Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf.

Muddee 27, 2017 | Jaal Seenessaa Qeerroo Irraa

Paarlaamaan Wayyaanee Sirna EPRDF/ TPLF (ADWUI) Afaan Qawween ijaarame dheengaddaa dhiibbaa guddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irraan gahaa jiruufi sosochii Sabboontota Oromoon faca’uun gabafamaa jira. Teessoon Paarlaamaa sobaa kan EPRDF/TPLF afaan qawween ijaarrate waggaa 26 guutuu Sagalee Uummata malee Gaddidduu Dimookiraasii sobaa dhaabbachuun Mirga Uummatni Oromoo gama Dimookiraasiin qabnuufi mirga uumamaa qabnu sarbaa kan ture Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa waggaa afuriif itti fufinsaan gaggeeffamaa jiruun raafama ulfaataa irraa qaari’ee Paarlaamaa Kijibaa Sagalee uummataa malee afaan qawweefi gaadidduu dimokiraasii sobaan walitti qabame raasaa jira. Paarlaamaan kijibaa kun murnoota wayyaanee irraa afaan qawween walitti qabamee ijaarame kun haa diigamu jennee itti fufinsaan gaafacha turuun keenya ni yaadatama.
Ammas Gaaffiin Keenyaa Paarlaamaan Sobaafi afaan qawween Walitti qabamee kun akka amma faca’uu eegaleettii guutummaatti diigamee biyyatti keessatti sirni Dimookiraasii dhugaan ijaaramee Paarlaamaa dhugaan fedhiifi Sagalee uummataan akka ragga’uuf atattamaan Mootummaan Ce’umsaa ABOfi Jaarmiyaalee Siyaasaa biyyatti hunda hirmaachisu haa hundeeffamu!!

 Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf
           ———————————————————-
Mootumman wayyaanee EPRDF/TPLF (ADWUI) Filannoo Kijibaafi Itti fakkeessi Marsaa shan akka gaggeessan beekamaadha. Filmaata isaan gaggeessaan kun itti fakkeessuuf malee bu’uura demokiraasiifi haqa qabeessuumma tokkollee kan hin qabnedha. Sirna filannoo wayyaanee keessatti  Boordii Filannoo walaba ta’ee, mana murtiifi waajjirri poolisii walaba ta’an hin jiran. Walaba ta’uun hafnaan qaamolee silaa bilisa ta’uu qabaniifi aantummaafi gartummaa tokko malee uummataaf dhaabbaachuu qaban (Boordii Filannoo, Mana Murtiifi Poolisii) kan hoogganuufi ijaaruu (ADWUI)/EPRDF/TPLF dha.

🔊Itti waamamnifi Itti Gaafatamummaan Boordii Filannoo Itoopiyaa Mummicha Ministeeraafidha, Mummichi Ministeeraa immoo Hoogganaa Paartii (ADWUI), EPRDF, TPLF ti. Qajeelfamaafi hoggansa Bordii Filannoofis kan kennudha. Sirna akkasii keessatti fillannoon gaggeeffamee uummatni sagalee isaan bakka bu’aa isaa filachuu hin danda’u, sagaleen uummataas hin kabajamu.

🔊Sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF (ADWUI) keessatti Filannoon dhugaan takkaa gaggeeffamee hin beeku. Garuu waan qaanfachisaafi salfachisaa ta’ee EPRDF/TPLF (ADWUI) filmata gaggeessinee 99.6% injifannee jedhee median haawasa addunyaatti of dhaadhessaa ture, utuu olola of dhaadheessuu afaan irraa hin fixatiin Sochiin Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa kan boodarra sabaafi Sablammoota hirmaachise raasee isa qabe, addatti Oromiyaa keessatti uummaatni Oromoo miliyoonotan bahee mirga isaaf falmachuun mootummaa 99.6% sagalee uummataniin filame jedhu salphise.

🔊Miseensotni Paarlaamaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO (ADWUI) Paarlaamaa keessa jiran cufti Sagalee uummataan kan filataman namni tokko keessa hin jiru. Lakkii ani sagalee uummataan filamee kan jedhu yoo jiraate namni tokko haa dubbatu ykn lakkii sagalee uummataan filatamani A ykn B ykn X fi Y kan jettaan yoo jiraate dubbadha. Kanaaf itti gaafatamummaan itti dhagaahamu hin jiru, uummaatni kan filateefi kan barbaadu abbaa qaba!!

🔊 Paarlaamaan kun sagalee uummataa malee humnaa afaan qawweetiin walitti qabamee kan ijaaramedha!!

🔊Ijoolleen Oromoo amma Paarlaamaa Wayyaanee keessa jiraniifi paarlamichi sirrii akka hin taanee mormaa jiran gaafa paarlaamaa kana seenaan akkamitti akka seenaan eenyuu olitti beekuu yoo dhugaa haaluu baatan. Har’aa Ilmaan Oromoo akka dhugaa dubbatan Qabsoon bilisummaa Oromoo hunda bakka jiruu dammaqseera, har’a kanneen paarlaamaa sobaa kana saaxilaafi dura dhaabbachaa kan jiran yoo du’as ta’ee jiraatne jechuun namootni muraasni ofiifuu maqaaf paarlaamicha keessa utuu jiranii roorrifama jiraataniifi utuu isaan achii keessa jirani ilmaan Oromoo irraatti gochii duguuginsa sanyii gaggeeffama jiru boqonnaa isaan dhorkatee dubbachiisuu danda’eera kun jajjabeeffamuu waan qabuufi paarlaamaan kijibaa kanas yeroon gadhiisanii bahuun waan sirriifi karaadha.

🔊OPDOn Paarlaamaa Kana Sagalee Uummata Oromootiin Seene miti,murtii ADWUI /EPRDF/TPLF ‘n Seene , kun dhugaa eenyu iyyuu haalu hin dandeenyedha. Gaafa dorgommii Filannoo miseensotni Paarlaamaa OPDO keessa filataman waraqaan xalayaa ittin dorgomaan kan kenneefi kan isaan akka dorgomaniifi bakka itti dorgoman kan hiriirse EPRDF dha. Maqaan isaan itti Dorgomanis bakka bu’oota ADWUI /EPRDF naannoo Oromiyaatti jedha malee bakka bu’oota OPDO illee hin jedhu. Kanneen maqaa OPDOn dorgoman Warra bakka bu’oota Caffee Oromiyaatiif dorgomedha.

Walumaagalatti Teessoon Paarlaama itoophiyaa maqaaf malee karaa haqa qabeessaafi fedhii uummata Oromoofi sabaafi sablammoota biyyatti irratti hundaa’uun kan ijaarame waan hin taaneef diigamuu qaba!! Ammaas irra deebi’uun kan gaafatnuufi dhaamsa dabarsinu mootummaan ce’umsaa ABOfi dhaabbilee Siyaasaa hunda hirmaachisu atattamaan akka hundeeffamuu gaafatna!!

                  Injifannoon Uummata Oromoof!!

               Qabsoon itti Fufa, Garboomsaan ni kufa!!

                         Mudde 24/2017

No comments:

Post a Comment