Ibsa Walgahii Koree Hojii Raawachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

KHR–ABO walgahii isaa dhaabbataa Fulbaana 1 irraa kaasee hanga Fulbaana 11, bara 2016tti gaggeeffachuun, gabaasaa dameelee dhageeffatee rakkoolee mumul’ataniif furmaataa fi qajeelfama eega akeekeen booda, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, haala mootummaa faashistii Wayyaanee, haala sochiilee farra-faashistii wayyaanee; kan naannoo ummata Amaaraa (Gondor, Goojjamii fi Walqaayit) keessatti adeemaa jiru, haala sochii ummata Konsoo fi Majangir, Gambeellaa, Sidaamaa, Benshaangul, Ogaadeen, haala Gaanfa Afrikaa fi Afrikaa guutummaatti , haala addunyaa fi kallattiin ammoo, haala sochii qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa waliin waan wal qabate, dhimma dippilomaasii Oromoo ilaalchiisee, gadii fageenyaan gilgaaluu fi xiinxaluun murtiilee kanaa gadii dabarsuun walgahii isaa milkiin xumuree jira.

UMMATA BAL’AA OROMOO
Jalqaba uumamuu Impaayeera Itoophiyaa irraa kaasee hanga hardhaatti ummatni Oromoo: jimlaan ajjeeffamuu (sanyii duguuggaa), eenyumaan isaa haalamuu, hidhamuu, gidirfamuu, saamamuu fi biyya isaa irraa humnaan ari’amuu irraa kan hafe faayidaan Oromoon sirna Impaayeerummaa humnaan uumame kana keessatti argate kana jedhamee kan herregamu tokkoo illeen hin jiru.
Adeemsa seenaa dukkanaawaa kana jijjiiruuf, ilmaan Oromoo bakka buusuun hin danda’amne kanneen miliyoona baay’een lakkaawaman bilisummaa fi walabummaa saba goota kanaaf jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne dabarsanii kennaniiru. Addi Bilisummaa Oromoo (ABOnis), ilmaan Oromoo seenaa gootummaa kana dhaalaniin kan bu’ureeffameefi, warreegama sabni Oromoo Jaarraa tokkoo fi walakkaaf baasaa jiru kanatti firii gochuufi. ABOn, qabsoo hadhooftuu wareegama hedduu baasiste geggeesseen hardhaan tana, sagantaan ABO ummata Oromootiin tinnifame, dhibdeelee ykn rakkoolee: siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, aadaa fi dhiitama mirga dhala namummaa Impaayera Itoophiyaa jalatti ittiin eelaa fuudhe ykn gidirfametti furmaata waaraa kan argamsiisuu dha. Kana dhugoomsuufis ummatni Oromoo Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixattii fi handhuura Oromiyaa keessatti sagalee fi ilaalcha siyaasaa tokkoon diina faashistummaan isaa ammaan dura bifa kanaan mul’atee hin beekne dura dhaabatee FDG gara Fincila Xumura Gabrummaatti tarkaanfachiise. Kunis sodaa injifatuun gootummaa abbootii isaa irraa dhaalen diinatti rifaatuu hamaa naqeen qabsoo isaa ittisa irraa gara haleelaatti ceesisee jira.
ABOn, gootummaa fi tokkummaa sabni Oromoo harka qullaa, karoora fi sagantaa lafa kaawwate irratti irkatuun Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) walitti fufiinsaan ji’oota 11f adeemsiisaa jiru ni dinqisiifata. FXG kanaan, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf, tiksituu Impaayerichaa kan ta’e mootummaa faashistii Wayyaanee fi sirna impaayerichi irratti ijaarames hundeen buqqisuun murteessaa dha.
