Oromiyaan yoo walaboomte malee, furmaatni xumuraa Oromoof hin argamu

Amajjii 31, 2017 | Abdii Boruutiin
Namni mata-duree barreeffama kanaa argu, qabiyyee barruu kanaa dubbisuu yoo baatellee, dhaamsi isaa maal ta’uu akka danda’u ni hubata jehdeen yaada. Haa ta’u malee, maaliif barruu gabaabaa kana waanan dhiyeesseef, qabxiilee tokko tokko kaasee ibsuun barbaada. Gara qabiyyee barreeffama kiyyaa otuu hin seeni dura, mee waan dhiyoo kana Sabboontota Oromootiin dubbatamaa ture fi mooraa Habashootaa keessatti waca uume tokko tokkon kaasa.
“Itoophiyaan diigamtu malee, Oromoon nagaa hin argatu. Itoophiyaan Oromummaa hin fudhanne fi hin kabajne diigamuu qabdi. Itoophiyaan caccabuu qabdi malee diimookraata’uu hin dandeessu….” fi k.k.f.

Haala amma deemaa jiru wajjin walqabsiisee yoon ilaalu, ani gama kootiin waan jedhame kanatti guutumaa guutuutti nan amana. Warrii Walabummaan Oromiyaa salphaadhumatti dhufuu waan hin dandeenyee dha jedhanii morman hedduu akka ta’an naaf gala. Haa ta’u malee, Impaayarittii sana diimookraatessuu fi Oromoodhaaf akka toltu godhuunis waan salphaa akka hin taane hunduu hubachuu danda’an jedheen amana.
Dhiiroo, waayeen keenya xiinxala bal’aa waan barbaachisuu mitii bar! Namni haal amma deemaa jiru kana arguu fi dhagawu, ofduuba garagalee waa hundaa hubachuun akka rakkisaa hin taaneen dhugaa mul’achaa jiruu dha. Har’allee bar-dhibbee 21ffaa keessatti; keessumaayyuu ammoo yeroo Sabboonummaan Oromoo yoomiyyuu caalaa guddachaa fi dagaagaa jiru kana keessatti; yeroo uummatni keenya tokkummaa dhaan harka walqabatee; kaabaa-kibbaa, bahaa-lixaa, jiddugaleessaa fi akkasumas keessaa-alaa gaafii hundee (gaafii bu’uraa) gaafachaa jiru kanatti, gadheewwan tokko tokko sammuudhuma dur sanaan yaadaa; uummata keenya gad xiqqeessuu fi seenaa isaas xureessuuf duula nurratti bananii jiru. Maarree, uummattoota akkana waliin biyya takka, kan nuuf taatu, ijaarra jennee yaadnaa ykn yaallaa?? Deebii gaafii kanaa dubbistootaaf dhiisee; mee gara qabiyyee barreeffama kiyyaattan deebi’a.
Ani barumsa fi beekumsa Seenaa qabaachuu baadhullee, dhugaa jiru tokko tokko seenaarraa hubachuun barumsa ykn dandeettii seenaa na hin gaafatu. Otuu fagoo hin deemin, mee seenaadhuma dhiyoo kanaarraa waan tokko tokko kaasuun barbaada.
  • Bara 1974, yeroo mootummaan Hayila Sillaasee kufee Darguun aangootti dhufu, ilmaan Oromoo kan barumsas ta’ee dandeettii addaa qaban, kan akka Dr. Hayilee Fidaa faa Itoophiyaa diimookraatofte keessatti gaafiin Oromoo ni deebi’a jedhanii projaktii hin milkoofne yaalanii booda siridhaayyuu du’a saree du’an. Uummata Oromootiif wanti argame jiraa?
