Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf

Haggaya 23, 2017 | Oromo Democratic Front (ODF)
Weeyraraa “Liyuu Poolisiin” Mootummaa Naannoo Somaalee Biyyaa Oromoo fi Ummataa Oromoo irraatti Geessisaa Jiru Daddaffiin Dhaabuf Waamichaa ADO Ummataa Oromoo fi Humnoota Oromoo Maraaf:
Bara sadeen dabaran kana keessa akka argaa jirrutti abjuun Somaaliyaa Guddittii (Greater Somalia) dhugoomsuu ykn daangaa naannoo Somalia baldhifachuu, gargaarsa mootummaa TPLFn hogganamuun dhugoomaa akka jiru ifaa dha. Akka beekamutti imammaanni lafaa Somalee baldhifachu mootummaa Ziyaad Barreen eegale. Abjuun Somaaliyaa Guddittii kun yaada ummata Afaan Somaalee dubbatu, kan Itoophiyaa, Kenyaa fi Jibuutii keessa jiraatan hunda mootummaa Somaaliyaa Guddittii keessatti walitti qabuu fi lafaa naannoo sana dhuunfachuu ture.

Abjuun kun imaammata Oromoota Kutaalee Harargee Bahaa fi Dhihaa, Baalee, Arsii, Gujii fi Booranaa lafa isaanii wajjiin humna waraanaatiin weeyraruun qabatee, Somaaliyaa Gudditti ti dabaluun ummatoota Oromoo kanneeniif maqaa Somaalee Abboo jedhuu baasuun Somaalessuu fi gabroomsuu ture. Loolli bara 1977 keessa Somaleen Itoophiyaa irratti bantee ture, loola abjuu kana dhugoomsuuf jalqabame ture. Loolli kun injifannoo Mootummaa Itoophiyaa yeroo saniin hobba’e. Lollii sun diigamiinsa biyya Somaalyaaf hanga tokko sababaas ture. Somaaliyaan biyya Oromoo kutachuun gabbachuu fi bal’achuu barbaaddee lola ofii kaafteen moohamnaan ofiif walitti gargaltee wal diigde.
Lolli mootummaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduuti ture sun, lola Oromoo fi mootummaa Ziyaad Barree jidduu ittis tahe ture. Qabsaawoonni Oromoo, hooggantotaa fi miseensota turan, weeyrara lafaa babal’fachuu fi Oromoo Somaalessuun/gabroomsuu san kutannoon dura dhaabbatan. Dhiiga qabsaawota Oromoo hedduutu biyyaaf, kabajaa fi mirga Oromoo weeyraartuu Somaliyaa irraa tiksuutti dhangala’e. Fashaluu weeyrara Somaaliyaa bara 1977 saniif qabsaawonni Oromoo qooda seenaan hin irraanfanne gumaachan.
Lafaa ummata Oromoo kutanii Somaaliyaaf dabaluun ammallee bifa jijjiiratee eergamtoota TPLFn itti fufe jira. Weeyrara/lola tokkummaa ummata Oromoo fi lafaa Oromoo irratti xiyyaafatee deemaa jiru kana Oromoon hundi tokkummaan dura dhaabbachuu fi fashalsuu qaban. Wareegama bilisummaa fi kabajaan Oromoo, tokkummaan lafaa Oromoo gaafatu hunda kafallee dura dhaabachuun abjuu Somaaliyaa Giddittii bifa harayaa kana hoongessuu qabna. Abbaan dhimmaa Oromoo dha, dhimma waloo fi jireenyaa kana irratti waliin dhaabachuun dirqama lammummaa ti. Hubannoo kana irraa ka’uun ADO waamichaa qabsoo kanaa gadii ummataa fi humnoota qabsoo bilisummaa hundaa fi saba Oromoof goodha:
1. Jaarmayoonni siyaasaa fi Hawaasummaa ummataa (civic) Oromoo hatattamaan walgeenye weeyrara namaa fi lafaa Oromoo irratti baname kana dhaabuuf marii fi murtiilee babrbaachisuu irraa akka geenyu waamicha lammummaa isiniif goona. Yoo dhimma bilisumaa fi tokkummaa lafa Oromoo weeyrara irraa tiksuu irratti waliif hin galle, maal irratti waliif galla? Yoo amma waliif hin galle; yoom waliif galla?
