Faayidaa Addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu laalchisee labsii Wayyaanee

Caamsa 01, 2017 | Abdii Boruutiin

Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa የኦሮሚያክልልበፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገመንግስታዊልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/ አዲስ አበባ ላይ ያለውን ሕገ መንግስታዊ  ልዩ  
ጥቅምን አስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናት ሰነድ jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.

Wixinee qorannoo sana keessatti akkana jedhamee lafa kaayame:
የጥናት ሰነዱ ዓላማ
2.1. የኦሮሞ ብሄር የሰፈረበት መልክአ ምድር አንድ አካልና እምብርት የሆነችው ፊንፊኔ ታሪካዊ አመሰራረት፣ ነባር ነዋሪዋንና የስሟ ወደ አዲስ አበባ እና የሌሎች ቦታዎች ስያሜዎች መቀየርና መዛባት ፖለቲካዊ ምክንያቶችና ይህም በሚኒሊክ የተስፋፊ ሥርዓት የደረሰውን ጭቆናና የተፈፀመውን ግፍ ለማስገንዘብ፣
Wixinee labsii sana keessatti ammoo akkan jedhamee lafa kaayame:
ስያሜ
1) የከተማው ስም ፊንፊኔ ከአዲስ አበባ ጋር እኩል መጠሪያ ይሆናል፡፡
ስለ ባህላዊና ታሪካዊ ጥቅሞች
1) በከተማ አስተዳደር ውስጥ የሚገኙ የተለያዩ ቦታዎች መጠሪያ ወይም ስያሜዎች በጥንት ስሞቻቸው እንዲጠሩና ተዛብተው እየተጠሩ ያሉት ስሞች እንዲስተካከሉ ይደረጋል፡፡
Mee gara dhimmoota birootti otuu hin seenin dura asumarraa kaanee haa ilaallu. Finifinneen handhuura Oromiyaa ti jedhamee erga amaname fi maqaan kunis sirna weerartuu Minilikiin gara “Addis Abebaa”tti akka jijjiirame erga mirkanaawee; bulchinsa magaalaattii keessatti bakkeewwan (iddoowwan) maqaalee isaanii kan duriitiin akka yaamaman erga murteeffamee; dursee kan ta’uu qabau, maqaan Minilikiin jijjiirame sun deebi’ee maqaa isa uumaatiin “FINFINNEE” dhaan yaamamuu qaba malee, innii hangafti kun dagatamee ykn dhiisamee, maqaaleen bakkeewwanii qofaan jijjiiramuun gahaa miti. Kanaafuu, “የከተማው ስም ፊንፊኔ ከአዲስ አበባ ጋር እኩል መጠሪያ ይሆናል፡፡” kan jedhu fudhatama hin qabu. Otuu seenaan ragaa ta’uu, wanti maqaa koloneeffataatiin yaamamuuf sababni hin jiru jechuu dha.
 ወሰን
1) የከተማው ወሰን የከተማው አስተዳደርና የክልሉ መንግስት በሚያደርጉት የጋራ ስምምነት ይወሰናል፡፡
Asirratti wanti ifa ta’e hin jiru. Erga Darguun kufee, Wayyaaneen aangoo qabattee kaasee hanag har’aatti jechuun waggoota 26n dabran kana keessatti Finfinneen seeraa ala uummata Oromoo naannoo ishii jiraatan buqqistee baay’ee babal’attee jirti. Sana birallee dabranii, maqaa Maastar Plaaniitiin fagaatanii deemuuf yaalii godhaa jiru. Egaa, asirratti daangaa isa kamtu murtaa’a? Bulchinsa magaalaattiis ta’ee mootummaan naannoo Oromiyaa ofiin jedhu kun lamaanuu warra fedhii uummata Oromoo kabajanii fi kabachiisanii miti. Isaan lamaanuu tajaajiltoota Wayyaanee ti. Eenyutu eenyu wajjin mari’atee, daangaa kana murteessa? Dhimmi uummata Oromoo hin mari’achiisne fi fedhii isaa hin eegne milkaayuu hin danda’u.
የኦሮሞ ብሔር ተወላጆች መብት
1) በከተማው አስተዳደር ነዋሪ የሆኑ የኦሮሞ ብሔር ተወላጆች በኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ ሕገ-መንግስት እና በሌሎች የሀገሪቱ ሕጎች የተከበሩ መብቶች በከተማው ውስጥ የመጠቀም ሙሉ መብት አላቸው፡፡
Kun uummata oromootti qoosuu fi mirga inni biyya abbaa isaarratti qabu gadi xiqqeessuu dha. Duraan sirumaayyuu mirga tokkollee waan hinqabaanneef, amma mee akkuma lammiilee biyya sanaattuu haa laalamu jechuu dhaa?? Dhimmi ijoon dhimma naannoon Oromiyaa ykn ummatni Oromoo Finfinneerraa faayidaa addaa qabaachuu ti malee, kan Oromoo Finfinnee keessa jiraatanii qofaa mitii bar!! Uummatni Oromoo bal’aan Finfinneerraa faayidaa addaa yoo qabaate fi mirgi isaa guutuun yoo kabajame, kan jiraattota Oromoo magaalaa tanaas ni eegama jechuu dha. Maarree, maaliif dhimmicha gadi buusanii akkanatti xiqqeessanii laalu??
ስለ አስተዳደራዊ ጥቅሞች
2)በከተማው መስተዳደር ም/ቤት ውስጥ የኦሮሞ ብሄር ተወላጆች እንደ ከተማው ነዋሪ ያላቸው ውክልና እንደተጠበቀ ሆኖ፣ ከምክር ቤት ወንበር 25% የማያንስ የኦሮሞ ብሄር ተወላጆች ብቻ የሚወከሉበት መቀመጫ ይኖራቸዋል፡፡
