Daa’iman Oromoo Ibidaan Gubuun Cubbuu Dhiifatama hin qabne dha

Onkoloolessa 09, 2017 | Damee Boruu Irraa

Bultii sadan darban kana keessa daa’imaan Oromoo sadiin biyya Somaleland jedhamu keessatti akka ibidaan gubatan burqa oduu adda addaa tamsa’aa jira. Utuu biyyi lamaan waraana irra jiraatanii illee daa’imaan waan waraana keessaa qooda in fudhannee  humni daa’ima miidhu abbaaramuu fi seera biyya lafaa duratti itti gaafatama qaba. Bakka waraanni hin jirretti ilmaan Oromoo waan tahaniif qofa ibidaan gubamuun abbarsaa fi balaalefanaan bira darbamuu kan hin danda’amne cubbuu guddaa dha. Warri hojii sukkannessaa fi hojii gadadoo hojjetan kun seera biyya lafaa duratti dhiyyaachuu qabu.
Diinni Uummata Oromoo inni duraa Mootummaa TPLF akka tahee yaroo gabaabduuf iyyuu dagachuu hin qabnu. Qabsoo bilisummaa uummatni Oromoo ggootummaa guuddan bilblichaa   jirru gara dabrsuu tattaafii fi yaalliin TPLF akka aduu ifati argaa jirra. Waraana “Liyuu Haayil” jedhuu leenjiftee, hidhachiiftee fi gala keniteef uummata Oromoo irratti Bahaan, Kibba Bahaa fi Kibbaan bobaaftee lubbuu hedduu galaafachaa fi qabeenya guddaa barbadeessuu erga jalqabdee ooltee bultee jirti. Uummatni Oromoo fi uummatni Somalee akka wal diinaftu gootee  ofii araara nagaa buusuun jiddu galtee nagaan jiraachuuf abbalti. Haa tahu malee uummatni ilmaan Kuushi tahe kun lamaan karaa hedduun kan walitti siiqu tahuu duwwaa utuu hin taane bara baraan uummta nagaan waliin jiraataa ture waan tahee akeeka TPLF kana harkaa fashalsiisaa jira. Yaroof ashakariin Wayyaanee Abdii illee Oromoo kaan ajjeessee, kummatamaan kan lakkawwan  qabeenya isaanii saamee Ogaadeen keessaa hattattamaan yaroo arii’uu Uummatni Oromoo Somaalota kuma dhibaan lakkawwaman kan  biyya Oromoo keessa jiraatan itti hin buune.

