“Sunsuma Jijjiiruun Marqa Hin Midhaaksu”

Sadaasa 16, 2017 | Waaqoo Nooleetiin

Dhugaan ilma nama bira jiraachuu qabu kan yoomuu jijjiramuu fi daddaquu hin qabne waan jibbu jaalachuu dhabuudha. “MAN NO SEE DIRT, NO HEAR DIRT AND NO CLEAN DIRT” Kun akkamitti danda’amaa?
Haarawoomsa, Haarawoomsa, Haarawoomsa…oggayyuu Haarawoomsa maal Haarawoomsuu? Bofni Umrii isaa muuxata malee hadhaa isaa hin muuxatu. Bofni yoomiiyyuu eenyummaan isaa Bofuma.
Seerri uumaa fi uumamaa osoo hin jaalatin dirqiin waqtiilee jiran keessatti uumama jalqabaa uumama itti aanuun jijjiraa hanga guyyaa xumuraatti imalchiisa. Uumamni jiran cuftuu turtii yeroo jiranii keessatti Safuu fi dudhaa walii tiksuun seeraa fi heera ittiin bulmaata isanii baafatanii ittiin wal taliigaa jiraatu.

Ilmi namaas uumama jiran keessaa nama yaadu wanti jedhamuufis dandeettii waa yaaduu fi akkataa ittiin wal bulchu, ittiin wal taliigu Sirna Bulchinsa walii wajjii ykn sirna Bulchiinsa Ummataa kan hadha Addunyaan (Democracy) baantu, Oromoon ammoo Sirna Gadaa (Gada system) jechuun ittiin wal bulchaa ture sana waan hubatuu fi beekuufi.
Kan Impaayira Itiyoophiyaa ammoo kanaan adda, Haxxee Gabrummaa kan hulaa Bilisummaa dhoowatee duuchee bira ta’u, danqaraa bara baraati (Vicious cycle).
Biyyi takka biyya ta’uun isii kan ittiin beekkamtu, maqaa biyyummaa qofa gonfattee tarree biyyoota addunyaa dhaabbachuu osoo hin taane, heeraa fi seera biyyatti kabajuun bulchitoonni biyyattii olaantummaa ummataa yoo mirkaneessan qofaadha. kun hanga hin taanetti Seera uumaa fi uumamaa fallessuun cubbamaa cubbuu hojjetaa fi hojjechiisaa jiraachuun Faallaa seera umaa fi uumamaa Waaqa birattis nama gaafachiisuudha.
Waan ta’eefis hadha Hoogantooni OPDO saalfii tokkoon ala gadi bahuun, Haarawoomsa haarawoomsa jedhaa lallabuun Ummata Oromoo gowwoomsuu osoo hin taane Ofii Daallee ta’uudha. “Fakkeessaan Shishii Buna hin gootu” Fakkeessuu fi fafakkeessuun ergama gooftolii isaanii irraa fudhatan galmaan gahuuf jecha Ummata Oromoo afotti bahuun akka waan aantummaa Oromoo qabanii of fakkeessuun keessaa fi alatti wal ijaaranii xibaaraa oolaa buluun fokkuudha; Safuudha, safuu Waaqaa lafati, Cubbuu araarama hin qabne kan seeraa fi seenaanis wal nama gaafachiisu kan WAAQNILLEE itti nama gaafatuudha.
Dheengadda, kalee, hadha osoo wal irraa hin cinne ummata Oromoo Qabeenya isaa saamaa saamsisaa, ajjeesaa, hiisisaa fi biyyarraa baqachiisaa hadhaan tana Of haarawoomsine, Dheengaddaa hanga kaleetti rakkoruu jira, kanneen rakkoo uuman keessaa nu tokko, ummata miineerra, yakkineerra nu yakkamtoota jedhaa ummata hawachuuf jecha afaan Damma dibachuun gonkumaa hin danda’amu. Yakkamaan ofii mana hidhaa seenuu qaba malee Ummata Oromoo jumlaan qabee hidhuu hin qabu. Of haarawoomsinee wal haarowsinee socho’uu qabna, ummanni keenya amma gurra nuuf ergisee jira, warri kalee bakka nu jirru kana jiraataa turan amaanaa ummataa nyaataa bahan nu ammoo amanaa ummataa baannee fedhii ummataa guutuu qabna jechuun of mi’eessanii wal mimi’eessuun,  “na argi na argiin na dhossi na dhossii fiddiin” adda hin jiru. kanaaf kan “Sunsuma Jijjiiruun Marqa Hin Midhaaksu” jedheefis.
Walumaa galatti ummanni Oromoo keessaa fi alaan jirtan addatti ammoo Qeerroon Bulisummaa Oromoo haasawa afanfajjii OPDOn karaa foddaa TV isaaniitiin Xibaartu faanaa mil’achuun isin irra hin jiraatu. Warra Korkodee nu qabuun imala nu dhoowwe Ergamtoota/fakkaattota/gantootaa fi malaan nyaattota dabalatee Mootummaa saamtuu fi goolessituu tana of irraa buufnee abbaa biyyaa ta’uuf mallii fi falli jiru tokkiichi Qabsoo itti jirru Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa FXG Oromiyaa finiinsuu duwwaadha; kanneen nu fakkaatanii nu waliin nayaataa nu nyaatanii fi kanneen osoo arginuu ija nu diimeffataa nu nyaatan cufti isaaniituu nuuf SAANTIMA TAKKA TAN FUULA LAMAATI.
Mootummaan afaan qawweetiin dhufe afaan Qawweetiin qofa bu’a waan ta’eef Qabsoo Karaa hidhannootti dabalamnee WBO cinaa hiriiruun haa qabsoofnuun Dhaamsa kooti.

No comments:

Post a Comment