  • Bara 1991, yeroo mootummaan Darguu dabaree isaa eeggatee kufu fi Wayyaaneen aangootti dhuftu, ABOn mootummaa Itoophiyaa kan ce’umsaa keessatti hirmaate. Kaayyoon hirmaatnaa kanaa yoo dhugumatti sirni Federaalisimii dhugaa kan uumamu ta’e, uummatni Oromoo hiree isaa murteeffachuu ni danda’a yaada jedhuun natti fakkaata. ABOn yeroo kana keessatti injifannoolee fi bu’aalee gurguddoo argamsiisullee; garuu booddeen isaa kisaaraas aakka ta’e waan dhara hin taane dha; dhimma kana gadi-fageenyaan keessa seenuu hin barbaadu.
  • Erga Wayyaaneen biyya dhuunfattee asis, ammas yaadni biyyattii (Impaayarittii) sana diimookraatessuu jedhu bifa adda addaatiin mula’tee ammas projaktiin hin milkoofnee yaalamaa jira. Isaan kana keessaa inni tokko kaayyoo KFOn (OFC) qabatee ka’ee dha. Haa ta’u garuu, har’a maaltu mul’achaa jira? Hoggantootni KFO jumlaadhaan hidhamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Oromoof bu’aan hin argamne.
  • Otuu haala biyya keessatti deemaa jiru argani fi beekanuu; warri biyya alaa jiranis kan akka ADO (ODF) ammas projaktuma milkaawuu hin dandeenye sana yaaluuf, sagantaa baafatanii jiru. Kana qofaa miti, ADOn humnoota siyaasaa Habashootaa, kan sirna Federaalisimii hin fudhanne, waliin tumsa ijaaruuf tattaaffii godhaa jiru. Miidiyaa ESAT jedhamu, kan har’a gadheewwan takka takka affeeree; seenaa uummata bal’aa fi saba guddaa Oromoo akka xureessan taasisu, duuba humnoota siyasaa Habashootaa kanatu jiru. Maarree, jara akkanaa wajjin Impaayarittii sana diimookraatessinee Oromoof furmaata argannaa?? Kun waanuma hin taane!
  • Oromoon har’a abbaa biyyummaa qabaachuun hafee; jiruu fi jireenyi isaatuu gaafii keessa yeroo gale kanatti, Wayyaanee abbaa biyyaa taatee, waan barbaadde, akka barbaaddetti godhaa jirti. Gama biraatiin Sumaalee nurratti duulchistee; lafa keenya dhiphisaa fi lakkoofsa uummata keenyaa hir’isaa jirti. Kun Kaayyoo isa duraa fi hangafa, kan Wayyaanotni lafa kaawwatanii irratti hojjechaa turan akka ta’e ragaalee quubsaatu jiru.
Asirratti, wantootni ka’uu danda’ani fi kan seenaan ragaa ta’uu danda’u baay’eetu jiru. Haa ta’u malee, dubbii gabaabsuudhaaf, dhugaa kanarratti hundoofnee, wanti jechuu dandeenyu gabaabumatti, Oromiyaa walaboomtu malee wanti Oromoof furmaata xumuraa (lasting solution) fidu waan jiru natti hin fakkaatu. Gaafii hundi keenyaa ofis ta’ee wal gaafachuu qabnu inni guddaan tokko: Warra akkantti seenaa keenya xureessan; siidaalee yaadannoo uummata keenyaas diiganii waa hundaa awwaaluu barbaadan….. waliin akkamitti impaayara sana diimookraatessinee Oromoof nagaa fiduu dandeenya? kan jedhu ta’a. Anaaf, akkuma armaan olitti tuqame, “Itoophiyaan diigamtu malee, Oromoon nagaa hin argatu. Itoophiyaan Oromummaa hin fudhanne fi hin kabajne diigamuu qabdi. Itoophiyaan caccabuu qabdi malee diimookraata’uu hin dandeessu”  kan jedhu ta’a. Falli ykn furmaatni biraa natti hin mul’atu. Nagaatti.
Galatoomaa

No comments:

Post a Comment