Kan Sodaatan Du’aa  kan hin Oolles Du’aa

Namichatuu baayyee sodaata jedhan.Namoota baayyee wajjin utuu karaa deemuu galgalli dhufnaan ,” maaloo nan sodaa dha jidduu keessan na rafisaa”, jedhee gaafate. Tolee jedhanii jidduu rafisan. Halkan sagalee wayyii dhaga’anii maalinni ? yaroo jedhan  “calluma jedhaa anaani dha bocoqsaa jiraa”, jedhee jedhan.

Sodaachuun isaa nama marara. Namni hunduu wal qixxa onnee ykn gootumaa qaba jechuun hin danda’amu. Garuu jecha kana irraa baayyee kan  nama gadisiisuu,”  maaloo naaf dirmadhaa, naaf qaqqabaa, na qabatee jira”,  jedhee iyyuu irraa warra fayyaa qabaniin, “calluma jedhaa “, jedhee ofii du’uuf  filachuun isaa akka jiraatti sodaan ajjeessee jiru agrsiisa. Warri isa wajjin jiran sodaa waan hin qabanneef isa iyyuu lubbuu olshuu danda’u turan. Inni garuu waan sodaaf aboomamee jiruuf  gargaarsa tokko utuu hin gaafatiinii fi utuu hin argatiin lubbuun isaa akka bilaashatti darbu godhe.


Injifannoon Qabsoon Bilisummaa  Saba Oromoo bara darbe gonfate keessa inni duraa sodaa moo’achuu dha.  Injifannoon kun kan argame qeerroo fi qarreen Oromoo murannoo guutuun harka duwwaa diina meeshaa waraanaa baraa amma funyaan isaa gahutti hidhatee jiru dura dhaabbachuudhaan dhiiga isaanii  akka lolaa gannaa dhangalaasudhaan. Biyyaa lafaa kana irratti bilisummaa tola argame hin beeku Sabni bilisummaa lolate hunduu wareegama qaallii baasee jira. Garbummaa jalaa umurii guutuu jiraachuu irra aduu bilisummaa guyyaa tokko arganii du’uun waan guddaa dha. Warri bilisummaa kaayyoo godhatee bilisummaaf wareegame lubbuun isaanii bara baraan bilisummaan jiraata. Seenaa qabsoo bilisummaa saba isaaniis dhiigan barreessanii waan darbanii sabni isaanii dhala dhalaan isaan yaadata hafa.


Qabsoon Bilisumaaa Saba Oromoo karaa qindaa’een ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoon oofamaa jiru hundee mootummaa TPLF raasee yaroo darbuuf jedhu mala isa dhumaa kan tahe biyyaa waraanan bulshuuf labsii hattattamaa baasuuf dirqamte. Labsiin hattattamaa jabina utuu hin taane dadhabbii mootummaa isa dhumaa ti. Qabsoon keenya haala amma keessa jirru kana irra taakkuu tokko yoo tarkaanfate  dhuma TPLF taha. Qabsoon keenyaa qabsoo haqaa, bilisummaa, ilaa f ilamee, nagaeenya  fi mirga ilma nama eegu waan tahee  saboonni fi sabi-lammiin Impaayeera Itopiyaa keessa jiran uummata keenya wajjin hariiroo gala jiru. Sadarkaan guddina  qabsoo keenyaa ilmaan Oromoo duwaa utuu hin tane ormi iyyuu akka abdiin wajjin dhaabbatu hawwachaa jira.

Tooftaa TPLF isa bututee jiru arguu dhabbanii warri qabsoo Sabao Oromoo irraa soda qaban akka jiran naaf gala. Keessatti TPLF waraana Somalee Liyuu Poolisi jedhu lenjiftee, hidhachiiftee uummata Oromoo irratti bobbaasuudhaan  rakkinni Saba Oromoo fi Saba Somalee jidduu waan jiru fakkeessuu waan gochaa jirtu caalaa iyyuu kan ishee tufachiisuu fi saaxxilu malee bu’aa guddaa hin qabuuf. Uummatni Oromoo fi uummatni Somalee bara baraan nagaan ollummaan jiraataa as gahe. Warri haxxee TPLF keessatt kufee dantaa mataa isaaniif jecha  ergaa isheef olii fi gadi kaachaa jiran saba kamiin iyyuu bakka bu’uu hin danda’an. Akkuma kana sabi-lammii warra biraa illee lanjiftee, hidhachiiftee uummata Oromoo mogaa Oromiyyaa irraa jiran irrattii bobbaaftee nagaa dhowwachuun ishee ni  mala.” Namni bishaan nyaate hoomocha qabtaa “, jedhan.  TPLF dhukkubni xanachaa ishee qabatee hobaasaa jira. Amma hobaatu garuu summii ishee bakka dandeessa maratti facaasuu irraa of booda hin jettu.