Kunis ummata bilisoomeen, referendum walabaa fi bilisa ta’e irratti mirga hiree murteeffannaa saba Oromoo mirkaneessuun taha. Waan taheef KHR-ABO kanaan ala furmaatni biroo akka hin jirre sirriiti hubatee fi waliifis dhaamee, FXG kana toftaa hidhannoo fi hidhannoo maleettis dhimma bahuun kan duraanii caalaatti akka finiinsu waamicha hatattamaa dhiheessa. Mootummaan faashistii Wayyaanee kun kufee mirgi ummata Oromoo haga mirkanaahutti hoogganummaa haga ammaatti kenne caalaa cimsee akka itti fufu ABO’n irbuu isaa irra deebi’ee haaromsa.
WBO, HOGGANOOTA, QONDAALOTA, MISEENSOTA FI DEGGERTOOTA ABO MARAAF
Miseensota WBO, Hogganootni, qondaalotni, miseensootni fi deeggartootni ABO qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa keessatti adda duree ta’uun haalota rakkisoo keessatti wareegama qaqqaalii baasaa as gahuun kanuma beekamu dha. Sadarkaa har’a qabsoon irra gahee fi sabni keenya keessa jiruu, of kenniinsa keenya ol kaafnee qabsoo galiin gahuuf yoom iyyuu caalatti diinna keenya awwaaluudhaan aangoo siyaasaa Oromoo mirkanneesuuf bakka jirutti mootummaa faashiistii Wayyaanee haleeluu irratti akka bobbaanu waliif dhaamna.
MOOTUMMAA FAASHISTII WAYYAANEE FI ERGAMTOOTA SIRNICHAA ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistii Wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee kan ta’an Hoogganootni OPDO kan sadarkaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa irra guddaan isaanii, jijjiirraa fakkeessaa xixiqqaa, kan akka Afaan Oromoo Afaan Finfinnee godhuu, Oromoota naannoo Finfinnee irraa humnaan buqqa’aniif mana kennuuf labsa adda addaa baasuu dhaan, ummata humnaan hiriira baasuuf karoora qaban. Kun gaaffii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf gonkumaa deebii tahuu waan hin dandeenyeef, karoora kana duubaan shirri jirus ummata Oromoo afanfaajjessanii fincila xumura gabrummaa dura dhaabbachuun sirna gabroomfataa Wayyaanee ummata Oromoo irra tursiisuu fi amanamummaa sirnichaaf qaban ittiin mul’ifatuuf murteeffatuu mirkaneessa.
Miseensoota OPDO kanneen sanyii duguuggaan saba isaanii itti dhagahamuun sabni isaanii akka hin miidhamne hojjachaa turanii fi hojjachaas jiran ni dinqisiifata. Ummatni Oromoo shira hoggannoota OPDO fi gooftolii isaanii kan summii dammaan dibame fakkatuu olitti kaa’ame kanaan akka hin dagamne yaadachiisaa, karoora mootummaan faashiistii TPLF baafate kana fashalsiisuu dhaan, amna gara bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti godhaa jiru kana cichoominaa fi shaffisaan itti fufee xumura akka itti godhu ABO’n gadi jabeessee dhaama. Kana waliin Oromoota badii isaanii irraa barachuu hanqatuun lammii isaanii irratti yakka raawwataa jiranis ABO’n akeekkachiisa.
ILMAAN OROMOO WARAANA MOOTUMMAA WAYYAANEE KEESSA JIRANII FI HOJJATTOOTA MOOTUMMAA SADARKAA HUNDAA.
Akkuma dhalli Oromoo hundi beekuu fi hubatutti, sanyii duguuggaan saba Oromoo irratti eega labsame yeroon isaa bubbulee ti jira. Hardhaan tana, lubbuun dhala Oromoo, kan Wayyaanoti aggammii itti shaakalan ta’ee jira.
