Qeerroon Bilisummaa ummata Hin sodaachisu!

Hagayya 23, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Irraa

Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti belbelaa jiru irratti Hagayya 21 bara 2017 walgahii hatattamaa taasise.
Walgahii kana irratti rakkoon Oromoo mudate bilisummaa  Oromoo deebisuun kan hiikamu ta’uu sagalee tokkoon irra deebi’ee haaromseera. Dhumaatii gama addaddaan ummata Oromoo mudachaa jirutti xumura gochuuf Fincila Xumura Gabrumama jabeessuun furmaata qajeelaa ta’uus iticheera.

Adeemsa haga yoonaatti injifannooleen argamanis akka eegamanii fi caalatti akak guddatan irratti waliigalameera.
Yeroo ammaa kanattis karaa caasaalee Qeerroo, karaa jaarmiyaa, karaa namtokkee fi karaa aktivistoota addaddaa duulli mootummaa abbaa irree Wayyaanee dadhabsiisuuf gaggeeffamaa jiru akka aanja’etti jabaatee akk itti fufu Qeerroon hubachiiseera.
Gama kaaniin, basaastoti Qeerroo fakkaatanii dhaamsota bifa ergaa, hubachiisa, yaadachiisa, ajajaa fi akeekkachiisaan karaa Facebook dabarsan mul’achaa waan jiraniif caasaaleen Qeerroo kamiyyuu akkuma kanaan duraatti of-eeggannoon akka raawwatan dhaamera.
Kanuma waliin Duulli Wayyaanee dadhabsiisuuf karaa nagaa gaggeeffamu kamiyyuu sirna, amalaa naamusaa fi sansakkaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofee akka raawwatuuf YAADACHIISA armaan gadii hubachiiseera.
  1. Qabsoon kara nagaa gaggeessinu kaayyoon isaa humna diinaa dadhabsiisuu dha; galiin isaa bilisummaa ummata Oromoo ti.
  2. Qabsoon keenya kan fedhii fi jaalalaan keessatti qooda fudhatanii dha.
  3. Qabsoon keenya amala Wayyaanee kan doorsisaa fi sodaachisaan gaggeeffamuu hin dhaalu.
  4. Qabsoon keenya sirna, amala, naamusaa fi sansakkaa Oromummaatiin taliigama.
  5. Qabsoon keenya qabsoo nagaa waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya ummata keenyaaf of eeggannoo olaanaa godha.
Injifannoo ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 22 bara 2017

No comments:

Post a Comment