2. Jaarmayni siyaasaa fi Hawaassa kan mootummaa Itoophiyaa/TPLFn hogganamuu wajjiin hojjachaa jirtan, humna ummataa Oromoo weeyrarsiisaa fi lafa Oromoo alagaaf dabarsee kennuuf Oormoon lolaa jiru wajjiin hojjachaa jirachuu keessan beekaa. Humna dhiiga Oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa jiru wajjiin hojjachaa jirtu. Goochi kun gaaftama seena jala isin hin baassu. Yoo midhaan fi dararaan sabaa Oormoo irraa gahaa jiru kan isinitti dhagayaamu tahe, Caafeen Oromiyaa, OPDOn fi Humani warraana Mootumaa Naannoo Oromiyaa tarkaanfi hattamaa fudhachuun, weeyrara ummataa fi lafaa Oromoo irratti baname kana fashalsuun, bilisummaa Oromoo fi tokkummaa lafaa Oromoo tiksuun, ummata keessan bira karaa hundaan akka dhaabbatan waamicha isiniif goona.
3. Oromoonni humna waraanaa, humna tikaa fi humnoota adda addaa mootummaa TPLF keessa jirtan hundi akka ummata Oromoo bira dhaabbattanii fi bilisummaa Oromoo fi tokkumaa lafaa Oromootif loltan waamicha isiniif goona.
4. Yaa ummata Oromoo! Akka ummatoota adunyaa hunddatti, biyyaa fi lafaa kee irratti bilisummaa, kabajaa fi nagayaan jiraachuuf mirga guutuu qabda. Diinni sitti heddumaatu fi roorroon sitti jabaattulee, booddee injnifannoon kee akka tahu hin shakkin. Tokkummaan mirgootaa fi kabajaa namoomaa keeti fi Oromiyaarraa diina kaassuf waan qabdu hundaan ka’u malee malii biraa akka hin jirre hubattee, qabsoo bilisummaa, kabajaa namoomaa, fi mirga abbaa biyyummaa kee deeffachuuf itti jirtu caalaa akka fininsitu waamicha siif goona. Qabsoon kee qabsoo haqaati; hamma bilisummaatti itti fufi!
5. Ummatoota Itoophiyaa hundaaf: Weeyrarii gargaarsa mootummaa TPLFn Oromiyaa fi Oromoo irratti baname kun, weeyrara Itoophiyaa fi saboota biyyaattii hunda irratti baname tahu hubadhu. Weeyrarii ar’a Oromoo irraatti baname kun sirraattis akka banaame hubattee ummataa Oromoo waliin ka’un weeyrara Somaaliyaa Gudditti ijaaruuf deemu kana dura dhaabachuun, wabii bilisummaa keetii fi biyya keetiif dhaabachuu qabda. Guyyaa rakkoo waliin dhaabbachuun hegeree keenya hundaa tolcha waan taheef, Oromoof dirmadhu; mirgaa fi kabajaa keetiif, biyaaf dirmadhu waamicha jedhu isiniif goona.
6. Hundeen ykn maddii rakoo ummatootaa biyya Itoophiyaa hundaa mootummaa cunqursaa TPLF ti. Hanga mootummaan TPLF aango mootummaa Itoophiyaa dhunfatee jirutti, rakkoon ummata hunda hudhee jiru kun fala hin argatu. Tanaaf jecha, weeyrara “Liyuu Poolisii” Mootummaa Naannoo Somaalee fashalsuu fi mootummaa TPLF hiddaan buqqisuuf ummatoonni hundi tokkummaan harka walqabatanii akka fincilan waamicha seenaa goona.
Bilisummaa fi Haqani Hundaaf!
Adda Demokaraatawaa Oromoo (ADO)
August 22, 2017

No comments:

Post a Comment