Haalli kun ammoo, kan dhala Oromoo hunda irriba fi jireenya dhorku ta’uu qaba. Waan ta’eefis, ilmaan Oromoo kan waraana Wayyaanee keessa jirtani fi kanneen caasaa mootummaa sadarkaa Federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessa hojjettan of gurmeessuu fi wal gurmeessuun qabsoo sabi keessan bilisummaaf geggeessaa jiru waan dandeessan hundaan akka cinaa dhaabbatan ABO’n yaamicha lammummaa dhiheessa. Yoo itti gaafatama kana hin baane garuu, fuula duraatti komii saba Oromoofi gaafatama seenaa jalaa akka isin hin baafne ammumaa isiin yaadachiisuun dirqama jennee amana. Hardhaan tana, qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bira yoo hin dhaabbanne, yeroon ummata ofii waliin dhaabatanis yoommi laata? gaafii jedhuus deebbisuun dirqama keessan akka ta’e jala muruun ABOn isiin hubachiisna.
DHAABOTA SIYAASAA ITOOPHIYAA ILAALCHISEE.
ABOn humnoota siyaasaa Impaayeera Itoophiyaa, kanneen farra mootummaa faashiistii TPLF ta’an mara qabsoo isaan lafarratti gochaa jiran ni kabaja. Kanneen hiree murteeffannaa ummatoota Impaayericha keessa jiran akka akeekaatti kabajuuf murteeffatan ammoo ABOn bifa addaatiin ilaala. Kanaafis,Tumsi Bilisummaa fi Dimookiraasii Ummattootaa (PAFD) ijaarame. Haaluma kana irratti hirkachuun, dhaabootiin siyaasaa biyyattii keessatti bifa mul’ataan lafarratti hojiin beekaman sagantaa siyaasaa walii waliif kabajuun, diinna waloo kan ta’e mooutmmaa faashistii Wayyaanee irratti xiyyeeffatuun mootummaa gara jabinni isaa daangaa hin qabne kana aangoo irraa waliin akka kaafnu irraa deebi’ee yaamicha isaa haaromsa.
MISEENSOTA FI DEGGERTOOTA SABABA ADDAATIIN CAASAA ALA JIRANIIF.
Qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf amni hafe xiqqaa ta’us, dirqamni yeroo amma nu irraa eegamu ulfaataa dha. Haala ammaa keessatti, dirqama fuuldura keenya jiru injifatnoon xumuruuf, dirmannaa ABO’n barbaadu godhuu irraa kan if nama qusachiisuu sababi kamuu jiraachuu hin malle. Haalli keessa jirru, haala jiraachuu ykn dhabamuu keessaa filachuu ti. Dhabama irraa saba keenya oolchinee rakkoo dhuunfaa qabnu furachuun gamnummaa ta’uu hubatuun, miseensotni fi deggertootni arma dura ABO keessaa sababaa adda addaatin bahan, hatattamaan dhaabatti akka deebi’an ABO’n yaamicha lammummaa fi biyyummaa isaaniif dabarsa.
DHAABOTA SIYAASAA OROMOO WALABA TA’AN ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistii gabroomfataa Wayyaanee Oromiyaa irraa buqqisuun, bilisummaa fi nagaa waaraa ummata Oromoof argamsiisuuf, humna namaa fi qabeenyaa ummata Oromoo tokkoomsuun murteessaa ta’uu isaatti amanuun, dhaabota siyaasaa Oromoo walaba ta’an gidduutti waliigaltee fi walhubannoo irra gahuun ni yaadatama. Waliigaltee fi walhubannoon kun akka hojiitti hikamuuf, bakka bu’oota dhaabota kanaa irraa koreen ijaaramte, Koree qindeesituun Jaarmayooli Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa (KQ-JBWO) waliigaltee kana hojiitti hikuu fi hojii irratti akka milkooftuuf ABO qooda irraa eggamu akka gumaachu mirkanneessa.
SOCHII NAANNOO UMMATA AMAHARAA (Gondor, Gojamii fi Walqaayt) ILAALCHISEE.
