Abbaa seeraa Haayiluu Kiflee Eenuyutu Ajjeese?

21, 2017 | VOA Afaan Oromoo

Haailuu Kiflee
Godina Ilubabor Algee aanaa suphee Sooddoo keessatti abbaa seeraa ta’uun hojjetaa kan turan obbo Haayiluu Kiflee Muddee 7 bara 2009 Mattuu deemuuf Algee irraa ka’anii utuu hin deebi’in hafuu maatiin, manni murtii fi poolisiin Godinaa Ilbubaaboor nuuf ibsanii jiru.

Reeffi isaaniis bosona naannoo Gambeelaa Maashaa jedhamu keessatti kan argame baatii sadii booda ta’uu pooliisiin nuuf ibsee jira. Du’uu abbaa seeraa Haailuu ilaalchisee maatii fi angawaa mana murtii Godinichaa akkasumas poolisiin nuuf ibsaniiru. Haati Haailuu Aadde Alamanash Fufaas mucaan isaanii ka biroon Boontuu jedhamtu duraa duutee ishee awwaaluuf karaa bu’ee karaatti na duraa hafe jedhu.

Akkaataan du’uu isaa, eenyu akka ajjeese qoratamaa ka jiru ta’uu isaaf namoonni shakkaman to’annaa poolisii jala jiraachuu isaaniif qorannaan irratti geggeessamaa ka jiru ta’uun ibsamee jira.

No comments:

Post a Comment