Ijoo Dubbii – ABO: Akeeldaamaa, Draamaa Wayyaanee Haaraa

Waxabajjii 30, 2016 | Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)


Ummatni Oromoo mirga irraa hir’ate beekee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa gonfatuuf falmaa irra jira. Falmaa kana keessatti  ajjeechaa, hidhaa fi midhaaleen adda addaa irratti raawwatamu dachaan dabalullee harka  kennachiisuu hin dandeenye. Harqoota gabrummaa jalatti bara baraan dhiitamaa jiraatuu irra bilisummaaf qabsaawaa wareegamuu filatee bilisummaa isaaf guyyuu wareegama baasaa jira.  Qabsoon bilisummaa itti jiru kun hawwii  diinni gabrummaa jala isa tursuuf qabu fashalsaa guyyaa injifatamuu diinaa dhiheessaa fuula dura tarkaanfataa kan jiru tahuu diddaa fi qabsoon Oromiyaa keessaa mamiin alatti mirkaneessa.

Qabsoon bilisummaa ummata Oromoo galii isaa gahe malee kan hin dhaabbanne, kan itti fufuu fi finiinu tahuu, warraaqsaa fi jijjiirama argamsiisuu keessatti kanneen qooda durummaa qaban dargaggootni Oromoo sodaan alatti wareegama kamiif iyyuu qophii tahuudhaan qabsoo keessatti hirmaatnaan agarsiisaa jiran kana  caalaatti hubachiisa. Mootummaan Wayyaanee qabsoo haqaa ummatni Oromoo itti jiru gurraachessuu fi ummatoota biroo irratti kan xiyyeeffate fakkeessuuf ummatoota waliin wal dhabsiisuuf shira hojjatu hunda  harkatti diduun ummatoota cunqurfamoo irraa diinummaa kan hin qabne tahuu ifatti agarsiise. Ummata haqa isaa qofaaf osoo hin taane cunqurfamoota akkasaa hundaaf falmu tahuu dalagaan agarsiisuun ummata diina ummatootaa qaanii haguugee dha.
Har’a  Qeerroon Oromoo sirna Abbaa Irrummaa mootummaa Wayyaanee ummatoota cunqurfamoo bakka hin buune, ummatoota cunqurfamoo maqaa mirga sabaa fi sablammootaan saaminsa dinagdee fi ukkaamsaa siyaasaa daangaa dabreen hiraarsaa jirutti xumura gochuuf sosso’aa jira. Sochiin Qeerroon Oromoo itti jiru kunis dhageettii fi mararfannoo ummata Oromoo hundaa horataa dhufuun kan mooraa diinaa shorarkeessee fi yaaddesse dha. Kana irraas akkuma aadeeffate diraamaa kijibaa dhiheessuun afanfajjii uumuuf ammas qophii irratti argama.
Kijibni mootummaa Wayyaaneef aadaa dha. Ummata doorsisuu fi sababa godhatee ittiin hidhuu, ajjeesuu fi dararuuf diraamaa tamsaasuun kan hin jirre jiraa fakkeessee ittiin dogoggorsuuf hedduu tattaafate. Kanaaf fakkeenya hedduu kaasuun kan danda’amu tahus, gabaabsuun diraamaa lama kanaan dura Wayyaaneen qabsoo ummata Oromoo, hoggana, qabsaawota isaa irrattii fi sochii mirgaa Amantoota Islaamaa gurraachessuuf hojjetee tamsaase qofa ilaaluun gahaa dha.
Qeerroon Oromoo FXG amma itti jiruun duratti bakkoota adda addaa Oromiyaa keessatti diddaa isaa agarsiisaa turuun ni yaadatama. Kana waliin WBOn lukkeelee fi basaasota diinaa ummata Oromoo hiraarsaa turan irratti tarkaanfii seerawaa adda addaa fudhatuun diinni akka barbaadetti akka hin burraaqne adabaa ture. Diinni tarkaanfilee WBO fi Sochii Qeerroon shororkaa’e lubbuu isaa turfatuuf jecha diraamaa “Akeldaamaa” jedhu tolfatee midiyaa dhuunfatee jiruun tamsaase.
Akeekni diraamaa kijibaa kanaa ummata Oromoo doorsisuu fi sodaachisuu, ABO fi hoggana isaa shororkeessaa fakkeessuu fi kanneen sochii Qeerroo keessatti qooda qaban jedhee shakku  ittiin hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa baqachiisuu ture. Akkuma eegame sababa diraamaa kijibaa kanaan ilmaan Oromoo hedduun mana hidhaatti guuraman. Hedduun ajjeefaman. Gariinis biyyaa baqatan. Diraamaan kijibaa ABOn Finfinnee Baagdaaditti jijjiiruuf jedha jechuun tamsaasame garuu ABO fi ummatni Oromoo bilisummaa fi mirga dimokraasiif kan qabsaawan malee akka Wayyaaneen jedhutti humna badii akka  hin taane hubatamaa waan tureef, diraamaan fakkeessaa Wayyaanee kun fudhatama hin arganne.
