HANGUMA NUUTI JABAANNU, SHIRRI DIINAAS JABAACHU HUBADHUU !!

Onkoloolessa 13, 2017 | SEENAA Y.G (2005)

Sochiin qabsoo keenyaa akka sibiilaa jabaachaa deemuun haqa. Har’a warra yaadaan dhibamanii fi Habashummaan keessaa dhikkifatee yaada gara garaa kaasaa jiraniif, akkasumas, gufuu qabsoo keenyaa ta’aniif hin dhiphannu. Maaliif jennaan, Sochii amma gaggeeffamaa jiru keessatti qooda mataa isaa gumaachaa ka jiru, dhibbeentaa 95%n waan caaluuf. Har’a namoota muraasaaf jennee hegaree keenyatti yaadda’aa hin jirru. Diina fira fakkaatee mitii, diinni inni innikaayyuu hegaree isaaf yaadda’aa jira.

Siyaasni Oromoo guutummaa Biyyatti dhuunfatee jira. Oromoon bakka saboota 87 dubbatee falmaa jira. Sagalee dhageesisaa jira. Wareegama ulfaataa kafalaa jirra. kanatti ni boonna. waggoota amma kana waliin jiraannee kan nu waliin waan amma itti jirru nu deeggaree dhaabbatee wareegama baasaa jiru arguu baannus, itti hin gaddinu. Kan itti gaddinu nuuti isaaniif wabii taanee itti argisiifnee nu harkaa fudhachuu yoo didaniidha. innimmo yeroo fudhachuu danda’a. Ammatti kan nu yaaddeessus miti.
Har’aa qabsoon keenya OPDO raasaa jiraachuu fi haasaa duraan haasa’aa jiran isaan geeddarsiisaa jiraachuu argaa jirra. OPDOn waan gaggeessaa jirtuu Ummata biratti haga tokko dhageetti argatuus, Oromoon itti of gatuu hin qabu. Haasaa isaanii fi gocha isaanii ammaa kanaan, waan waggaa 27 nu hojjatan hatattamaan haquufiin sirrii miti. Badii kana Oromoon waggaa 27 dura itti himaa ture. Waan inni itti himaa turee sanarra tarkaanfatanii deemuu isaaniin dhiiga dhangalaasanii jiru. Kanaaf har’as, waan itti himamaa jiruu fi isaanuu dubbachaa jiran kun haasaa fi jecha wal harkaa saamanii ummata biratti jaalala horachuuf ta’uu fi dhiisuu adda baafachuu qabna. OPDO waan deemtuuf ofiin raawwattee Ummata biraa amantaa argachuu qabdii. Osoo hojii ijoo hin eegaliin Ummataan nu faana hiriiraan tarii dhugummaa of keessaa qabaachuu shakkisiisa.
OPDOn gonkumaa wayyaanee fi sagantaa siyaasaa Ihaadeeg jala teessee Oromoof deebii kennitiin waan hin fakkaannee. Abbaa duulaan angoo gadhiiseef, ykn Lammaan haasaa mi’awaa dubbateef gonkumaa badii waggaa 27 haquufii hin qabnuu. Hojii isaaniin isaanumti haa haqan. Waliin hojjanna jedhanii wayyaanee jalatti nu waamuun gonkumaa furmaata hin taatu. Polisiin Oromiyaa har’allee hidhamtoota siyaasaa kuma 100 ol mana hidhaa keessatti ittisaa, ofiin haasaa wal fakkaataa warra hidhamee dubbachuudhaan aantummaa ummataa mirkaneessuu hin danda’an. Gochii amma raawwatamaa jiru, tarii keessa ykn sochii ummata keenyaa addatti kan qeerroo seenuu fi madda isaa beekuu barbaacha ta’uu waan maluuf of eeggannaa cimaa nu barbaachisa. Polisiin Oromiyaa ummataaf amanamaa ta’ee ofiin of mul’isuu qaba. OPDOn gaaffii mirgaa waan kaasneef, warra biyya diigan nuun jechuu eegalaniiru jedhanii dubbachuu ega eegalanii, warra kaleessa dhiphummaa fi shororkeessummaan mana hidhaatti galchan gadhiisuu qaban.
