2016 irratti qooda fudhachuuf fedhii qabaatan hanga ji’a Adooleessaa (July) 30, 2016 ti akka nu beeksisan kabajaan isaan gaafana.   

Ayyaanni Irreechaa kan bara 2016 Biyya Jarmaniitti kutaa magaalaa Frankfurt am Main “Bonames“ (im Stadtteil, Banames“) jedhamu keessatti Fuulbana (September) 17, 2016 kabajamuuf qophiin Koree Qindeessituu Ayyaana Irreescha fi Bashannanaa (KQAIB) xumuramee jira. Kanaaf Oromoota ardii Awuroopaa keessa jiraatan kabajaa ayyaana Ireechaa kan bara 2016 irratti argamtannii waliin akka kabajnu ulfina guddaan isin afeerra.  

Ayyaanni Irreechaa kan bara 2016 Fuulbana (September) 17, 2016, guyyaa sambata duraa/xiqqaa (Saturday), sa’attii 12:30 WB (PM) irraa eegalee hanga sa’attii 16:00 WB (PM) cinaa (bukkee) Malkaa/Laga Nidaa (Fluß Niddaa, River Nidda) ti kutaa magaalaa Frankfurt am Main “Bonames“ (im Stadtteil Banames) jedhamu keessatti kabajama. 

  1. Sa’aatti: 12:30 WB (PM) ‐ 16:00 WB (PM)
  2. Bakka Irreechaa: Am Burghof 55, 60437 Frankfurt am Main
  3. Bakka Bashannanaa: Harheimer Weg 18-22, 60437 Frankfurt am Main (sa‘aatti: 17:30 WB – 24:00 WB)
  4. Baabura bakka Irreechaati isin geessu: Baabura lakoofsa 2 (U-Bahn 2) kan gara „Homburg/Gonzenheim“ deemu bakka „Will-Brandt-Platz“ jedhamu irraa qabatani buufata „Kalbach“ jedhamuti irraa buutuu. Buufata „Kalbach“ jedhamu irraa kaataani karaalee Unter Kalbacher Weg, Auf der Wehrmauer fi Am Burghof jedhaman irraa deemtani  bakka Irreechi bara 2016 itti geggeessamu „malkaa Nidda“ bira geessu.
  5. Baabura bakka bashannanaati isin geessu: Baabura lakoofsa 2 (U-Bahn 2) kan gara „Homburg/Gonzenheim“ deemu bakka „Will-Brandt-Platz“ jedhamu irraa qabatani hanga bakka „Bonames Mitte“ jedhamuti irraa buutuu. Buufata „Bonames Mitte“ jedhamu irraa kaatani karaalee Homburger Landstraße, Am Wendelsgarten fi Harheimer Weg jedhaman irraa deemtani  bakka Bashannanaa „Saalbau Nidda“ (Harheimer Weg 18-22)  bira geessu. 

 Qophii ayyaana Irreechaa irratti qooda fudhachuuf amanteen gargar nun baasuu!
 

 Amanteen kan dhuunfaati, Biyyi Oromoo kan Oromoo hundaati!
 Ayyaana waggaa ayyaana qabeessatu argaa!
 Koottaa waliin irreeffanna, aadaa fi duudhaa keenya guddifana!
 Waaqa Gurracha/Rabbi  nu uume galateeffachuun ni irreeffanna!
 Aadaa fi duudhaa keenya ni dagaagsina!
 Ayyaanni Irreechaa irree fi eenyummaa ummata Oromooti!
 Ayyaanni Irreechaa mallattoo oromummaa, eenyummaa, tokkummaa, bilisumma,
         walaabummaa, birmadummaa, aadaa fi duudhaa  ummata Oromooti!    



Federal Republic of Germany (FRG), Frankfurt am Main,

Waxabajjii (June) 26, 2016 



Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa fi Bashannanaa (KQAIB) bara 2016

2 comments:

  1. Dear Editor of "Madda Walaabuu Press.com":


    You have published our "WAAMICHA QOPHII AYYAANA IRREECHAA MALKAA YKN BIRRAA BARA 2016 KAN BIYYA JARMANII KEESSATTI KABAJAMUUF QOPAA’EE" with a false "letter head".

    Please replace the old letter head with the new one that I sent you on June 26, 2016.


    Thank you in advance for your cooperation.


    With regards,


    Koree Qindeessituu Ayyaana Irreechaa fi Bashannanaa (KQAIB) bara 2016

    ReplyDelete
  2. I am Oromo, living in finfinne. I want see Waaqefannaa through ancient Egyptian [kmt]teachings. I want go to Bishoftu and celebrate Ireechaa 2016.I am kmtian heka teacher.

    ReplyDelete