Diraamaan 2ffaa ummatoota Itophiyaatti Wayyaaneen agarsiifame gaaffii mirgaa Amantootni Islaamaa kaasan irratti xiyyeeffata. Lammiileen biyyaa dhimma amantii keessa harka seensifatuu mootummaa morman. Dursitoota amantaa isaan hin filatne mootummaan irratti muudu mormuun dura dhaabbatan.  Mootummaan Wayyaanee doorsisaa fi sodachisuun akeeka isaa galmaan gahuu waan murteeffateef dura dhaabbannaan irratti jabaataa dhufe.  Sababa kanaanis hedduun hidhaman. Kan gara jabina diinaan galaafatamanis ni turan. Haa tahu malee tarkaanfiin fudhatamu amantoota boodatti hin deebisne. Kana irraas ajjeechaa fi hidhaa isaa itti fufuun gaaffii mirgaa Amantoota Islaamaa ukkaamsuuf diraamaa kijibaa tolchuu murteeffate. Maqaa diraamaa isaas “Jihaadaawwii Harakat” /Sochii Jihaadaa/  jechuun moggaase. Sochiin musliimotaa hidhata shororkeessitootaa kan qabu tahuu ittiin agarsiisuuf carraaqe. Haa tahu malee kunis akkuma Akeldaamaa sanaa madaala kaasuu hanqatee maseenee hafe. Kijiba hundee godhatuu irra gatate.
Mootummaan abbaa irree yomiyyuu dirqame malee mirga ummatootaa hin kabaju. Aangoo siyaasaa humnaan argate humnaan tikfataa jiraatuu akka danda’utti of fudhata. Kanneen mirga isaaniif falmanii fi sirna abbaa irrummaa morman hidhuu fi ajjeesuun furmaata itti fakkaata. Olola cilee dibuu Media dhuunfatee jiruu fi Media Hawaasaa irratti illee osoo hin hafne bifa jijjiirratee kallattii fi karaa lukkeelee isaa nuffii malee facaasa. Haa tahu malee ummatni mirgi isaa hin kabajamne hanga mirgi isaa kabajamutti qabsoo irraa hin dhaabbatu.
Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti kan mul’ataa jiru kanuma mirkaneessa. Ummatni Oromoo walabummaa fi bilisummaaf jecha ilmaan, haadholii, abbootii fi obboleeyyan itti wareegaa jira. Ajjeechaa fi hidhaan itti fufee jiru isa hin jilbeenfachiifne.  Bulchiinsi waraanaa Oromiyaa keessatti diriirfamuun FXG dhaabuu hin dandeenye. Jaarmayaa ijaarratan keessaa sabboontotaa fi kanneen yaada isaanii fudhatuu lagatan ari’uunis furmaata tahee FXG hin dhaabne. Kana irraas har’as akkuma aadaa isaa diraamaa kijibaa hojjatuutti gadi taa’ee jira.
Diraamaan Wayyaaneen hojjatamaa jiru akeeka lama of keessaa qaba. Akeekni duraa ABO fi hoggana isaa ittiin yakkuu fi maqaa xureessuu oggaa tahu, inni lammadaa ilmaan Oromoo ogummaa adda addaa qabaniin fincila ummataa keessatti qooda qaban jedhan doorsisuu fi sossobuun ragaa kijibaa ABO irratti akka bahan taasisuu dha. Kanatti dabalees akka biyyaa bahan sossobuu fi dirquun  hirmaannaa isaan qabsoo keessatti qaban xiqqeessuu dha. Kan diinaan doorsifamee fi sossobame kijiba tarrisuun eenyutti iyyuu haaraa hin tahu. Dirqisiisanii fi sossobanii kan fedhan qo’achiisanii waan dubbachiisaniif  ummata birattis fudhatama hin qabaatu.
Diraamaan fedhe hojjatamuyyuu qabsoon ummata Oromoo sadarkaa boodatti hin deebine dhaqqabee jira. Diraamaaleen tika Wayyaaneen oomishamuun ammas qopheeffamaa  jirus  akkuma diraamota kanaan duraa fashala malee ummata Oromoo biratti  waan uumu hin qabu. Diraamaan akkasii hanga sirna mootummaa kanatti xumurri godhamutti akka hin dhaabbatne hubatamaa dha.
Kan dagatamuu hin qabne garuu kanneen har’a Oromoof dhimmaa fakkaatanii hidhata diinaa qabaniin  Qabsoo bilisummaa irratti yakka dhiifama hin qabne akkasii raawwataa jiran jiraatuu dha. Kanneen suduudaan diinaaf hojjatanii fi kanneen harka lafa jalaan ilmaan Oromoo doorsisuun diraamaa kijibaa hojjachiisaa jiran har’aaf akeeka matayyaa ittiin guuttatuu danda’an illee, bor gaaffii ummataa jalaa kan hin miliqne tahuu beekuu qabu. Namoota akkasii qabsoon bilisummaa Oromoo galmeeffataa deemaa jira.
Kana waliin ummatni Oromoo, Qeerroo fi qabsaawonnis diraamaa hojjatamaa jiru kana hubatuun mooraa qabsoo aggaammii diinaa akkasii irraa tiksuu fi itichuun fincilaa fi qabsoo isaanii jabinaan akka itti fufan, xumura sirna ajaawaa kanaa mirkaneessuuf akka jabaatnu ABOn dhaama.

No comments:

Post a Comment