Kana irratti kan hubachuu qabnu bishiina siyaasa fi dammaqinsi Saba Oromoo sadarkaa abdii qabu tokko irra akka gahaa jiru dha. Utuu uummatni Oromoo akkuma Abdii ille uummata Somaalee Oromiyaa keessaa utuu arii’ee jiraatee akkeeka TPLF bakkaan gaahaaf ture. Bara kana akeekni TPLF akkuma TPLF hokkolaa jira. Karaa hundaan saboota xixxiqqaa uummata Oromo irratti kaasuuf yaalliin godhamaa jiru itti fufee jira. Uummatni bal’aa saboota naannoo keenya jiranii fi ergamtoota TPLF adda baafnee hubachuu qaba. Ergamtoota ishee warra hidhatee uummata Oromoo gooluuf deemuu akka lammaffaa lafaa kanetti daaraa gochuun barbaachisaa dha. Maqaa warra hidhatee uummata Oromoo irratti TPLF bobaaftuun jennee namoota saba isaan keessaa dhalatan miidhuun qabsoo keenyaa bu’aa hin qabu.
Daa’ima ilmaan Oromoo gubuun tooftaa TPLF sadarkaa olaanaa tahuu isaa ti. Gubanaan daa’ima ilmaan Oromoo dhiiga hunda keenyaa kan danfisu dha. TPLF ilmaan Oromoo qaroo tahan mana hidhaa keessatti ibidaan gubaa baate. Qabsoo saba keenyaa finiisisuu malee aarree gubannee waan ishee goonne jiru. Har’as qabsoo bilisummaa dacha dachaan finiinsiisuu itti hojii TPLF nuuf kenitu hojjechaa hin jirru.
Bu’aan hojii diinaa kun sab boonummaa Oromoo daran jabbeessaa fi haphee tahee wal itti maxxansaa jira qabsoo keenya miidhaa hin jiru. Waloon hidhamuun, waloon saamamuun, waloon ajjeessamuun, waloon qabsuwwuun uummata keenya dhugaan tokko gochaa jira. Yaroo Abdi ille Oromoota arii’uu Oromonni Oromiyyaa keessa jiran kan dirmannee, kan gargaarsa hin goonee fi kan mana koo koota fudhaa hin jenne hin jiru. Haalli kun waan hundaa caalaa diina keenya rifachiisee jira. Si achi uummata tufachuu fi gowwoomsuun waan isaan baasu miti.
Ammaan kana TPLF tooftaa biraan as bahuun waan hafu miti. Akka Seenaa irraa hubannuu yaroo mootummaan Impayeera Itopiyyaa kuufii akka hoola maraamartoon qabee of irraa naannawaa jiru kan utubee kufaatii olshu namoota dhalootaan Oromoo tahan akka tahee waan ifa jira. Har’a mootummaan TPLF akka qiinqanii nyaatamtee daraa tahuuf deemaa jirtu kana  warri Impaayeera Itopiyaa kufaatii irraa oolshuuf lafoo utuu hin taane fardaan gulufaa jiran agarra. Ummatni warra kana TPLF irraa adda baasee yoo ilaallee dhiigni obbolaa keenyaa bilaashaa tahuu isaa ti.
Uummatni Oromoo kaayyoo abba biyyumma murtfachuuf qabatee amma dhumaatti yoo hin deemnee fi gaaffii xixxiqqaan yoo gowwomsame ilmaan Oromoo akkuma dhaloota har’a kana barba baraan gubachaa hafu. Dhaloonni Oromoo har’a jirruu kun garbummaa irratti xummura gochuu itti gaafatama seenaa guddaa qaba. Qabsoo bilisummaa erga jalqabnee kaase akka yaroo har’a kana uummatni Oromm dammaqee irree tokkoo kun isa duraa ti.
Haalli dogongora uummata jiddutti uumuu danda’an tokko tokko dhalachuun ni mala yoo jennee of gaafanne, hin beekamu. Keessattuu TPLF wajjin warra hojjechaa fi jiraachaa ture qalbiin hubachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaa warri OPDO  keessatti aangoo qabaachaa turan namootni  akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Lammaa Magrsaa utuu uummataa isaanii wajjin hiriiroo galaanii uummata keenya salphinaa fi gubbannaa kana keessaa baasan isa darbeef namni isaani irra ilaalu hin jiru. Amma ammaati Lammaan afaaniin illee taatu akka Uummata Oromoo wajjin dhaabbatu dubbachaa jira. Ammaan kana Abbaan Duulaa mana marii Impayeera Ityoopyaa keessa hojii isaa fedhiin gadhiisee bu’ee jira jedhama. Kan ilaalamuu fi hordofamuu qabu  bu’ee humna isa kam wajjin dhaabbachuuf deema? Isa jedhu taha.  Yaaddoon koo inni guddaan yoo humna warra Impaayeera Itoopiyaa wal itti suphanii kufatii olshuuf deeman wajjin yoo dhaabbate qabsowwan Oromoo fi Uummatni Oromoo TPLF caalaa Abbaa Dulaa sodaachuu qaba dha.  Akka hubannaa koo yoo tahe  Abbaa Duulaa Gammadaas tahe Lammaa Magrsaa saba isaanii wajjin tahanii seenaa boonsaa Sabni Oromoo galmeessuuf deemu kana keessaa qooda fudhachuu filatu malee seenaa garbummaa xurraa’aa saba isanii irratti fe’anii darbuu waan hin filatan natti hin fakkatu.
Akkuma qabsoon uummataa jabbaachaa dhufeen humni siyaasaa waan wal calalaa deemuuf gara fuula duraatti arguuf jirana.  Uummatni Oromoo abba biyyumaa isaa mirkanneefatee , alabaa isaa dhaabbatee olaantummaa dingadee fi siyaasa biyyaa isaa irratti qabatee,  Oromiyyaa keeassatti afaan hojii fi burmusaa afaan Oromoo amma tahu itti qabsoo hadhooftuu gochuu malee filmaata biraa hin qabnu.
Injifannoo uummata Bal’aa Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment