Godina Arsii Aanaa Amiinya Magaalaa Addellee Keessatti Kaabinooti OPDO Ummata Dogoorsuu Yaalan Hin Milkoofne.

Gurraandhala 02, 2017 | Gabaasaa Qeerroo

Godina Arsii Aanaa Amiinyaa Magaalaa Addeellee keessatti OPDOn karaa kaabinoota isiitin hojiin dargaggootaf uumamee dargaggoota keessan warra hojii hin qabne dhuftanii akka galmeessitan jechuun gandaa gandarra deemtee uummata goyyomsaa akka jiran Qeerroon gabaasa. 

Akka Qeerroon gabaasetti Wayyaaneen dargaggoota maatin isaanii hin galmeessisin humna Qeerroo qindeessu jechuun adamsuu akka heddus dhagayameera. Asuma Godinuma kana Aanaa Heexosaa Magaalaa Abaadir keessatti basaasaa wayyaanee dargaggoota hiisisaa fi reebicha irraan geessisaa ture, hojjataa bulchiinsa magaalattii kan tureefi ammas itti jiru Muhaammad H/ Awwal jedhamu irratti uummanni naannichaa halkan kaleessaa miidhaa hamaan irra gayuun amma Hospitaala Asallaatti yaalamaa jiraachuu Qeerroon Aanichaa gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment