Odeessa FXG Godinoota Oromiyaa Gara Garaa.

Adoolessa 16, 2017 | Gabaa Qeerroo Irraa

Uummanni Shaggar lixaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu Qeerroon naannoo Sana’a addeessan. Akka gabaasa qeerroo naannoo sanaatti rakkoowwaan jireenyaa ilma namaaf barbaachisan kan akka, tajaajila Daandiin, Ibsaa ,Bishaan fi kkf guutummaatti surni nama nyaataa mootummaa wayyaanee ummatarraa kuteera uummanni rakkoo guddaa keessatti argama.
Kun kanaan osoo jiru uummanni dalagee jiraachuu hin dandeenye, tajaajila uummanni argaachuu qabu kutuun gibira humnaan olii nurratti fedhuun mirgaa fi haamilee keenyaa cabsaa jira jechuun uummanni quba nyaachaa jira. Sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee kun ilaalcha gad aanaa waan qabuuf hanga kana duraa karaa hedduun duguggaa Sanyii nurratti raawwaachaa ture ammammoo karaa gibiraa uummata keenyaa biyya mancaasuuf waan kadheef sabni Oromoo dammaquu qaba. Qaamni sagalee guddaa qabu akka qeerroo kutaa maraa gurra nubuusan nudhaama jechaa jiru qeerroon naannoo sanaa. Sirna nama nyaataa kana ofirraa gaggeessuun furmaata hiree jiraachuu keenyaati quba wal akka qabaannuf waamicha nu dabarsaa jechaa jiru Ummanni naannichaa.

Godina Arsii Aanaa Hanqooloo waabeetti Ummanni gibira hin kaffallu jedhe. Godina Arsii lixaa Hanqooloo waabeetti Ummanni hojii daldalaa irratti bobba’e gibirri mootummaan nurratti fe’e humna keennaa oli jechun hojii dhaabudhaan guyyaa har’aa daldaltoota gandoota hundarraa walitti qabanii dirqamaan wal gahii teessisaa jiraachuu maddeen Aanichaa gabaasanii jiru
Godina Baalee Magaalaa Gindhiir keessatti jiraattonni fi Daldaltoonni Gibira mootummaan wayyaanee humnaa ol Ummatatti fe’e dura dhaabbachaa jiru. Guyyaa kaleessaa Suuqonni hundi gindhiir keessatti cufaa Ooluu isaanitiin har’a jiraattonniif daldaltoonni marii teessifamaa jiru. Marii kanarratti daldaltoonni gibirri humna keenyaa.oli wantii kaffalaa jedhamne baajata keenya kan walii galaatii oli kanaafuu hojii daldalaa dhaabnee hojii humnaatin jiraanna jechuun wayyaanota dura dhaabbachuun kan gabaafame yoo ta’uu.jiraattonnis gama isaanitiin gibirri dabaluun daldaltoota qofaa miti nullee miidha waan ta’eef nuti kan komannu motummaadha malee daldaltoota miti kanaaf mootummaan dhimma waa’ee gibiraa kana yeroo gabaabdutti akka nurraa sirreessee jireenna nagayaa jiraannu taasisuu qaba jechuun dura dhaabbachuu gabaasni oduu Qeerroo Aanichaa irraa nu gahe addeessee jira
Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa keessatti Wayyaaneen Gibira Ummatatti ol fe’uun guyyaa har’aa magaalattii keessatti daldaltoonni hedduun hojii dhaabanii suuqonni hedduun cufaa oolanii jiru. Addatti daldaltoota sabaan Oromoo ta’an karaa adda addaatin roorrifni karaa humnoota kumaandi poostitin irra gahaa jiraachuus maddeen keenya dabaluun gabaasanii jiru. Daldaltoonni har’a dukkaana isaanii cufanii oolanis Oromoota qofa ta’uun beekameera
Arsii Lixaa Magaalaa Adaabbaa keessatti ergaman wayyaanee.kan dura taa’aa liigii dargaggootaa jedhamuun muudame Obbo Amaanaa Jaruu Dargaggoonni hundi hojii tola ooltummaa irratti bobba’uun ji’oota lamaan gannaa kana dabarsuu qabu Jechuun dargaggoota walitti qabee dirqamsiisaa jira. Godina Arsii bakkoota hedduutti Hojii tola ooltummaa hojjadhaa jedhanii akka kaayyoo wayyaanee galmaan geessisuuf olola sobaa irratti bobbo’an taasifamaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo bakkoota gara garaa irraa gabaasaa jiru
Akkuma guutuu Oromiyaa keessatti godhaa jirtu mootummaan wayyaanee gibira humnaa olii ummatatti fe’uun rakkisaa jirtu Godina Arsii Aanaa Suudee keessattis Ummanni sababaa gibiraatin hojii dhiisaa jira. Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa keessa fi Magaalaa geersaa keessatti daldaltoonni gibira Wayyaanen itti feeterraa kan ka’e hojii dhaabanii guyyaa har’aa hojii dhiisanii dukkana cufaa oolchuun Ummanni Sukkaaraf Sooqiddas bakka irraa bitatu dhabee rakkoo keessa jiraachuu maddeen keenya aanaa suudee irraa gabaasanii jiru.
Godina Arsii Aanaa Jajuu gandoota adda addaa keessatti OPDOn Qonnaan bultoota leenjii haala qonnaafi facaasaa ganna kanaa irratti walitti qabnee haa leenjifnu jettee bakka hundatti Ummata walitti qabdee ABOn hin jiru pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo keenyaa Obbo Laammaa Magarsaa jala hiriiruu qabna. Lammaan Ummata Oromootif Lubbuu ufii kennee kunoo biyya guutuu keessa deemee waan hojjatame eebbisee kan hojjatamin hojjisiisaa jira.kanaafuu namni waayee ABO Yeroo kanatti yaadu nama sammuun nagaya hin qabne jettee Ummata gowwoomsaa jiraachuun dhagayamee jira. Ummata haala misooma keessanii irratti isin leenjifna jettee kaayyoo siyaasaa isii ummatatti gadi naqaa jiraachuu maddeen keenya aanichaa gabaasanii jiru
Godina Harargee Lixaa Magaalota Akka Baddeessaa, Ciroo, Hirnaa, Masalaa fi Bordoddee keessatti keessatti Mootummaan wayyaanee Caasaaleen gareef gooxii bakkatti deebi’uu qabu miseensonni dhaabaas bifa haarawaan ijaaramuun Caasaaleen mootummaa bittinnaayee ture bakkatti haa deebifamu jechuun Karaa ergamtoota isaatiin Ummatni miseensa fi Deeggaraa dhaabaa ta’uun galmaahuu qabdu jedhamee dararamaa jiraachuu maddeen keenya magaalota kanneen irraa gabaasanii jiru.
Godina Arsii Aanota hedduu keessatti Wayyaaneen Gaaffii Ummanni gaafachaa ture karaa hundaan deebisuuf kaane jechuun Taappeellaan Afaan Oromootin sirnaan haa barreeffamu jetti. Ergamtuun Wayyaanee OPDOn waggoottan 26 guutuu Ummata Oromootif hojjachaa turre akkuma jettee kijiba gadi naqaa turte Dagattee akka waan amma hirribaa ka’aa jirtuu godinaalee Arsii fi Baalee keessatti Afaan Oromoo sirnaan barraayuu qaba jettee fakkeessaa jiraachuu maddeen Oduu keenya Aanota gara garaa irraa gabaasanii jiru
Godina Harargee bahaa Aanaa Dadar keessatti OPDOn Hojjattoota waajjiraalee gara garaa badhaasaa jiraachun dhagsyame. Akkuma godinaalee hedduu keessatti ta’aa jiru mootummaan wayyaanee jibbaa ummanni isaaf qabu ummata keessaa baasu fi miseensota isaa Qeerrodhaan daaraa ta’e bakkatti deebifachuuf Warra hojii isaanii sirnaafi akkaataa wayyaanen barbaaddun hojjataafii ture badhaasuu ittii fuftee jiraachuu fi  fakkeenya Taatu jedhee leellisaa jiraachun ni beekama haaluma kanaan Magaalaa Dadar keessattis gochaa jiraachun dhagayameera.
Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaatti OPDOn Ummata Gowwoomsaa jirti. Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasatti Ergamaan wayyaanee bulchaa aanichaa ta’e Obbo kamaal Tolaa Ummani Aanaa Gadab Asaasaa Humnoota badii biyyaa balleessudhaaf Fasydan addaa Umnanni Oromoo finfinnee irraa argatu sirrii miti jedhanii jeequnsa kaasuf deemu dura dhaabaachuu qaba. Kuni Olola Sobaati faaydaan Addaa Isin Ummanni Aanaa Keennaa finfinnerraa argattan maali faaydan keessan asuma Asaasa keessa jiru kanaafuu olola humnoonni badiu hafarsan kanarraa ujoollee teessan gorfadhaa jechuun ummata gowwoomsaa ooluu maddeen oduu keenya gabaasanii jiru
Godina Arsii Aanaa Sireetti Maqaa misoomatiin wayyaanen Ummata saamaa jirti. Godina Arsii Aanaa Sireetti Mootummaan wayyaanee Ergamtuu isaa OPDO bobbaasun ummata kijibaan maallaqa irraa saamsisaa jira.Waliin gahiinsa daandilee gandoota aanichaa waliin gahiinsa daandilee magaalaa keessa keessaa bishaan dhugaatii fi wantoota gara garaatin maallaqa ummataa saamaa akka jirtu maddeen keenya gabaasanii jiru.
Akkuma beekkamu Miseensotaaf hojjattoota isii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti Ummanni Oromoo erga jibba wayyaaneef qabu karaa gara garaatiin agarsiisuu eegalee waggoonni hedduun lakkaawamanii jiru. Kanumaan wal qabatee OPDOn Museensotaaf hojjattoota isii kanneen moodeelii ta’an jechuun jibbaa Ummatni Isiif qabu keessattuu hojjattoonni isii keessaa balkeessuuf jettee geebafii sartifikeeta badhaasaa jiraachuu maddeen keenya wandoo gannat Irraa gabaasanii jiru.
#OromoRevolution Adooleessa 15/2017 Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Burraayyuutti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaachuun Mormiin dachaa sadii(3) oliin dabaluu Gibiraa fi Qaraxa adda addaa uummata akkam kan dheekkansiise yoo ta’uu Qeerroon Dargaggootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu roorroon uummata keenyarraa dhaabbachuu qaba jechuun Magaalaa Burraayyuu naannoo Kattaa fi Ashawaa Meedaa jedhamutti Sochii Warraaqsaa finiinsuun konkolaataafi Taaskiiwwaan (minibus) ajajaafi tajaajila mootummaa wayyaaneetiin socho’anii fi konkolaataa manaa kan abbaan qabeenyummaa isaanii kan aangawootaafi ergamtoota wayyaanee kanneen ta’an irratti Tarkaanfiin irree Qeerroo Dargaggoota Oromoon irratti fudhatamee deerooftee jiraachuu maddeen keenya Burraayyuu irraa gabaasan. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa itti fufinsaan gaafachaa jirruuf deebiin qubsaa hanga nuukennamuttiifi Master Plan Finfinnee hanga haqamutti falmaa irraa hin dhaabbatnu jechuun Qeerroowwaan Naannoo Burraayyuu dhaamsa dabarfatan.  
Haaluma kanaan guyyaa har’aa sa’aa boodarraa eegaluun sochiin kun magaalaa Burraayyuu keessatti kan jabaate yoo ta’uu mootummaan wayyaanee humna poolisaa federaalaa fi komaandii poostii heddumminaan gara Burraayyuutti bobbaased uummata goolaa jiraachuun ifa ta’eera.
Magaalaa Amboofi Gudar Keessattis mormiin kan itti fufee jiruu yoo ta’uu Magaalaa Gudaritti Daldaltootni Guutummaatti dunkaanaa(Suuqii) isaanii cufuun mormii sirna wayyaaneef qabaniifi balaaleffaannaa daballii gibiraa mormaa jiraachuu ibsatan. Magaalaan Amboo dirree waraanaa fakkaatee muddama ulfaataa keessa jiraachuu maddeen Qeerroo ifa godhaniru. Gabaasaa dabalataan walitti deebina.

No comments:

Post a Comment