Sochiin farra mootummaa faashiisti Wayyaanee ummatni Amahaaraa naannoo Gondorii fi Gojjamitti geggeessaa jiru, sochii mirgaa ta’uu ABO’n ni amana. Haa ta’u malee, mootummaan Wayyaanee karaa irraa maqfame malee gaaffiin kun deebii argachuu hin danda’u. Waan ta’eef, kallattii hundaan mootummaa Wayyaanee jilbeenfachiisuuf ciminaan akka irratti hojjetamuu qabu ABO’n yaadachiisaa, ajjeechaa, hidhaa fi gidirfamuu ummata naannoo Amaaraa irratti faashiistoota Wayyaaneetin gaggeeffamaa jiru gadii faggeenyaan balaaleeffata. Saaminsa fi eenyummaa isaanii haquuf gochaa mootummaan faashistii Wayyaanee irratti raawwataa jiru mormuun, qabsoo sabni Koonsoo fi Majangir geggeessaa jiru, ummatni Oromoo fi dhaabni isaa ABOn ni dhinqisifata; biras ni dhaabbata. Qabsoon sabni Konsoo fi Majangar gaggeessaa jiran, qabsoo haqaatis jedhe amana. Itti dabalees: ajjeechaa jumlaa, hidhaa fi gidirsaa saba Konsoo fi Majangar irra gahaa jiru ABOn cimsee balaaleeffata.
HAWAASA OROMOO BIYYA ALAA JIRAN ILAALCHISEE.
Mirgi abbaa biyyummaa isaa sarbamuu, nagayaan jiraachuu dadhabuu irraa hawaasini Oromoo biyya alaa jiraatu kan baqattummaaf isa saaxile hubatuu dhaan biyya isaa deebifatuun murteessaa ta’uu amanee qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf tinnisa gochaa har’a gahe. ABOn gumaacha kanaan duraa dinqisiifataa, qabsicha injifatnoon guduunfuuf ammoo dirqama addaa haalli yeroo ammaa gaafatu bahuuf hawaasni keenya ala jiru gumaacha qabsoo dachaa dachaan akka ol kaasu Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO jabeesee waamicha dabarsa.
YAKKA SANYI DUGUUGGAA (genocide) MOOTUMMAA WAYYAANEE GAGGEEFFAMAA JIRU ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistiin TPLF mootummoota impaayeericha keessatti kana dura mumul’atan hunda caalaa gara jabinaan kan guutame ta’uu isaa kan hojiin agarsiisaa jiru ta’uu dhaabootni mirga dhala namaaf dhaabatan hundi raga itti bahaa jiran. Sanyii duguuggaan kallattiin kan saba Oromoo irratti qiyyeefatame ta’uu, hojii faashiistootni TPLF kan ji’oota 11 ilaaluu fi tarkaanfii isaannii xinxaluun gahaa dha. Sanyyi duguuggaan kun ummatoota naannoo Gambellaa, Beenshangul, Sidaamaa, Ogaden, fi ummata Konsoo fi Majangar irrattis bal’inaan kan gaggeeffamaa turee fi jiru dha. As kaluu kana ammoo ajjeechaan jumlaa kan saba Amaaraa irratti dabalataan xiyyeeffatame gadi bahuun raga dabalataa ti jennee ammana. Waan ta’eefis, ajjeechaa suukanneessaa adeemsifamaa jiru kana gareen walaba ta’ee qoratee mootummoota gamtoomanii fi dhadacha mana heera addunyaaf (ICC) akka dhiheeffamu ABOn jabeesee hawaasaa addunyaa mara gaafata
Kanuma waliin, dhaaboota mirga dhala namaaf dhaabatan,,kanneen sanyii duguuginsi Oromoo fi saboota biroo irratti geggeeffamaa jiru yakka ta’uu hubatanii iyyaannaa dabarsaa jiran ABOn dinqisifataa fi galateeffataa hojii eebbifamaa kana cimsanii akka itti fufan gaafata.
Injifannoo Ummata Oromoof !!!
KHR-ABO
Fulbaana 12, 2016

No comments:

Post a Comment