Kan nama gadisiisaa yoo jiraatee utuu uummatni isaanii ija isaanii duratti dhumaa jiru ilmaan Oromoo, TPLF  duute amma  awwaalamtutti marxifatanii warra jala figaa jiran ni dha. Warri kun hojii diina kana arguu dhabanii utuu hin taane  akka saree warra garaa isaaniif jirantan waan tahaniif qofa. Warri kun qaroo Oromoo dhabamsiisuu fi akka dhabaman gochuu irratti gahaa guddaa qabu. TPLF dura warri dhabamuu qabu warra kana yoo jenne dogogora hin tahu. TPLF maqaa keenya, mana keenyaa fi karaa mana keenya fiduu tasa hin beektu. Kan ijoollee Oromoo fixxaa jiru dabballee fi basaastota TPLF OPDO keessatti ijaarrate dha. Warra kana uummatni Oromoo of keessaa warranxoon funaanee hin darbu taanan bara baraan dhiigni ilmaan Ormoo akka dhangala’e hafa. Harmeen Oromoo deeses akka boose hafti. Sabni Oromoo ilmaan isaa aboomachuu yoo hin dandeenye waan ormi godhu maaliif isa  dhukkubsata? Qaaman Oromoo waan tahaniif ajjeessuun yoo itti jabaatee, tumanii laashesuu, ija keessa baasuu, gurra irraa kutuu,  akka gara saba Oromoo hin dhufne of irraa fageessuu fi adaba du’a wayya jechisiisu kennuufiin barbaachisaa dha. Maaliif gaddamaaf? Isaan imaan Oromoo ajjeessuu fi ajjeessisu irraa of booda hin jedhan.

Yaroo diinni tooftaa jijjiratu, nuyis haala qabsoon ittiin deemuu danda’u xinxallee tooftaa diinatti of madaqsuu qabna. Yaroo diinni  uummata keenya irratti daarii Bahaa amma daarii Dhihaa, daarii Kibaa amma daarii Kaabaa  waraana bobbaasee jiru harka qullaa hiriira nagaa baahuun wareega gatii hin baafne kennuu taha. Diinni keenya waraanan nu daakee amma guyyaa danda’ameef itti nu bituuf yaalluu irraa booda hin jedhu. Diina qawween nu qabatee,  qawween nu bitaa jiru,  qawween qofa of irraa kaasuu dandeenya.  Nutti akka diina keenyaa halkan tokkotti meeshaa waraana kan diina keenyaa gitu qabaachuu hin dandeenyu. Humni diinaa guyyaa guyyaan bututaa fi burkuta’aa yaroo adeemuu  kan uummata keenyaa immoo lalisaa fi mirgisaa deema. Dhuma irratti itti injifannoon kan uummata bal’aa Oromoo akka tahe mamii tokko qabachuu hin qabnu.

Akka nama tokko itti illee tahu sodaan nu baasaa hin jiru. Ilmaan Oromoo meeqaatu utuu baqatuu gamoojji keessatti bishaanii fi midfhaan dhabee irbaate allaattii tahee hafe. Oromoo meeqatu dagalaa keessatti irbaata beneensa tahe. Kaan galaanatti  keessatti kufee irbaata qurcumii tahee yaroo hafuu lalistuu biyya abbaa keenya itti sarroonni OPDO fi TPLF geraraa jirti.

Warri rakkinna meeqa keessa darbee biyya Oromoo gahee akka  dur nagaan hirkatumaa argachaa hin jiran. Haalli biyya lafaa jijjiramaa jira. Safuun dhala namaaf godhamu bakka dhabaa deema. Badanee barbaacha dhabuu fi du’anee awwalshaa dhabuu irra biyya abbaa keenya utuu falmatnu yoo dune  biyyoo biyya abba keenyaa keessatti owwalamna. Waan lolleef hin duunu. Goota isa lolu dura sodaataa isa gola oolutu du’a.Yoo gantootaa fi basaastota TPLF of keessa cirree baafne rasaassi TPLF nu hin argatu. Kan sodaatamuu qabu basaastotaa fi dabballee TPLF warra  gogaa hoola ufatanii waangoota nu keessa oolan tahuu qaba. Of qullqulleessun sodaa haa dursu. Of qulqulleessunis  filmaata biraa hin qabu. Mee diina keeny wajjin fuulaa fi fuulatti walitti haa baanu.

Injifannoo Uummata Oromoof!
                        Gadaan Gadaa Bilisumma ti!

No comments:

Post a Comment