Dhimmoota Haala Yerootiin Walqabachuun Marsaa Midiyaalee Hawaasaa Irratti Olola Afaanfaajjii Uumaniifi Ejjannoo Gara Fuulduraatti Ummatni Oromoo Fudhachuu Qabu Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.

Caamsa 01, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo, akeeknifi tarsiimoon Sochii Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) ittijiruufi faallaa sochii kanaa olola afaanfaajjii diinni miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun tokkummaa ummata Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaaffii taasisaa jiu hubachuun, akeekaafi shirri diinaa kun akka fashalaa’uuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo hundaaf ibsa kanaa gadii dabarsee jira.

  1. Ilmaan Oromoo kanneen bu’aa miidaayaaleen hawaasaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf ooluu beekuun Tokkummaa ummata Oromoo ittiin tiksaa, shira dıınaa saaxiluufı ummata irratti dammaqsuu, hiraarsa dıınnı ummata keenyarraan ga’aa jiru addunyaaf saaxiluun, dammaqiinsa ummata keenyaa ol kaasuuf fayyadamtan galatni keessan bilisumma haatahu jechaa, roguma kanaan fayyadama miidiyaalee hawaasaa ittıjırtan daran jabeessuun qabsoo bılısummaa oromoo galıın gahuuf ciminaan akka hojjattan dhaamsa keenya jabeessinee dabarsina.

  2. Diinni ummata Oromoo sadarkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irra ga’ee jiruun kufaatii hamaa keessa seenee jiraachuu isaatiin tokkummaa ummata Oromoo laamshessuuf miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun biyyoota ambaa garaagaraatti ergamtoota isaan bobbaasuun olola afaanfaajjii tokkummaa ummataa siyaasaan, gandummaafi amantiin diiguuf shira dalagaa jiraachuun ifa galaadha. Ilmaan Oromoo kanneen ta’e jechuun akeekaafi kaayyoo diigumsaa diinaan qophaa’e kanatti dhimma ba’uun gartuun wal ijaaruun summii diinummaa ummata gıdduutti facaasaa jirtan irraa qufachuun ittigaafatama seenaafi seeraa jalaa akka of baastan Qeerroon Oromoo gadi jabeessuun nidhaama.

  3. Namootaafi gartuulee naamusa qabsoo, aadaa, safuufi duudhaa Oromoo hinqabneefi miidiyaa hawaasaatti dhimma ba’uun olola ummata Oromoo diigu facaasan irraa akka of eegdan ilmaan Oromoo hundaaf dhaamsa nidabarsina.

  4. Dhimma waldhibdee yaadaafi ilaalchaan ilmaan Oromoo gidduutti muudatu mata-durii dubbii godhachuun garaagarummaa babal’isuuf tattaafachuurra, ilmaan Oromoo gidduutti araara buusuufi jaalala uumuu irrattı akka xiyyeeffannoon hojjattan jabeessinee dhaamna.

  5. Kanneen ergama mootummaa wayyaanee qabatanii ilmaan Oromoo walitti buusuuf yaalan, akkasumas, namoota dhalootumaanuu Oromummaa hinqabneefi Afaan Oromootti fayyadamuun tokkummaa ilmaan Oromoo diiguuf hojii godhatanii bobbaafaman adda baafachuun akka irraa of eegdan nidhaamna.

  6. Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo, Ittigaafatmtootni Hawaasaa Oromoo biyyoota garaagaraa, Waldaaleen Oromoo hundi miseensotaafi deeggartoota keessaniif qajeelfama naamusaa kennuufi ummata Oromoo gıdduutti tasgabbii buusuun dhimma qabsoo waloorratti akka xiyyeeffatamu waamicha nitaasifna.

  7. Maanguddootnifi abbootiin amantaa Oromoo waldhiibdee xixiqqaafi garaagarummaa yaadaa ilmaan Oromoo gidduu jiru xıqqeessuufi dhimma waloo irratti Oromoon akka waliin hojjatuuf araara akka buustan nigaafanna.

  8. Waldhibdeefi rakkoolee xixiqqoo gara jaarmiyaalee siyaasaa, gandummaafi amantiitti babal’isuun ilmaan Oromoo gidduutti olola afaanfaajjii uumuu irraa namuu akka of qusatu jabeessınee dhaamna.

INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIF!
GADAAN GADAAN BILISUMMAATI!
EBLA 30, 2017

No comments:

Post a Comment