Kun baay’ee nama ajaa’iba! Mee hubadhaa, biyyuma abbaa isaa fi handuura biyya isaa keessatti harka afur keessaa harka tokko qofaa (25%) qabaachuun uummata keenya tuffachuu dha. Akkuma saree waan sitti darbinu funaannadhuutii callisi jechuu fakkaata.
6)ፊንፊኔ/አዲስ አበባ የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት ዋና ከተማ ሆና ታገለግላለች፡፡
Finfinneen magaalaa guddoo (hangafa) naannoo Ormiyaa ti erga jedhamee; bulchinsi ishiillee bulchinsa naannoo Oromiyaa jala galuu qaba. Akkanatti mirgi uummattota magaalaa tanaa kan Oromoo hin taane eegamaaf malee, Oromoon achi keessa jiraatan akka saba bicuutti laalamanii mirgi murtaaye tokko isaaniif kennamuun sirrii hin ta’u. Jaalatamus jibbamus, Finfinneen guutumaa guutuutti bulchinsa naannoo Oromiyaa jala galuu qabdi. Finfinneen qaama fi handhuura Oromiyaa erga taatetti, faayidaa addaa wanti jedhu kunuu hin jiru. Fudhatamus dhiisamus dhugaan jiru isa kana.
ስለ ማህበራዊ የአገልግሎት ጥቅሞች
2) ለኦሮሚያ ክልላዊ መንግሥት ኃላፊዎችና ሠራተኞች እንዲሁም የኦሮሞ ተወላጆች የመኖሪያ ቤት በከተማ አስተዳደሩ ከሚገነቡ የጋራ መኖሪያ ቤቶች በ15% ቅድሚያ የማግኘት ወይም የመከራየት መብት ይኖራቸዋል፡፡
Kun maal jechuu akka ta’eyyuu ana naaf hin galu. Dhibbantaa 15 (15%) dursa argachuu jechuun maali? Maaliif hangi kun murtaaye?
11)የከተማው አስተዳድር ለከተማው ህዝብ ከሚያቀርባቸው አገልግሎቶች ጋር በተያያዙ የልማት ሥራዎችን በክልሉ መንግስት ጋር በመመካከርና በመስማማት ሊፈፅም ይችላል፡(sarara anatu itti dabal)
Bulchinsi magaalaa Finfinnee, dhimma akkanaarratti mootummaa naannoo Oromiyaa wajjin mari’achuu fi waliigalteedhaan raawwachuu ni danda’a malee dirqamaa miti jechuu dhaa? Yoo hin barbaadne ofuma isaatiif akka barbaadetti murteessuu ni danda’a jechuu fakkaata. Asirratti fedhiin uummata Oromoo kan hin eegamne yoo ta’e, kun akkamitti laalama?
የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት መብቶች
3)የክልሉ መንግስት የዚህን አዋጅ ማሻሻያ ሀሳብ በማመንጨት ለኢፌዲሪ የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት የማቅረብ መብት ይኖረዋል፡፡ የሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤትም ይህን አዋጅ ለማሻሻል ሲፈልግ የክልሉ መንግስት አስተያየት መጠየቅ ይኖርበታል፡፡
Kun sirriitti hubatamuu qaba. Tokkoffaa, mootummaan naannoo Ormiyaa mootummaa walabaa otuu hin taane, kan fedhii Wayyaanee eegaa jiruu dha. Waanuma Wayyaaneen itti himte mirkaneessee isaanumatti deebisee dhiyeessa jechuu dha. Lammaffaa, Wixinee kana (akkuma jiru kanattuu) fooyyessuuf, waan hir’ate guutuuf kan irratti mari’achuu fi yaada dhiyeessuu qaba uummata Oromoo bal’aa dha malee, mootummaa Wayyaanee tajaajiltuu miti. Kun waanuma ofiif karoorfatan murteessuuf deemu malee, fedhii uummata keenyaa eeguuf dantaa akka hin qabne ifatti mul’isa.
Egaa, qabxiilee tokko tokkon kaasuu yaale malee, akka hubannoo kiyyaatitti, walumaagalatti wixinichi hir’ina fi wanta ifa hin taane hedduu ofkeessaa qaba. Gadi fageenyaan hubachuun barbaachisaa dha. Kaayyoon labsii kanaa ammoo sochii uummata keenyaa kan akka ibiddaa boba’aa jiru kana qabaneessuu fi yaada uummata keenyaa karaarraa maqsuuf (attention diversion) waan yaadame malee, kun dhugumatti faayidaa uummatni keenya Finfinneerraa qabu hojiirra oolchuufii miti. Gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraas kan akkanatti laayyoodhumatti deebi’uu miti. Gaafiin isaa deebii argachuu kan danda’u, yoo uummatni keenya guutumaa guututti abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffate qofaa dha. Kunis wareegama ulfaataa gaafata malee, mirkanaa’uun isaa hin oolu. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin tokko hin jiru.
Galatoomaa!
Abdii Boruu

No comments:

Post a Comment