Qabsoon Oromoo Qabsoo Bu’aawwan Xixiqqoof Eegale Miti, Bu’aawwan Xixiqqoo Halagaaf Galtuurraa Argameenis Hingufatu.

Sadaasa 16, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon bilisummaa uummataa qabsoo dhugaati. Bilisummaa uummataa tokkoof qabsoon uummatichaan godhamu hanga bilisummaatti jabaatee itti fufuun dirqama. Nuti Oromoonis qabsoo bilisummaa Oromoof qabsoo kaleessa jaallan kitila itti dhabne duuka jirra. Qabsoon nuti gochaa jirru qabsoo haqaati. Qabsoon haqaa bu’aaf dantaa xixiqqoo diinarraa uummataa godhamuun hinshiminu. Qabsoon haqaa hanga bilisummaatti. Irbuun qabsaa’otaas hanga bilisummaatti qabsoo jabeessee akka itti fufu dirqa.
Har’a qabsoo uummatni Oromoo du’aa ajjeefamaa dhibee addanaan gahe, ilmaan cunqurfamoo impayeera biyyattif daandii qabsoo saaqera. Har’a impaatera Ethiopia keessatti Oromoo dhiisii sabootni biroon akka dur garbummaaf tole jedhanii akka hinbulle qabsoon Oromoo karaa agarsiiseera. Qabsoo dhugaatu akkana.

Waan ta’eef jala deemtotaaf wayaanonni uummataa keenya akka argan ajjeesanii Foon qabsaa’ota keenyaaf dhiiga qabsaa’ota dhugaa kanneen dhugaa turan, bu’aa hinmul’anneef Bu’aawwan xixiqqoon uummataa keenya qabsoo isaa daandii biraatti haqaaquu kanneen fedhaniif deebii quubsaa laachuun uummataa Qeerroo Bilisummaa irraa dirqama guddaatu eegama. Deebiin nuti laannuu deebi Bilisummaa uummataa dhugoomsu, kan sobaaf sossobbaa hinqabne ta’uu qaba. Waggoota hedduuf baroota dheeraadhaaf qabsoon abboota keenyaa hatamaa tureera. Hanni qabsoo kun ilmaan garboonfattootaa akka qancarsaa ture beekuun nii danda’ama. Qabsoo uummata Oromoon habashaan jaarraa hedduu nurra  sirbuu dandeeche jirti. Haa badan qabsoo ammaa kana, hattoonni hatuuf ija miixaa jiran akkuma mul’ataa jiran kanatti hongaahuu qabu.
Oromoon utuu ajjefamaa, ari’atamaa jiruu. Utuu kumoota dhibba torbaa olitti kan lakkaahamu ardaa dhabee, qee’eef maallaqa saamamee jiruu hattoota Wayyaaneef diina uummataa nagaa kanneen aangooratti tiksuun dubbiin fafaati. Kanaaf afaanfajjii hollannaa dubbiin dabballoota wayyaaneen qabsoo hubdee wayyaanee tortorsee same duubatti deebisuun qabbaneessuun garboonfataa du’e fayyisuudha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo ajjeechaa suukaneessaa uummataa Oromoo irratti raawwataa jiru, addatti Godina jimmaa keessatti ajjeechaa ilmaan Oromoo magaarra dhaqqabaa jiruuf, hidhaaf dararaa uummataa keenyarra Oromummaa qofaaf gahaa jiru hidhaa bifa addaan Lixa eegalee jiru gadjabeessee morma. Qabsaa’ota haqaa hidhamanii jiran hanga lakkifamanitti nageenya boyyaa booressanii warreen biyya bulchaa jirra jedhan addatti balaaleffata.
Maayi irratti. Qabsoo kana fiixa bahinsaan geessisuuf ijaarmaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaa, hiriira mormiif diddaawaan karaa nagaa gochaa jirru ammallee jabeessinee akka itti fufnu ta’uu qaba. Gochaawaan diinaa kaleessaa nama bu’aa muraasaa dagatuuf ta’uun qabsaa’ota haqaarraa hineegamu. Waan ta’eef qabsoo kokkee Wayyaanee qabee jiru itti muddamsa jabaa keessan galchuuf saloon kaanee haxxummaa wayyaanee lafatti makuun gala dhumaati. Qabsoon Oromoo qabsoo bu’aawwan xixiqqoof eegale miti, bu’aawwan xixiqqoo halagaaf galtuurraa argameenis hingufatu. Qabsoon itti jirru ammas fuulduratti kan adeemu ta’uu qaba. Garbummaatti xumura gochuuf qabsoo eegalle finiinsuun waajiba.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Oromiyaa Finfinnee
Sadaasa 16, 2017


No comments:

Post a Comment