Wayyaaneen akka malee badduudhaa. waan raawwatamaa jiru hundatti of gatuu hin qabnuu. humni akka Ummata seenuu taasifamaa jiru kun, boruu deebisee nu miidhuu danda’a. Namoonni har’aa Angoon qabatanii asi nutti baasaa jiran, ummata akka hawwatanii fi keessa qeerroo ega ittin seenanii waa hundaa baranii booda isaaniin achirraa kaasanii, qeerroo dhabamsiisuuf ofii itti darbuu danda’uu of eeggadhaa. Wayyaaneen akka malee hamtuudhaa. Shira wayyaanee kana Lammaan ykn abbaa duulaan beeku dhiisuu maluu. Ummata akka hawwataniif qofaa ergamanii ta’aa. Waan  barbaadan ega argatanii booda wayyaaneen hunda isaanii ni kaaftii.
Wayyaaneen maddaa fi ka’umsa qeerroo baruuf yaalii isa dhumaa taasisaa jirti. Kanaaf gocha gama kanaan jiru hundarrraa of eegaa. Sochii qeerroo fi kaayyoo qeerroo gonkumaa eenyufillee ibsuun barbaachisaa miti. Polisii Oromiyaa akka haaraatti qophaa ijaaruu malee qeerroo kaleessatti hin makiinaa.
Gama biraan Sochiin OPDO keessaan gaggeeffamaa jiru, qophii filannoo 2020 natti fakkaata. Humni OPDO waliin marii araaraa gochuu barbaadu Biyya alaa kana waan jiran natti fakkaata. OPDOn karaa sirrii jirtii jedhamee akka biyyatti seenamuu fi humni seenuu sunis qeerroo kan of harkaa qaba jedhu ta’uu danda’aa of eeggadhaa. OPDOn of dandeessee gaaffii Ummata Oromoo deebisuu qabdii. OPDOn Fedaraala keessaa guuramanii ba’an iyyuu , miidhaan geesisuu hin jiru. Inumaa Oromiyaa humna waraanaa jala galchuuf karaa saaqa. Sochiin isaanii kun jijjiirama buqqaasaa fiduu qaba.
Kottaa ni mari’annaan maal jechuudhaa? Maalirratti mari’atuu? Kana hunda herreega keessa galchinee haa sochoonuu. OPDOn Anga’oota arraba qaban kana ooltee atuu hin buliin wal ga’ii waamuu eegalaniiru. Waan ummati kanaan dura gaafateef deebii kennuu moo, kottaa har’aa kaafnee wal taanaatu furmaata. Waggaa 27 guutu kanuma jechaa jiraatan. Kanaaf opdon badii isaa ummata irraa eeeguu hin qabu. Ofiinu ni beekan. Badii sana hundee isaaatii kaasanii ummatatti asi ba’uu qaban. Kanatu furmaata. Kanaaf Ilmaan Oromoo addunyaa irra jirtan sochii amma gama OPDOn hojjatamaa jirutti of hin gatiinaa. Dhiiga waggaa 27 dagattanii haasaa qofaan suuraa OPDO maxxanfachuuf hin jarjariinaa. Haasaamaan geddaramtuu taanaan kaayyoo keessanitti jabaa ta’uu dhabuu keessan mirkaneessituuti. OPDOn jijjiirama dhugaa barbaannaan, Ummata hawwachuun dura waan Ummati barbaaduu raawwattee asi ba’uu qabdii. Yoo hin ta’iin, waamichi ummata waggaa 27 miidhameef taasifamuu sossobbii irra hin dabruun jedhaa jabaadhaa.
HORAA BULAA !!

No comments:

Post a Comment